1Yaa Rabbi!
namoota hammeeyyii jalaa na oolchi;
namoota hammeeyyii irraa na eegi.
2Isaan garaa ufii keessatti dhara dhudhuman;
guyyaa guutuu lolaaf wol gayan.
3Arrabni isaanii akka bofa summi'iin nama idduuti;
dubbiin isaanii akka bofa summii qabuutitti nama idda.
4Yaa Rabbi! hunna worra hama'aa jalaa na eegi;
worra dhibaa na kuffisu'uuf karoorfatan jalaa na eegi.
5Worri uf jajan siiboo natti diriirsan;
haada wol keessa diddiramaa na jala buusan;
na qabu'uuf karaa kiyya irratti gufuu kaayan.
6Rabbiin «Ati Waaqa kiyya» jedhaan;
Yaa Rabbi! hennaa araara kee argatu'uuf si kadhadhu naa dhagayi;
7Yaa Rabbi! Gooftaa'a! jabaa fayyisaa kiyya!
guyyaa lolaa mataa kiyya wonte'een naa dhossi.
8Worra hammeeyyi'ii waan isaan barbaadan hin kenniniif;
akka boonaan uf hin dhiibne;
kaayyoon isaanii akka tolu hin godhin.
9Diintonni tiyya worri na marsan karoora natti baafatan;
akka isaan irratti raawwatamu taasisi.
10Barbadaan ibiddaa mataa isaaniititti haa jigu;
boolla ibiddaatitti haa gataman;
achi keessaa sirima hin bayin.
11Worri sobaan nama himatan sirimaa lafa irra dhaabatan hin qabaatin;
wonti hamaan worra waan hamaa hojjatan irra haa gawu;
isaan haa balleessu.
12Yaa Rabbi! hiyyeessaa akka haqa kabajjeessitu;
rakkata'aa akka murtii sirri'ii murteessitu
ani hin beeka.
13Namoonni balchaan dhugamaan maqaa kee galatoonfatan;
qajeellonni si afoo jiraatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.