1Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.
2Yaada tokkoon wolii galaa'a; jaalala tokko, qalbii tokkoo fi yaada tokko qabaadhaa'a.
3Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookaan sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haa ta'uu ammo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara laafumma'aan haa laalu.
4Namni martinuu waan isa fayyadu hin laalin; waan hiriyyaa isaatii ta'u malee.
5Yaanni Kiristoosiin keessa ture sun isin keessallee akkasuma haa ta'u.
6Inni uduu amala Rabbiitiin jiraata'aa jiru,
Ulfinna Rabbumma'aa ka Rabbiin woliin isa qixxeessu
akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne.
7Haa ta'uu ammo Inni akka garbichaa ta'ee,
duwwaa uf godhee;
gadi uf deebisee;
nama fakkaatee mudhate.
8Fakkeennaan akka namaa ta'ee uf salphise;
haga fannifamee du'uutittillee hin ajajame.
9Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse;
maqaa maqaa maraa caalu kenneef.
10Kunillee worra ardi'ii fi samii,
worri ardii jala jiran maruu,
maqaa Yesuusiitiif akka jilbiiffatan.
11Arrabni maruu,
ulfinna Rabbii Abba'aatiif,
Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e ragu'uuf.
Banii Adunya'aatiif Ifa Ta'uu'u12Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.
13Efe. 2:1-5 Waan fedha isaa mishaa soqu'uu fi raawwachuullee ka isin keessa kaayu Rabbiin waan ta'eef.
14 Efe. 2:15 Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara laafeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, uduu hamaa hin yaanne maraa godhaa'a.
15Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhattan.
16Rom. 14:1-6 Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.
17Haa ta'uu ammo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.
18Isinillee akkasuma gammadaa'a. Na woliinillee gammadaa'a.
Tajaajila Ximootewoosiitii Fi Ephafrodixosii19Haa ta'uu ammo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximootewoosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.
20Nama waan jiruu keessanii qajeellumma'aan yaadee dhiphatu, ani isa malee nama biraa eennuunillee waan hin qabneef.
21Martinuu ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii uduu hin ta'in, woma ufii waan soqaniif.
22Haa ta'uu ammo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Dubbii Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.
23Eegasuu dubbiin tiyya maal akka ta'u hennaa beeke, dafee isa akka ergu abdii godha.
24Anillee ammo ariifadhee akka dhufu Gooftaa hedadheera.
25Akkasuma obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Ephafrodixosiin isinii erguun giddi'i.
26Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.
27Inni dhugamaan dhibamee du'uu gaye. Haa ta'uu ammo Rabbi hin fayyiseen. Gadda irratti gadda akka natti hin edaane, gaddi sunillee anaaf malee isa calla'aafii miti.
28Eegasuu ammallee yoo isa argitaniin akka gammaddan, anaafille gaddi akka naa salphatu guddisee ariifadhee ergaan.
29Eegasuu maqaa Goofta'aatiin gammachuu guutu'uun simadhaa'a; worra akka isaallee kabajjaa'a.
30Tajaajila isin naaf kennuu hin dandeenne guutu'uuf jedhee hujii Kiristoosiitiif jedhee jiruu ufii uduu hin filatin du'uu gaye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.