1 1:17; Yoh. 1ffaa 5:9 Ani obboleeyyan tiyya! Hennaa gara keessan dhufe, namoota biraa caalaa dubbachu'uun yookaan ogumma'aan ragaa waan Rabbii isinitti hima'aa hin dhufne.
215:3; Gal. 6:14 Hennaa isin jidduu jiru Yesuus Kiristoosii fannifame san callaa akka beeku waan murteeffadhee tureef.
3Hu. Er. 18:9; Qor. 2ffaa 10:1,10 Hennaa gara keessan dhufe dadhabbi'ii fi soda'aan akkasuma holluu gudda'aan ture.
4Tas. 1ffaa 1:5 Dubbiin kiyya, lallabni kiyyallee hunna Ayyaanaa ibsu'uun malee dubbii ogumma'aa ka shele'eetiin hin turre.
5Kunillee amantiin keessan hunna Rabbii malee ogummaa namaa irratti akka hin hundoofneef.
Ogummaa Rabbii6Worra bilchaatan wodhakka'atti ammo ogummaa dubbanna; haa ta'uu ammo, Ogummaa worra adunyaa tanaati miti. Ogummaa adunyaa tanaa ta diiggamtu ta akka ogummaa bulchoota saniitii miti.
7Rom. 16:25; Efe. 3:4-9; Qol. 1:26 Haa ta'uu ammo Rabbi firrisa barootaan duratti ulfinna keennaaf waan murteesse, ka dhokatee ture dhossaa ogummaa Rabbii dubbanna.
8Yoh. 7:48; Hu. Er. 3:17; 13:27; Yaq. 2:1 Bulchoota biyya kanaa keessaa tokkollee ogummaa kana hin beenne. Uduu beekanii, Gooftaa ulfinnaa silaa hin fannisan.
9Isa. 64:4 Haa ta'uu ammo,
«Ka ijji hin argine,
ka gurri hin dhageenne;
waan qalbii namaatitti hin yaadamne,
waan Rabbi worra isa jaalataniif qopheesse» jedhamee akkuma barreeffame akkasuma dubbanna.
10 Dan. 2:22; Mat. 11:25; 13:11; Yoh. 16:13 Rabbi Ayyaana ufiitiin wonti gadi fago'oollee uduu hin hafin maraa waan qoruuf, Rabbi karaa Ayyaana ufiitiin nutti uf ibse.
11Waan nama tokko keessa jiru, Ayyaana isa keessa jiru san malee, ka biraa ka beeku eennu? Akkasuma ammo Ayyaana Rabbii malee ka Rabbiin beeku eennullee hin jiru.
12Yoh. 14:16-17; 16:13-14; Rom. 8:15 Nu ammo waan Rabbiin irraa akkanumaan nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Rabbiin irraa ta'e fudhanne malee, Ayyaana adunyaa tanaa hin fudhanne.
13 2:1,4; Phex. 2ffaa 1:21 Waan Ayyaanaa wol bira qabnee waan dubbii Ayyaanni nu barsiisuun akkasuma dubbanna malee dubbii ogummaan namaa nu barsiisuunii miti.
141:23; Mat. 16:17; Yoh. 8:47; 14:17 Nama akka uumameen jiru, wonti Ayyaana Rabbii waan gowwummaa ta'eef hin fudhatu; dubbiin Ayyaanaa waan Ayyaana Rabbiitiin qoramuuf namni foonii beeku hin danda'u.
15Yoh. 1ffaa 2:20 Namni Ayyaana Rabbii qabu ammo maraa qora; inni ammo eennuunuu hin qoramu.
16Isa. 40:13; Erm. 23:18; Rom. 11:34 Barreeffamni Woyyuun,
«Ka yaada Goofta'aa beeku eennu?
ka gorsa isaa kennu eennu»
Nu ammo qalbii Kiristoosii qabna.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.