1Ardiin maruu Rabbii haa ililfattuu!
2Ulfinna maqaa isaatiif faarfadhaa'a;
Isa jajuullee bareechisaa'a.
3Rabbiin akkana jedhaa'a;
«Hujiin kee attamitti naadira!
diintonni kee sababaa guddinna hunna keetiitiin;
si afo'otti roqomsan.
4Ardiin maruu sii sagaddi;
faaru'uun si galatoonfatti;
maqaa keetiif faarfatan.
5Kootta'aatii; waan Rabbi godhe laalaa'a;
namoota jiddu'utti hujiin isaa sodaachisa'a!
6Galaana lafa gogaa godhe;
laga lukaan ceeyan;
koottaa'a isaan haa gammannuu.
7Hunna ufiitiin baraa haga bara baraa bulcha;
ijji isaa banii laalti;
eeganaa worri dhibu akka ol ol hin jenne.
8Banii! Waaqa keenna galatoonfadhaa'a;
laagaa galatu'uullee dhageessisaa'a.
9Ka jireennaan nu jiraachisu;
ka miila keenna akka hin mucucaanne eegu isa.
10Waandhana! ati nu qorte;
akka meeti'iititti nu bassite.
11Siiboo nutti goote;
dudda keennatti fe'aa feete.
12Akka namoonni nutti burraaqan goote;
ibiddaa fi bisaan jidduu lufne;
dhuma irratti garuu gara eebbaa nu fidde.
13Ciincaa gubamu qabadhee
gara mana woyyuu keetii seena;
woreega kiyyallee sii raawwadha.
14Wonti hennaa rakko'oo afaanii na baye
woreega arraba kiyyaan dubbadhe.
15Horii coomaa ciincaa gubatu godhee;
korbeeyyii hoolotaa kennaa aaru godhee
sii dhiyeessa;
korommi'ii fi re'iinillee sii ciincessa.
16Worri Rabbiin sodaattan maruu kootta'aa dhagayaa'a;
waan lubbuu tiyyaa godhe isinitti himaa.
17Afaan kiyyaan isatti iyyadhe;
arraba kiyyaanillee isa galatoonfadhe.
18Uduu cubbuu garaa kiyya keessatti
keessummeessee jiraadhee;
silaa Gooftaan naa hin dhagayu ture.
19Amma garuu dhugamaan Rabbi naa dhagayeera;
faatee tiyyaallee naa caqaseera.
20Ka faatee tiyya hin tuffanne;
ka jaalala ufii ka bara baraa na irraa hin fageessine;
Rabbiin galanni haa gayu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.