Raajii Ermiyaasii 9 - Kitaaba Woyyuu

1Ani banii kiyya ka dhumanii uduu halkanii fi guyyaa booyee,

mataan kiyya akka boolla bisaanii,

ijji tiyyallee uduu imimmaan burqisiiftee silaa attam natti tola!

2Baniin kiyya worra hin amanamnee fi worra nama soban waan ta'aniif,

isaan irraa fooyamee hulee bulti'ii ka worra karaa deemtu'uu argadhee

lafa gammoojji'ii keessa uduu bulee silaa hin gammada!

3Isaan hennaa maraa arraba ufiitiin worra soba dubbachu'uuf qophaayan;

kanaaf sobni lafa irratti baay'ate.

Rabbi akkana jedha,

«Baniin kiyya cubbuu tokko irraa gara cubbuu biraa deeman;

akka ani Waaqa ta'e beekanii na hin kabajjine.»

4Namni maruu daba obboleessa ufii irraa uf haa eeguu;

yoma obboleessa ufiillee ta'e hin amanin;

ka obboleessa jedhan maruu akka Yaaqoobii sobaa ta'eera;

ka jaalallo'o jedhan maruu hiriyyaa ufii maqaa balleessa.

5Namni maruu hiriyyaa ufii gowwoomsu'uun dogoggorsa;

ka dhugaa dubbatu hin jiru;

arrabni isaanii soba dubbachuu akka baratan isaan taasiseera;

cubbuu hojjachu'uuf uf dadhabsiisan.

6Maaseta maaseta irratti, soba soba irratti eda'ata'aa jiraatan;

Ani Waaqa isaanii akka ta'e hin beenne» jedha Rabbi.

7Sababaa kanaaf Rabbi Gooftaan banii maraa,

«Banii kiyya qulqulleessu'uuf akka sibiilaa bassee isaan qora,

baniin kiyya hammeenna akkanaa kana waan raawwateef

isaan adabuu malee waan biraa maal godha?

8Arrabni isaanii hennaa maraa waan dhara dubbatuuf

akka eboo bada'aatitti nama woraana;

namni maruu jaalalloo ufii afaan jaalalaatiin qaassa,

garuu dhossa'aan qolaa jala darba.

9Eeganaa ani waan isaan kana maraa hojjataniif

banii akkanaa kana adabee haluu bayuu na hin barbaachisuu?

ka waan kana dubbate ana Rabbi»

10Anillee akkana jedhe,

«Gaarraniif hin gadda;

waan lafa raasa'aatiifillee hin booya;

waan maruu ona ta'ee wonti irra jiraatu hin jirreef,

laagaan hori'ii lamuu hin dhagayamu;

allaattiin samii irra bararanii fi busaawaan lafa irra jiraatan maruu

dheessanii badaniiran.»

11Rabbi akkana jedha,

Yerusaalemiin diigee tuulaa kosi'ii godha;

hulee jeedallan keessa fiiddu taati;

qachoota biyya Yihuuda'aallee ona womaa keessa hin jiraanne taasisa.»

12Ani akkana jedhe, «Wonti ardiin lafa onaa fi ka womaa keessa hin deemnee fi irra hin jiraanne taateef maali'i? namni ogeessi waan kana hubatu eennu? akka inni namoota biraatitti himu ka ati waa kana ibsiteef eennu?»

13Rabbi akkana jedhee deebise, «Sababaan wonti kunniin maruu ta'eef waan baniin kiyya seera ani itti kenne dhiisaniif; isaan naa hin ajajamne waan ani isaanitti hime maraa hin raawwanne.

14Waan kana godhuu irra morkatanii fakii waaqa tolfama'aatii akkaataa abboonni isaanii isaan barsiisaniin sagadan.

15Kanaafuu ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii waan godhu isinitti hima; Ani banii kana wonti isaan nyaatan akka hadhaayu; bisaan isaan dhuganillee akka bisaan summiin keessa jiruu godha.

16Isaanii fi abboota isaanii ta duriillee banii isaan hin beenne keessa bittinneessa; guraade'een isaan ari'ee isaan balleessa.»

Baniin Yerusaalemii Gargaarsa Argachu'uuf Iyyatan

17Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha,

«Mee ammallee yaadadhaa'a;

worra booyu hulee tokkotti wolitti qabaa'a;

dubartoota faarsa'aa boochisanillee waamaa'a.»

18Baniinillee akkana jedhan,

«Haga imimmaan ija keessa nu maree

jigee boqoo keenna irra yaa'utti,

worri nama boochisan akka faarsa'aa boochisan dafa'aa isaanitti himaa'a»

19Tsiyooniin keessatti

laagaa «badu'uuf taanaa nu hobbaas!

nu sirimaa salphanneerra!

manniin keenna waan diiggamaniif

nu biyya teenna gad dhiifnee badu'uuf taana jedha'aa booyan dhagayaa'a.

20Anillee akkana jedhe,

«Isin dubartoonni waan Rabbi jedhu caqasaa'a;

dubbii isaallee qalbi'itti fudhatu'uuf qophaayaa'a;

ijoollee teessan ta durbaa attamitti akka booyuu isaan barbaachisu isaan barsiisaa'a;

akkaataa itti faarsa'aa boochisanillee goshoota teessan barsiisaa'a.

21Duuti qaalawa mana keennaatiin nutti seenteerti;

manniin mootota keennaa keessallee seenteerti;

ijoollee karaa irratti;

ka'immanillee bayima itti bayanitti qoomteerti.

22Reeffi namaa akkuma fishaa gataniititti hulee marattuu bittinnaayeera;

akkuma namni hennaa midhaan haamu qarmii jige deebi'ee hin guurree ta'eera;

wonti Rabbi akka ani dubbadhu na ajaje kana.»

23Rabbi akkana jedha,

«Ogeessi ogummaa ufiitiin,

namni jabaan jabeenna ufiitiin,

dureessillee qabeenna ufiitiin hin dhaadatin.

24Namni tokko yoo dhaadatuu barbaachise

akka ani Waaqa ta'e lafa irratti araara, murtii qajeela'aa fi

ka dhuga'aa ka kennu ana akka ta'e hubatee haa dhaadatuu;

wonti na gammachiisu kana;

ani Rabbi waan kana dubbadheera.

25Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani worra maqamaaf gadooman adabu hin dhufa.

26Baniin biyya Misirii, biyya Yihuuda'aa, biyya Eedoomii, biyya Amoonii, biyya Mo'aabiitii worra rifeensa kallacha ufii bita'aa fi mirgaa haadatan ka daangaa lafa gammoojji'ii keessa jiraatan, akkasuma baniin Israa'eliillee worra gara'aan gadooman waan hin taaneef isaan maraa adabbima tokkoon isaan adaba.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help