1 tajaajiltoota Rabbii waan ta'aniif.
7Mat. 22:21; Mar. 12:17; Luq. 20:25 Maraafuu waan isaaniif barbaachisu isaanii kenna; ka gibirri maleef gibira, ka qarandhi maleef qaraxa; ka sodaatamuu barbaachisu sodaa'a; ka ulfinni maleef ulfinna kennaa'a.
Wol Jaalachuu8 Mar. 12:31; Yoh. 13:34; Gal. 5:14; Xim. 1ffaa 1:5 Gatiin isin wol irraa qabdan wol jaalachuu haa ta'uu; namni nama kaan jaalatu seera raawwateera.
9Ser. Ba'u. 20:13-17; Ser. Lew. 19:18; Kes. Deb. 5:17-21; Mat. 22:39-40 «Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan ragaa hin bayin, hin hawwin» jedhu ajaja biraa maraa woliin, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu» dubbii jedhuun wolitti qabameera.
10Qor. 1ffaa 13:4 Jaalalti goshoo ufiititti waan hamaa hin godhu. Kanaaf jaalalti raawwii seeraati.
11 Efe. 5:14,16; Tas. 1ffaa 5:6-7 Hennaan hirribaa kaatan amma akka gaye bara beekaa'a, hennaa amanne caalaa fayyuun keenna adha gara keenna waan dhiyaateef.
12Tas. 1ffaa 5:8; Efe. 5:11; 6:13; Yoh. 1ffaa 2:8 Halkan lufeera; guyyaanillee dhiyaateera; eegasuu hujii dukkanaa mulqannee wontee ifa woraanaa haa uffannuu.
13Luq. 21:34; Efe. 5:18 Akka nama ifa guyya'aa keessa jiraatuutitti seeraan haa jiraannuu malee, sirbaa fi machi'iin hin ta'in; seebaru'uu fi wol qirqissuun hin ta'in.
14Gal. 3:27; 5:16; Qol. 2:23; Phex. 1ffaa 2:11 Haa ta'uu ammo Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin uffadhaa'a; akka fedha ufii hin raawwanne, fooniif hin yaadinaa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.