Kitaaba Moototaa ka 1ffaa 9 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Hennaa Lammeesso'ootiif Solomoonitti Mudhate(Sen. 2ffaa 7:11-22)

1Mootichi Solomoon mana woyyuu, mana mootumma'aatii fi waan hojjachuu barbaade haga hojjatee raawwateen maayessa,

2Rabbi akkuma armaan dura Gabaa'oonitti mudhate ammallee deebi'ee itti mudhate. jedhamanii waamaman.

14Kiraam worqii kiilogiraama dhibbaa fi diddama mootichaa erge.

Hujii Biraa Ka Solomoon Hojjate(Sen. 2ffaa 8:3-18)

15Solomoon akka mana Rabbiitii fi mana isaa Miilooniin, dallawa Yerusaalemii Axooriin, Magidoonii fi Geeriin ijaaran worra hujii hunnaa hojjatan filate.

16Armaan dura mootiin biyya Misirii biyya Geezeerii irratti balaa buusee worra Kana'aanii ka isii keessa jiran ajjeesee, qachattiillee gubee uf jalatti deebisee ture; achiin maayessa mucattii ufii Solomoonitti heerumsiisee qachaa Geezeerii jalkaaya godhee kenneef.

17Solomoon hennaa lammeesso'ootiif Geezeerii fi Hooriin ijaare.

18Qachoota lafa gammoojji'ii ka Yihuudaa keessaatii fi Ba'aalaatiinillee hin ijaare.

19Solomoon qachoota dhalee wolitti qabataniif farado'oo fi farda gaari'ii itti tissan ijaare; Yerusaalemii naannaya Libaanosii fi naannaya bulchiinsa ufii marattuu ijaare.

20Worra banii Israa'elii hin taane worra Amoorotaatii fi worra gosa Keexotaa, worra gosa Feerzotaa, worra gosa Eewwotaatii fi worra gosa Iyyaabusootaa ka hafan,

21worra ijoolleen Israa'elii fixuu hin dandeennee fi ijoollee isaanii ka hafan Solomoon akka hujii hunnaa hojjataniif adda baasee worra hujii hunnaa hojjatan taasise.

22Solomoon ijoollee Israa'elii keessaa nama tokkollee garbicha hin goone; isaan worra baallii qaban, loltoota bulchoota ajajaa loltootaa, worra gaarii fardaa oofan maraafuu worra ajaju ta'anii hojjata'aa turan.

23Bulchoonni hujii Solomoonii irratti nama hujjisiisan namoota dhibba shanii fi shantama.

24Haati manaa isaa intalti mootii biyya Misirii qachaa Daawitii keessaa gara mootummaa ufii haga deebiteen maayessa Solomoon hulee dhooqaa fi goodda qabu ta qachaa saniitiin gara baya biiftu'uutitti argamu akka guutanii wol qixxeessanii hojjatan taasise.

25Solomoon woggaa keessa harka sadihii ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa hulee ciinca'aa irratti Rabbii dhiyeessa'aa hulee ciinca'aa ka Rabbiin afoo jiru irratti hixaana aarsa'aa akkaataa kanaan manni woyyuun ijaaramee dhumate.

26Mootichi Solomoon lafa biyya Edoomiyaasii qaccee galaana diima'aa Eetsiyoongaabirii cinaa Eelootii jirtutti markaba baay'ee hojjate.

27Mootichi Kiraam markaboota kanaan garboota Solomoonii ka waan markabaa beekan garboota ufii erge.

28Isaanillee markabaan deemanii haga biyya Oofirii gayaniin maayessa worqii kiiloo giraama dhibba afurii fi diddamaa achii fuudhanii Solomoonii fidan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help