1Hennaa san ilma Bikirii ka maqaan isaa Saabeehi jedhamu ka gosa Biiniyaamii nama raankee ture; inni «Nu Daawitiin biraa qooda woyiituu hin qabnu; ilma Isseyii biraallee gayee hin qabnu; banii Israa'elii! isin maruu gara daasee keessanii deebi'aa!» jedhee xurumbaa afuufe.
4Mootichi Ameesaayiin, «Namoota Yihuuda'aa maraa guyyaa sadiin kana keessatti naa waamii atillee isaanuma woliin as turi» jedheen.
5Ameesaayi namoota Yihuuda'aa maraa waamu'uuf deeme; garuu inni guyyaa haagana'aa dabarse.
6Kanaaf Daawiti Abiisa'aan, «Amma Abeseloomiin caalaa ka nu miidhu Saabeehii ilma Bikiriiti akka inni qachoota ijaaramte keessatti kushee barbaadee nu jalaa hin milindhe, ati loltoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ari'i» jedheen.
7Namoonni Iyyoo'aabii worri gosa Kaliita'aa, worri gosa Faliita'aatii fi worri jajjabaan maruu Abiisaa faanaa deeman ilma Bikirii Saabeehiin ari'u'uuf Yerusaalemii bayan.
8Hennaa hulee dhagaa guddaa gabaa'ooniin bira jiru gayan Ameesaayi gara isaanii dhaqe; hennaa san Iyyoo'aab uffata lolaa uffatee gulloo mata'atti godhatee guraadee qolaa mudhi'itti hidhateera; uduu inni deemu guraadeen isaa luqqa'ee jalaa bu'e.
9Iyyoo'aab Ameesaayiin, «Obboleessa kiyya! nagaya jirtaa?» jedheenii akka waan dhungatuu ta'ee harka mirgaatiin areeda isaa qabe.
10Ameesaayi garuu akka guraadeen Iyyoo'aabiin harka jiru hin beenne; Iyyoo'aab garaa isaa woraanee madhumaan isaa lafatti jisse lammeessoo uduu itti hin deebifne du'e; Iyyoo'aabii fi obboleessi isaa Abiisaan Saabeehii ilma Bikirii ari'an.
11Loltoota Iyyoo'aabii keessaa namni tokko reeffa Ameesaayii bira dhaabatee, «Worri Iyyoo'aabii fi Daawitiin faana deemtan maruu Iyyoo'aabiin faana deemaa» jedha'aa ture;
12reeffi Ameesaayii akkuma dhiigaan maanxameen karaa irra ciiseera; namni sun uduu loltoonni Iyyoo'aabii maruu dhaabatanii laalan argee reeffa gara lafa qonnaa fidee uffata ufii itti uwwise.
13Haga reeffa karaa irraa kaasan namoonni maruu ilma Bikirii Saabeehiin ari'u'uuf Iyyoo'aabiin faanaa deeman.
14Saabeehi garuu gosa biyya Israa'elii maraa keessa lufee qachaa Beetamaakkaa akkasuma gara Beerii maraa lufe; baniin gosa Bikirii maruu wol gayanii Saabeehiin faanaa deemanii gara qachatti'ii seenan.
15Loltoonni Iyyoo'aabii akka Saabeehi qachaa san keessa jiru dhagayanii qachattii marsan; qachatti'ii jalqabee haga dallawa isi'ii biyyee ol tuulanii akka qachattiin jiddu jala isi'ii qotuu jalqaban.
16Dubartittiin ogeettiin takka qachaa san keessaa dallawa irra dhaabattee laagaa ufii ol qabattee «Banii dhagayaa'a! dhagayaa'a! Iyyoo'aab akka as dhufu itti himaa'a; ani isa dubbisuu barbaadaa» jettee iyyite.
17Iyyoo'aab isi'itti dhiyaannaan «Iyyoo'aab si'ii?» jetteen; inni «Ee ana» jedhee deebiseef. Isiinillee «Jecha garbittii teetii dhagayi» isaan jennaan innillee «Maarre hin dhagayaa» isi'iin jedhe.
18Isiin, «Duraan ‹Namni waa gaafatu Aabeeliin afo'otti haa gaafatuu jedhama wonti gaafatamullee raawwatama'aa› ture.
19Israa'eliin keessatti qachaan dhuga'aa fi nagaya qabdu qachaa tana; ati garuu maaf qachattii tana balleessu'uuf yaadda? lafa Rabbi nuu kenne diiguu barbaaddaa?» jettee isatti dubbatte.
20Iyyoo'aab, «Ani qachaa teessan hin diigu hin balleessu.
21Karoorri keenna kanaa miti; ilmi Bikirii nama biyya Efreemii ka gaara irratti dhalate ka Saabeehi jedhamu mootii Daawitiin irratti lola kaaseera yoo nama kana naa kennitan ani qachattii tana dhiisee deema» jedhee deebiseef.
Dubartittiinillee Iyyoo'aabiin, «Morma isaa irraa murree dallawa irraan sii darbina» jetteen.
22Dubartittiin ogummaa ufiitiin milixxee gara banii qachattii sanii deemte; namoonni garuu morma Saabeehii ilma Bikirii muranii dallawa irraan gara Iyyoo'aabii darban; Iyyoo'aab xurumbaa afuufnaan loltoonni maruu qachattii gad dhiisanii gara mana ufii deeman; Iyyoo'aab garuu mooticha argu'uuf gara Yerusaalemii deeme.
Hojjattoota Daawitii Worra Baallii Qaban23Iyyoo'aab ajajaa loltoota Israa'elii ture; ilmi Yoodaahe'ee Banayaas garuu ajajaa loltuu mana Daawitii eeganii ture.
24Adooniiraam gibira kaffalchiisa'aa ture; ilmi Ahiluudiimii Iyyoosaafixi nama seenaa barreessu ture; Suusaanillee barreessaa ture.
25Saadooqii fi Abiyaatar gadoota turan;
26Iri'aas namni gosa Iyyaa'irii nama Daawitiin mari'achiisu ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.