Raajii Hisqeelii 41 - Kitaaba Woyyuu

1Ammallee namichi sun mana woyyuu keessa gara hulee woyyuu na fide; inni yoo hulee wol bira lufaniin ka mana woyyu'uu bikku dheerinni ladda gara lamaaniituu ciqilee jaha.

2Dalgi ciqilee kudhan; yabbinni dallawa dhaga'aa ka bita'aa fi mirga jiranii maruu ciqilee shan; hulee woyyuu san yoo bikku ciqilee afurtama; dalgi isaallee akkasuma ta'e.

3Achi keessallee ol lufee hulee wol bira lufaniin ka gara keessaa ol fidu hennaa bikku dheerinni ciqilee lama; dalgi ammo ciqilee jaha ta'e; dalloofni dhaga'aan ijaaran ka bita'aa fi mirga jiran yabbinni isaanii ciqilee torba.

4Roga tokko irraa jalqabee haga roga tokkoo kutaa gara keessa gamaan jiru hennaa bikku dheerinni isaa ciqilee diddama, dalgi isaallee ciqilee diddama ta'e; achiin maayessa «Kun woyyittii woyyootaati» naan jedhe.

Kutaawwan Naannaya Maxxana Mana Woyyu'uutitti Ijaaraman

5Namichi sun ijaarsa dhaga'aa ka mana woyyu'uu gara keessaatiin yoo bikku yabbinni isaa ciqilee jaha ta'e; ijaarsa dhaga'aa san biratti kutaawwan hedduu dalga ciqilee afur afur qabantu ijaarameera.

6Kutaawwan kunniin tokko tokko irratti gamoo sadihii ta'anii ijaaramanii gamoowwan maruu kutaawwan soddoma qaban; ijaarsi gara diidaa ka mana woyyu'uu ka gamoo maraatuu ijaarsa gamoo gara jalaatiin jiru caalaa haphi'i; sababaan kun ta'eef uduu ijaarsa mana woyyu'uutitti hin maxxanne kutaawwan sunniin ijaarsa dallawaatitti maxxananii waan ijaaramaniif.

7Dhaabni manaa ka jalaa dhaaba gamo'oo irra yabba'a; yoo gara diidaatii laalan ammo jalaa haga gubba'aa furdinni dhaaba manaa wol qixa fakkaata; dhaabni manaa jalaa haga gubba'aatitti haphata'aa waan deemaniif akkuma ol bayaniin laakkobsi kutaawwanii badhata'aa deeman; karaa itti ol bayaniinillee karaa gamoo lafa irraa ol ka'ee gara gubba'aa ol bayuutiin.

8Bu'uurri mana woyyu'uu ciqilee jaha ol fagaata; bu'uurri kutaawwan diidaallee haguma san.

9-10Yabbinni dhaaba manaa kutaawwan diidaa ciqilee shan; kutaawwan mana woyyu'uu ladda jiranii fi manniin dhaga'aan ijaaran jidduu'u bakka duwwa'atu jira; badhinni bakka duwwaa sanii ciqilee diddamaa mana woyyu'uu irra naannaya.

11Balballi kutaawwan mana woyyu'uu laddaa ka banaman; gara kolba lafa duwwa'aatiin yoo ta'u balballi tokko kolba kaabaatiin banama; balballi kuun ammo kolba gara kibbaatiin banama; huleen duwwaan dhiifame sun ciqilee shan.

12Gara dhiya adu'uutiin qaccee lafa duwwa'aa san afoo mana dhaga'aan ijaarametu jira; naannofni yabbinna dhaaba mana sanii ciqilee shan; dalgi isaa ciqilee torbaatama; dheerinni isaa ammo ciqilee sagaltama.

Akkaataa Mana Woyyu'uu Itti Ijaaranii Fi Haga Isaa

13Namichi sun mana woyyummaa hennaa bikku ciqilee dhibbaa akka ta'e arge; mana woyyuu duuba naannayee bakka duwwaa bira lufee ijaarsa manaa gara dhiya adu'uutiin haga dhumaa yoo bikku wolumatti qaba'atti ciqilee dhibba ta'e.

14Dheerinni balbala mana woyyu'uu ka kolba gara baya biiftu'uutiin afoo jiru hulee duwwaa gara lamaaniin jirullee yoo bikku ciqilee diddama ta'e.

15Hulee wol bira lufaniin ka gara lamaanii woliin dheerinni ijaarsa manaa ka kolba dhiya adu'uutiin jiru hennaa bikku ciqilee dhibbaa ta'e; hulee wol bira lufan ka mana woyyu'uu huleen woyyuunii fi huleen woyyittii woyyootaa ta gara keessaa

16Isaan sadiinuu gara keessaa seenan ka naannaya ufiitii foddaawwan gara diidaa ka gaadaa qabu qaban; dhaabni manaa lafa irraa jalqabee haga fodda'aa mukaan ijaarame; cufanaan foddaawwaniillee mukumaan ijaaraman.

17Akkasuma huleen gara balbala mana woyyu'uu ka gara keessaa ol seensisu mukumaan ijaarame; dhaabni kutaawwan gara keessaatiin jiranii muka bifa boca qabuun ijaaramaniiran.

18Bifti waan muka sanitti uwwisanii mukkiin meexxi'iitii fi fakii Kiruubeelii fakkaata; naannaya kutaawwan sanniiniititti fakiiwwan muka meexxi'iitii fi fakiiwwan Kiruubeelii wol keessa diranii irratti kaasaniiran; Kiruubiin maruu fuula lama lama qaban.

19Fuula ufii ka nama fakkaatu ka cinaa tokkootiin gara muka meexxi'ii laala; fuulli isaa ka cinaa kaanii ammo ka leenca darmii fakkaatu gara meexxi'ii laala; isaan naannaya mana woyyu'uu irratti kaafamaniiran.

20Lafa irraa kaasee haga balbala gubba'aa dhaaba manniinii irratti bifa boca mukkiin meexxi'iitii fi ka Kiruubeelii kaasaniiran.

21Qasatoowwan balbala mana woyyu'uu maruu roga arfan wol qixaa qaban.

Hulee Ciincaa Ka Muka Irraa Hojjatame

22Seensa mana woyyu'uu afoo hulee ciinca'aa ka muka irraa hojjatame fakkaatutu mudhata; isaan maruu roga wol qixxaayaa afur qaban; ronni maruu ciqilee lama lama; ol dheerinni isaa ciqilee sadihi; utubaawwan roga sanniin irkisu bu'uurrinii fi laddi isaanii maruu muka irraa hojjatame; namichi sun «kun xarapheessaa Rabbiin afo'otti argamu» naan jedhe.

Balballan

23Huleen woyyuunii fi huleen woyyittii woyyootaa balbala dachaa qaban.

24Balballi maruu cufanaa lama lama qaba; kana jechuun balballi maruu cufanaa dhiiba'aa yookaan harkisa'aa gara lamaaniin banama jechu'u.

25Hulee mana woyyu'uutii fi balbala dhaaba manaa irrattillee boca bifa meexxi'iitii fi fakii Kiruubeelii irratti kaasaniiran; kutaa balbala seensaa ka gara diidaatiin fakii golga bareeda mukaatitu hojjatameera.

26Dhaaba kutaawwan balbala seensaa gara lachiinuu foddaawwan gara keessaa ol seene boca mukkiin meexxi'ii qaban.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help