Seera Bayu'uu 4 - Kitaaba Woyyuu

Hunna Maalale'ee Ka Rabbi Muuse'ee Kenne

1Muuseenillee Rabbiin «Sirima na hin amanan; dubbii kiyyallee hin dhagayan; ‹Rabbi sirima sitti hin mudhanne› yoo naan jedhan maal jedha?» jedhe.

2Rabbi «Wonti harka kee jiru kun maali'i?» jedheen; innillee «Ule'e» jedheen; Rabbillee, «Lafa buus» jedheen.

3Inni lafa buufnaan bofa taate; Muuseen isii irraa dheesse.

4-5Rabbi Muuse'een, «Rabbi Waandhi abboota isaanii Waandhi Abrahaamii, Waandhi Yisaaqiitii fi Waandhi Yaaqoobii akka sitti mudhate akka beekan harka kee hiixadhuu eegee isi'ii qabi» jedheen. Innillee harka ufii hiixatee qabnaan harka isaa irratti ulee taate.

6Rabbi «Harka kee bobaa jala kaayadhu» jedheen; innillee harka ufii bobaa kaayatee yoo harka ufii boba'aa baafatu, adii akka barada'aa ta'e.

7Innillee, «Harka kee boba'atti deebifadhu» jedheen; innillee harka ufii boba'atti deebifatee henna baafatu, deebi'ee nafa isaa fakkaate.

8«Ammallee malkata duraa yoo amanuu baatan malkata lammeesso'oo hin amanan.

9Yoo malkata kana lamaan amanuu baatan, jecha keellee yoo dhagawuu baatan lagaa bisaan woraabii lafa gogaa irratti jissi; bisaan lagaa woraabdee lafatti jissite sun dhiigatti jijjiirama» jedheen.

10Muuseen Rabbiin «Gooftaa kiyya, afaan kiyya hin cabaqa; arraba kiyyaanillee qajeelchee dubbadhee hin danda'u; kaleessaa fi dheengadda hennaa ati garbicha kee natti dubbatte irraa jalqabee afaaniin dubbadhee hin danda'u» jedheen.

11Achiin maayessa Rabbi Muuse'een «Afaan namaa ka uume eennu? duudaa'a, ka gurraan hin dhageenne, ka argu akka hin argine ka godhu anaa mii?

12Kanaafuu amma deemi; ani afaan sii ta'aa; waan dubbattullee sitti himaa» jedheen.

13Innillee, «Gooftaa kiyya; yabo'oo bikka kiyya nama biraa akka ergitu si kadhadha» jedheen.

14Rabbi Muuse'etti aaree «Namni gosa Leewwi'ii obboleessi kee Aaroon hin jiraa mii? Inni midhaassee akka dubbatu hin beeka; inni gara kee dhufa; hennaa argiteen inni garaa ufii keessatti hin gammada.

15Ati isatti himta; waan inni dubbachuu barbaachisu afaan keettaan; ani afaan keetii fi afaan isaa keessallee hin ta'a; waan gootanillee isin barsiisa.

16Inni waan keellee banii woliin dubbata; inni afaan sii ta'a; atillee isaaf akka Waaqaa taatee isa barsiifta.

17Ulee waan maalale'ee ittiin gootu tana harkatti qabadhuu deemi» jedheen.

Muuseen Gara Biyya Misirii Deebi'e

18Muuseen gara Yootoorii soddaa ufii deebi'ee «Obboleewwan tiyya ta biyya Misirii jirtu mee haga adhaa ka lubbu'uun jirtuu kaan deemee laalaa na hoffolchi» jedheen; Yootoorillee hoffolcheenii «Nagayaan deemi» jedheen.

19Rabbi Muuse'een, «Miidiyaamiin keessatti namoonni lubbuu tee barbaadan maruu du'aniiranii deebi'ii gara biyya Misirii dhaqi» jedheen.

20Kanaafuu Muuseen haadha manaa ufiitii fi ijoollee ufii harree isaan yaabbisee gara biyya Misirii ulee Rabbii ta maalaleen irraan mudhatu fudhatee deeme.

21Rabbi Muuse'een «Hennaa gara biyya Misirii deebitu, maalalee ani harka keetitti hojjadhe maraa Fari'ooniin afo'otti godhuu hin irraanfatin; ani waan garaa isaa jabeessuuf innillee banii gad hin dhiisuu.

22Hennaa san Fari'ooniin akkana jetta, ‹Israa'el ilma kiyya ka hangafaati.

23Akka na waaqeffatu ilma kiyya gad naa dhiisi siin jedhee atillee waan gad dhiisuu diddeef ani ilma kee ka hangafaa si jalaa ajjeesa› jedha Rabbi jetta» jedheen.

24Achiin maayessa Muuseen uduu gara biyya Misirii deema'aaru hulee inni buletti Rabbi itti dhufee ajjeessu'uunii barbaade.

25Haati manaa isaa Siiphaaraan fiiddee cabbii fuutee mucaa ufii gadoomsitee coraa saniin luka isaa tuxxee «Ati idaayyicha kiyya ka dhiigaati» jetteen.

26Rabbillee hin araarameef; hennaa san «Waan gadooma saniitiif, ati idaayyicha kiyya ka dhiigaati» jette.

27Rabbi Aarooniin «Ka'iitii gammoojjii keessatti Muuse'etti dhaqi» jedheen; innillee deemee gaara Rabbii irratti Muuse'etti dhaqee dhungateen.

28Muuseen waan Rabbi isatti dubbatee fi dubbii inni itti hime maraa, waan inni isa ajajee fi maalalee maraa Aaroonitti hime.

29Kanaan maayessa Muuse'ee fi Aaroonillee deemanii jaarsota banii Israa'elii maraa wolitti qaban.

30Aaroonillee waan Rabbi Muuse'etti dubbate maraa himee, maalalee maraa banii afo'otti hojjate.

31Baniinillee hin amane; akka Rabbi ijoollee Israa'elii tooyatee rakkinna isaaniillee arge haga dhagayan gad jedhanii Rabbii sagadan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help