Kitaaba Iyyoobii 19 - Kitaaba Woyyuu

Deebii Iyyoobii

1Iyyoob akkana jedhee deebise;

2«Haga yoomii na rakkiftan?

haga yoomii dubbi'iin hamilee kiyya cabsitan?

3Hennaa kudhan na arrabsitan;

hennaa na salphiftan hin saalfattan.

4dhugamaan yoo dogoggoree jiraadhe;

dogoggorri kiyya anuma miidha.

5Dhugamaan isin yoo uf natti jajjanii jiraattan;

salphinna kiyya ijoo irratti wol mormitan godhattan.

6Garuu ka woshaadoo rakko'oo kana keessatti na gate

Rabbiin akka ta'e akka beettan barbaada.

7Yoo miidhame jedheellee iyye; ka naa dhagayu hin arganne;

laagaa ol qabadhee iyye'eefillee haqa hin arganne.

8Rabbi karaa kiyya maraa waan cufeef karaa lufuun hin qabu;

karaa ani keessa deemu dukkanaan golge.

9Ulfinna na irraa mulqe;

gulloo ulfinnaallee na irraa kaasee na salphise.

10Nafa kiyya karaa maraan tumee

caccabsee na diige;

abdii kiyyallee akka muka hiddaan buqqa'ee jiguu godhe.

11Rabbi lolee balaa natti buuse,

akka diinaatittillee na laakkaye.

12Na balleessu'uuf loltoota ufii natti erge;

isaan naannaya daasee kiyyaatitti

kushee ijaaratanii na marsan.

13«Rabbi akka obboleeyyan tiyya na irraa fagaatan godhe;

namni na beeku maruu orma natti ta'e.

14Firri kiyya na irraa fagaate;

goshoonni kiyyallee na irraanfatan;

15Worri ani mana kiyyatti isaan keessummeesse marti na irraanfatan;

garboonni tiyya ta intalaa maruu akka galtu'uutitti na laalan

akka ormaatittillee na laakkayan.

16Garbichi kiyya yoo waamu na jalaa hin awwaatu;

na gargaari jedhee yoo isa kadhadhellee tole naa hin jedhu.

17Haati manaa tiyya foolii kiyya jibbite.

obboleeyyan tiyyallee na xireeffatte.

18Daa'immanumtillee na tuffatan;

Yoo na arganillee natti baldan.

19Goshoonni kiyya ka natti dhiyaatanillee na xireeffatan;

namoonni ani jaaladhu akka diinaatitti natti ka'an.

20Foon na irraa dhumee gogaan kiyya lafe'etti na maxxane;

irga kiyya calla'atu hule'etti hafe.

21«Goshoota tiyya! harki Rabbii waan na dhayeef,

yabo'oo isin naa gaddaa'a, garaa naa laafaa'a!

22Akka Rabbi itti na ari'etti isinillee maaf na ariitan?

ka haga ammaa na rakkiftan isin hin gawuu?

23«Namni waan haga ammaa ani dubbadhe yaadatuu fi

ka akka kitaabaatittillee barreessu uduu argamee

ani silaa attamitti gammada!

24Maal ta'a uduu meeshaa sibiilaatii fi irsaasi'iin barreeffamee,

yookaan qarsaa irratti qirqidamee bara baraaf akka hin banne ta'ee!

25Garuu fayyisaan kiyya jiraataa akka ta'ee fi

guyyaa dhumaatitti ana oolchee

lafa tana irra ol jedhee akka dhaabadhu hin beeka.

26Yoma gogaan kiyya kun nyaattamee dhumellee

ani foon kiyya irraa fooyamee akka Rabbiin argu hin beeka.

27Kun woma ani arga'aaru;

waan biraatii miti;

ijuma tiyyatu arga'aara;

garaan kiyya guyyaa san guddiftee hawwiti.

28«Jaalalloota tiyya! na ujultanii na rakkisa'aa

sababaan rakkinnaallee isuma jedha'aa dubbattan.

29Lolli Rabbii waan adabbii guraade'ee fiduuf,

akka guraadeen isin hin nyaanne uf eegaa'a

murtiin Rabbiillee akka jiru beekaa'a»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help