Dubbii Nagayaa Ka Maatewoosii 9 - Kitaaba Woyyuu

Yesuus Namicha Laamshayaa Fayyise(Mar. 2:1-12; Luq. 5:17-26)

1Kanaan maayessa Yesuus yabala yaabbatee galaana ceeyee gara qachaa ufii dhufe.

2Yesuus Maatewoosiin Waame(Mar. 2:13-17; Luq. 5:27-32)

9Yesuus achii ka'ee uduu karaa san irra lufa'aaru namicha Maatewoos jedhamu ka bakka qaraxaa taa'ee qaraxu tokko argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ol ka'ee isa faanaa deeme.

10Yesuus mana Maatewoosiititti uduu hurbaata nyaachu'uuf taa'eeru worri qaraxa guuruu fi cubbamtoonni hedduu waa nyaachu'uuf Yesuusii fi darasoota isaa woliin taa'an.

11Luq. 15:1-2; 19:7 Worri Fariisotaa kana arganii darasootaan, «Barsiisaan keessan maaf worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaata?» jedhan.

12Yesuus waan isaan jedhan dhagayee, «Dhukkubsattootaaf malee worra fayyaa qabaniif ogeessi qorichaa hin barbaachisu;

1312:7; Sam. 1ffaa 15:22; Hose. 6:6 Haa ta'uu ammo dhaqa'aatii barreeffama araaraa barbaadaa malee, ciinca'aa miti dubbii jedhu hiikkaan maal akka ta'e baradhaa'a. Ani cubbamtoota gara araaraa waamu'uuf dhufe malee, qajeellota waamu'uufii miti» isaaniin jedhe.

Gaafii Waan Soomaa(Mar. 2:18-22; Luq. 5:33-39)

14 Luq. 18:12 Gaaf tokko darasoonni Yohaannisii gara Yesuusii dhufanii, «Nu'uu fi Fariisonni hennaa hedduu hin soomna; darasoonni tee ammo maaf hin soomne?» jedhaniin.

15Yoh. 3:29 Inni akkana jedhee isaanii deebise, «Worri jaalaa uduu idaayyaan isaan woliin jiru hin gaddanii? Haa ta'uu ammo ji'oonni idaayyaan isaan biraa fudhatamu hin dhufa; hennaa san sooman.

16«Eennullee ka uffata haarawa uffata moofa'atti dhaabee hodhu hin jiru. Yoo itti dhaabamee hodhame uffanni haarofni uffata moofaa hin tarsaasa; tarsa'iinsi isaallee ka duraa caala.

17Akkasuma daadhii woyini'ii ta hin bayin qalqala moofa'atti eennullee hin naqu; Yoo naqame ammo qalqalli sun hin dhooya; daadhiin woyini'iillee hin jiga; qalqallillee hin bada; daadhiin hin baane ammo qalqala haarawatti naqama; yoo san daadhiinii fi qalqallillee hin badu.»

Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartii Uffata Yesuusii Tuxxe(Mar. 5:21-43; Luq. 8:40-56)

18Yesuus uduu kana isaanitti hima'aaru bulchaan mana sagada Yihuudotaa gara isaa dhufee isa afo'otti jilbiiffatee, «Mucattiin tiyya amma na jalaa duute; ati ammo koottuutii harka kee isii irra kaayi; lubbuun isi'iillee itti deebitii» jedhe.

19Kanaaf Yesuus ka'ee darasoota ufii woliin isa faanaa deeme.

20 14:36; Mar. 3:10; Ser. Lak. 15:38; Kes. Deb. 22:12 Dubartiin woggaa kudha lamaaf dhiinni isi'ii dhaabatuu didee rakkata'aa turte takka isa duubaan dhuftee handaara uffata Yesuusii tuxxe.

2114:36 Isiin garaa ufii keessatti, «Yoma uffata isaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadde.

22Mar. 10:52; Luq. 7:50; 17:19; Hu. Er. 3:16 Yesuus uf irra gara galee isii argee, «Intala tiyya jabaadhu! amantiin kee si fayyiseeraa» jedheen; dubartittiinillee yeroma san irraa jalqabdee fayyite.

23Yesuus hennaa gara mana bulchaa mana sagada Yihuudotaa gaye worra xurumbaa gaddaa afuufanii fi banii wocu argee,

24Yoh. 11:11 «Asii achi gad bayaa'a! Mucattiin hin rafteerti malee hin duune» isaaniin jedhe; isaan guddisanii itti kolfan.

25Haga gumii mana keessaa baaseen maayessa gara hulee mucattiin jirtuu seenee harka isi'ii qabe; isiin ol kaatee dhaabatte.

26Luq. 7:17 Oduun waan inni hojjate kanaa biyya maraa keessatti dhagayame.

Yesuus Namoota Ijaan Hin Argine Lama Fayyise

27 20:29-34 Yesuus achii ka'ee uduu deema'aaru namoonni ijaan hin argine lamaan, «Ilma Daawitii! nu fayyisi!» jedha'aa iyya'aa isa faanaa deeman.

28Hennaa inni gara manaa seene worri ijaan hin argine gara isaa dhufan; Yesuusillee, «Akka ani kana godhuu danda'u hin amantanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ee, Gooftaa!» jedhanii deebisaniif.

29 8:13 Achiin maayessa Yesuus, «Akka amantii keessanii isinii haa ta'u jedhee ija isaanii qaqqabe.

308:4; Mar. 1:44 Ijji isaanii hin banamte. Achiin maayessa Yesuus, «Waan kana eennullee akka hin beenne uf eeggadhaa'a» jedhee jabeessee isaan seere.

31Isaan ammo achii bayanii biyya san marattuu waan isaa odeessan.

Yesuus Namicha Afaan Duuda'aa Fayyise

32Namoonni ija jaama'aa uduu achii baya'aaran jarri takka namicha afaan duudeeru ka jinniin dhaye tokko gara Yesuusii fidan.

33Haga Yesuus jinnii isa keessaa baaseen maayessa namichi afaan isaa duuda'aa sun hin dubbate; baniin baaseffatee, «Wonti akkanaa kun Israa'eeliin keessatti sirima ta'ee hin beeku!» jedhan.

3410:25; 12:24; Mar. 3:22; Luq. 11:15 Fariisonni ammo, «Inni hunna mootii jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan.

Yesuus Bani'iif Naye

35 4:23; Mar. 1:39; Luq. 4:44 Yesuus mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhukkubaa fi dhibee maraa fayyisa'aa qachootaa fi gandoota maraa keessa deddeeme.

3614:14; Mar. 6:34; Ser. Lak. 27:17; Mot. 1ffaa 22:17; Sen. 2ffaa 18:16; His. 34:5; Zakk. 10:2 Inni banii akka hoolota tissee hin qabnee rakkatee fi gargaarsa hin qabne hennaa arge isaanii naye.

37Yoh. 4:35 Kanaaf darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Midhaan haamamu gudda'a; worri haamu ammo hago'o.

38Luq. 10:2 Eegasuu abbaan midhaanii worra haamu gara midhaan haamamuu akka ergu Rabbii kadhadhaa'a» isaaniin jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help