Kitaaba Faaru'uu 104 - Kitaaba Woyyuu

Galata Rabbii Uuma'aaf Dhiyaate

1Lubbuu tiyya! Rabbiin galatoonfadhu!

Yaa Rabbi; Waaqa kiyya!

Ati guddiftee gudda'a;

ulfinnaa fi gaachena uffatteerta.

2Ifa akka woya'aatitti uffatteerta;

samiiwwan akka golga daase'eetitti badhifte.

3Ati utubaa mana keetii bisaan gubbaa dhaabde;

duumessa konkolaataa kee ka fardaa taasifatte;

koola qilleensaatiin deemta.

4maleekkota tee hafuura;

tajaajiltoota kee arraba ibiddaa goota.

5Bara haga bara baraa akka hin raafamne;

lafa hundee isi'ii irratti jabeessite.

6Gad fagoo keessatti akka uffataa isii golgite;

bisaan gaarran gubbaa dhaabatan.

7Hennaa ati isaanitti dheekkamte ammo dafanii lixan;

laagaa gigissaa keetii hennaa dhagayan

hin dheessan.

8Gaarran irratti dhangala'an;

gara hulee ati isaanii qopheessitee;

gara dhooqaawwanii gad bu'an.

9Deebi'anii akka lafa hin dhossine;

ceeyanii akka hin dhufne

daangaa isaanii tolchite.

10Burqaawwan akka dhooqa keessa deeman goote;

gaarran jidduu yaa'an;

11Bineensi bosonaallee achi keessaa dhugan;

harriin raasa'aallee dheebuu bayan.

12Simbirran sami'ii goom'ee ufii

daangaa laggiiniititti ijaaratan;

dameewwan jiddu'utti faarfatan.

13Gola kee ka gubba'aa irraa gaarran obaafta;

ardiinillee bu'aa hujii keetiitiin dheebuu baati.

14Ardii keessaa nyaata baasu'uun; hori'ii marga;

biqiltuu faayidaa ilmaan namaatiif baafta.

15Daadhii woyini'ii ka garaa namaa gammachiisu;

dhadhaa fuula namaa cululussu;

nyaanni nama jabeessu asitti argama.

16Akkasuma mukkiin Rabbii;

birbirsoonni Libaanosii ka inni dhaabe

dhuganii dheebuu bayan.

17Simbirran goom'ee ufii achi irratti ijaaratan;

shaalloonillee hindheessa jiddu'utti hulee argatan.

18Gaarran dhedheeraan hulee bulti'ii ka borofaa;

gonni dhaga'aa ka osoleen itti dhokattu.

19Ji'a waan hennaa gar gar baaftuun goote;

aduunillee hennaa itti dhiitu beetti.

20Dukkana fidda; hin halkanaaya;

hennaa kana busaawaan muka keessaa maruu

hin yaa'an.

21Ilmooleen leencaa nyaata barbaadanii iyyan;

waan nyaatan Rabbiin biraa barbaadan.

22Yoo bari'ullee hin deebi'an;

maandhee ufiititti galanii ciisan.

23Namnillee gara hujii ufii deema;

haga galgalaa huji'itti bobba'a.

24Yaa Rabbi! hujiin kee akkam gudda'a!

maraa ogummaa keetiin hojjatte;

ardiin uumama keetiin guuttamte.

25Galaanni kun badha'aa fi ciisa'a;

bineensi gugurdaanii fi didiqqaan

wonti lubbuu qabu ka laakkobsaa olii

isa keessa jiran.

26Markaboonni isa irra deeman;

jawween ati uumtellee isa keessatti taphata.

27Akka ati henna'aan nyaata isaanii kennitu

kunniin maruu si abdatan.

28Hennaa ati isaanii kennite;

wolitti qabatan

yoo harka kee diriirsite;

waan mishaa quufan.

29Yoo ati fuula dhooggatte;

naasu'utu isaan irra gara gala

yoo ati hafuura isaan keessaa fudhatte

hin du'an;

gara biyyee ufii deebi'an.

30Yoo ati Hafuura kee ergite;

isaan hin uumaman;

ardiillee hin haarawoomsita.

31Ulfinni Rabbii baraa haga bara baraa

jabaatee haa jiraatu!

Rabbi hujii ufiititti haa gammadu.

32inni hennaa ardii laalu hin hollatti;

gaarranillee hennaa inni isaan qaqqabu hin aaran.

33Haga lubbu'uun jiru Rabbiin faarfadha;

haga jiru Waaqa kiyya jaja.

34Akkuma ani Rabbitti gammadu;

yaanni garaa kiyyaa isa haa gammachiisuu.

35Cubbamtoonni ardii irraa haa badanii;

worri dhibu ammaa achi hin argamin.

lubbuu tiyya; Rabbiin galatoonfadhu!

halee luyaa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help