Seera Uumamaa 48 - Kitaaba Woyyuu

Yaaqoob Minaase'ee Fi Efreemiin Akka Ijoollee Ufiititti Eebbise

1Achiin maayessa «Abbee dhibameera» jedhanii Yooseefitti himnaan inni ilmaan ufii lamaan Minaase'ee fi Efreemiin qabatee dhaqe.

2Yaaqoobitti, «Kunoo Yooseef dhufeera» jedhanii himan; Israa'el jajjabaatee ol jedhee taa'e.

3Yaaqoob Yooseefiin, «Waandhi waa maraa danda'u biyya Kana'aanii hulee Loozaa jedhamtutti natti mudhatee na eebbise;

4‹Si daraarsa, si baay'isa, banii badhaa si taasisa; lafa tana hortee kee ka siin maayessa dhufuu kenna› naan jedhe» jedheen.

5Ammallee uduu ani gara kee hin dhufne ijoollee biyya Misiriititti sii dhalatte lamaanuu Efreemii fi Minaaseen akkuma Roobeeliitii fi Simooniititti laakkayaman.

6Ijoolleen kanniiniin maayessa uumattu tee haa taatuu; maqaa obboleewwan ufii ka Efreemiitii fi ka Minaase'eetiin haa waamamanii.

7Ani uduu Masephoxomi'aa deebi'aaru biyya Efraataa seenu'uuf diqqoon na hafeeru Raaheel biyya Kana'aanitti kara'atti na harkatti duunaan karaa Efraata'aa irratti awwaale. (Huleen sun adha Beeteliheem jedhamti.)

8Israa'el ijoollee ufii argee «Kunniin eennu fa'a?» jedheen.

9Yooseefillee abbaa ufiitiin «Ijoollee Rabbi hennaa ani biyya tana keessa jiru naa kenne» jedheen.

Innillee «Isaan eebbisaa as naa dhiyeessi» jedheen.

10Israa'el jaaree ijaan arguu hin danda'u ture; innillee gara isaa dhiyeessinaan ammatee isaa dhungate.

11Israa'el Yooseefiin «Ani si arga jedhee hin yaanne ture; Rabbi ammo hortee keetuu na argisiise» jedheen.

12Yooseef ijoollee abbaa ufii irraa achi siisseefii haga kallachaan lafa tuqutti gad jedhe.

13Yooseef ijoollee ufii lamaan Efreemiin mirgaan, Minaasee bitaa Israa'eliitiin kaaye.

14Israa'el harka ufii wol jala dabarsee harka ufii ka mirgaa hiixatee Efreemiin irra kaaye; inni ammo maandhaa ture; harka ufii ka bita'aa Minaasee irra kaaye; Minaaseen hangafa.

15Kanaan maayessa Yaaqoob Yooseefiin akkana jedhee eebbise;

Waandhi abboonni tiyya Abrahaamii fi Yisaaq faanaa deema'aa isa

tajaajilanii fi Waandhi anallee jireenna kiyya maraa eegee

haga adhaa na tisse ijoollee tanniin haa eebbisu!

16Maleekkaan waan badaa jalaa na hambise,

Isaanillee haa eegu.

Isaan maqaa kiyya, maqaa abboota tiyyaa Abrahaamii fi

Yisaaqiin haa waamamanii,

horanii lafa irratti haa baay'atanii» jedhee isaan eebbise.

17Yooseef waan abbaan isaa harka ufii ka mirgaa Efreemiin irra kaayeef gaddee harka abba'aa Minaasee irra kaawu'uuf Efreemiin qabe;

18Yooseef abbaa ufiitiin, «Abbaa kiyya akkasii miti; inni hangafa waan ta'eef harka kee ka mirgaa isa irra kaayi» jedheen.

19Abbaan ammo didee, «Ilma kiyya beekeera; kunillee akkasuma banii guddaa ta'a; hin baay'atalle'e; ammo ilmi maandha'aa ka hangafaa tara; horteen isaallee baay'ee banii guddaa ta'a» jedheen.

20Gaafasuma isaan eebbise; Israa'el akkana jedhamee isiniin eebbifama ‹Rabbi akka Minaase'eetii fi akka Efreemii isin haa godhu› jedhan»

akka kanaan Yaaqoob Efreemiin Minaasee hangafsiise.

21Israa'el Yooseefiin «Ani hin du'a; Rabbi isin woliin ta'a; gara lafa abboota teessaniillee isin deebisa;

22lafa ani worra Amoorotaa irraa woraanaa fi guraade'een lolee harkaa fudhadhe obboleewwan tee keessaa harka tokko caalchisee sii kenneera» jedheen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help