1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2«Hennaa ibsaa ibsitu ibsaan torbanuu baattuu ibsa'aa afo'otti ifan jedhii Aaroonitti himi»
3Aaroonillee akkasuma godhe; akkuma Rabbi Muusee ajaje baattuu ibsa'aa afo'otti ibsaa qabsiise.
4Baattuun ibsa'aa worqii tumame irraa akkasumatti hojjatame; soomayyuu isaa irraa jalqabee haga daraaraan isaa tumamee hojjatame akkuma Rabbi Muuse'etti mudhise baattuu ibsa'aa akkasumatti hojjate.Seera Woyyoomu'uu Fi Qulqullaawuu Leewwotaa
5Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
6«Ijoollee Israa'elii keessaa worra Leewwotaa fuudhii isaan woyyoomsi;
7hennaa isaan woyyoomsitu akkana goota; bisaan cubbuu irraa isaan qulqulleessu isaanitti facaasi; rifeensa nafa isaanii irra jiru maraa haa haadatanii, uffata ufii haa miicatanii; nafa ufiillee haa dhiqatanii.
8Jibicha, kennaa midhaaniitii fi daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame haa fidanii; jibicha biraallee ciincaa cubbu'uutiif fidi;
9kanaan maayessa worra Leewwotaa daasee wol gayi'ii afoo fidii banii ijoollee Israa'elii maraa wolitti qabi.
10Worra Leewwotaa Rabbiin afoo dhiyeessi; ijoolleen Israa'elii harka ufii worra Leewwotaa irra haa kaayanii.
11Aaroon worri Leewwotaa akka Rabbiif hojjataniif worra Leewwotaa ijoollee Israa'elii jiddu'uu kennaa godhee Rabbiin afoo haa dhiyeessuu;
12Worri Leewwotaallee harka ufii mataa mirgoole'ee irra haa kaayanii; waan araara Leewwotaatiif mirgoo tokko ciincaa cubbu'uutiif; mirgoo lammeesso'oo ammo ciincaa ciincawuuf Rabbii dhiyeessi» jedheen.
13«Worra Leewwotaa Aaroonii fi ijoollee Aaroonii afoo dhaabsisi; kennaa Rabbii godhii isaan muudi;
14Ijoollee Israa'elii keessaa worri Leewwotaa kiyya haa ta'anii.
15Achiin maayessa worri Leewwotaa daasee wol gayi'ii keessatti hennaa hojjachu'uuf seenan kennaa gootee isaan dhiyeessita;
16isaan ijoollee Israa'elii keessaa bikka kaawwanii sirima anaaf waan fooyamaniif; ijoollee Israa'elii keessaa ka hangafa dhalate maruu ufiif waan taasifadheeruuf.
17Gaafa hangafa biyya Misirii maraa ajjeese ijoolleen Israa'elii hangaffan maruu nama ta'ee'e yookaan horii ufiif isaan waan woyyoomfadheef isaan kiyya.Ser. Ba'u. 13:2
18Bikka hangafa ijoollee Israa'elii maraa worra Leewwotaa ufiif fooyadheera.
19Ijoolleen Israa'elii hennaa balaan akka isaan irra hin geenne akka ijoollee Israa'eliitiif araara dhiyeessan hujii daasee wol gayi'ii keessa akka hojjataniif worra Leewwotaa ijoollee Israa'elii keessaa Aaroonii fi ijoollee Aarooniitii kennaa godhee isaan dhiyeesseera.»
20kanaaf Muusee, Aaroonii fi baniin Israa'elii maruu Leewwota akkuma Rabbi isaaniin jedhe woyyoomsan; akkuma Rabbi Muusee waan ijoollee Leewwotaatiif ajaje akkasuma isaanii godhan.
21Leewwonni cubbuu irraa hin woyyooman; uffata ufiillee hin miicatan; Aaroon kennaa Rabbii taasisee isaan dhiyeesse; Aaroon isaan woyyoomsee Rabbiin wolitti isaan araarse.
22Achiin maayessa Leewwonni daasee wol gayi'ii keessatti Aaroonii fi ijoollee Aaroonii afo'otti hojjachu'uuf seenan akkuma Rabbi waan Leewwotaatiif Muusee ajaje isaanillee akkasuma godhaniif.
23Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
24«Seerri worra Leewwotaa kana; namni woggaa diddamii shanii fi ka achii olii daasee wol gayi'ii keessatti hojjachu'uuf seenan.
25Woggaan isaanii yoo shantama guute, hujii ufii san hin dhiisan achiin maayessa womaa hin hojjatan.
26Achiin maayessa waan isaanitti kenname eegu'uuf obboleewwan ufii daasee wol gayi'ii keessatti gargaaran; hujii daasee wol gayi'ii hin hojjatan; akkasuma waan hujii isaaniitiif worra Leewwotaa irra goota» jedheen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.