Raajii Hose'ee 5 - Kitaaba Woyyuu

Seera Waaqeffannaa Waaqa Tolfama'aatiif Kenname

1«Isin gadoonni! waan kana dhagayaa'a!

isin banii Israa'elii hubadhaa'a!

isinillee maatiin moototaa waan kana dhagayaa'a!

murtiin isinitti dhufeera;

isin Mitsipha'atti akka woshaado'oo,

Taaborittillee akka siiboo gingilcha'aa taataniirtan.

2Worri dhiban hujii ajjeecha'aa babadhifataniiran;

kanaafuu ani isaan maraa hin adaba.

3Israa'el ani haala kee maraa waan beekuuf na jalaa dhokatuu hin dandeettu;

seebara waaqeffannaa waaqa tolfama'aatiinillee battoofteerta.

4Hafuurri seebaraa banii Israa'elii keessa waan jiruuf Rabbiinillee waan hin beenneef hujiin isaanii akka gara Rabbii deebi'an isaanitti hin dhiisu.

5Dhaaduun baniin Israa'elii dhaadatan isaanitti rageessa;

cubbuun isaanii gufachiisee isaan kuffisa;

baniin Yihuuda'aallee isaanuma woliin gufatanii kufan.

6Isaan hoolotaa fi horii ufii ciincaa godhanii dhiyeessu'uuf oofanii Rabbiin soqaa deeman; inni waan isaan irraa fooyameef isa hin argatan.

7Isaan worra waaqolee tolfamaa waaqeffatan waan ta'aniif Rabbiif amanamtoota hin taane; ijoolleen isaanii akka ijoollee waaqa tolfama'aatitti laakkayaman; kanaafuu jalqaba ji'a kanaatitti isaanii fi biyyi isaaniillee wolumaan badan.

Lola Worra Yihuuda'aatii Fi Worra Israa'elii Jiddu'utti Ta'u

8Isaan lolaaf akka bayan Gabaa'onii fi Raama'atti laagaa xurumba'aa dhageessisan; Beeti'aweenitti «Gosa Biiniyaamii! nu'u si woliin jirra jedha'aa iyyaa'a!

9Guyyaa adabbi'ii Israa'el ona taati; badiin kun ka ani dhugamaan akka gosa Israa'elii irra gawu murteesse.

10Rabbi akkana jedha, «Bulchoonni Yihuuda'aa akka namoota daangaa Israa'elii diiganii ta'aniiran; kanaafuu ani lola kiyya akka lolaa bisaaniititti isaan irratti buusa.

11Israa'el waan duwwaa duukaa bu'a'aa waan jabaateef miidha'aa fi haqummaa dhabuun isa irra gaye.

12Kanaafuu akkuma kokeenii fi xiinxanaan midhaanii fi muka balleessu anillee akkasuma Israa'elii fi Yihuudaa hin balleessa.

13Israa'el akka dhibame, Yihuudaanillee akka madaaye hennaa arge Israa'el fuula ufii gara mootii Asoorii deebise; gargaarsa argachu'uuf gara mooticha gudda'aa ergaa erge; inni ammo isaan hambisuu yookaan madaa isaanii fayyisuu hin dandeenne.

14Ani sababaa kanaaf Israa'eliin akka leencaa; Yihuudaallee akka leenca darmi'ii ta'ee isaan caccabsee deema; ani butee isaa fudhadha; eennullee isaan hambisuu hin danda'u.

15Isaan hennaa rakkoon isaanitti baay'atu na soqan; kanaafuu badii ufii hojjatan hubatanii gara kiyya haga deebi'anitti ani isaan irraa fagaadha.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help