Kitaaba Faaru'uu 7 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Waan Murtii Qajeela'aatiif Rabbiin KadhatanFaaruu Daawiti sababaa Kuushii Biiniyaamtichaatiif Rabbii faarfate.

1Rabbi Waaqa kiyya!

ati dawoo kiyya;

namoota na ari'an maraa jalaa na baasi;

na oolchi.

2Yoo ta'uu baate garuu akka leencaa na kukkutan;

bakka ka na oolchu hin jirretti na cicciran.

3-4Rabbi Waaqa kiyya!

yoma nama tokkollee yakkee jiraadhe,

yoo jaalalloo kiyyaa bikka waan misha'aa waan hamaa godhee jiraadhe,

ka waan mishaa naa oolee yoo hamaa deebisee jiraadhe,

diina kiyyallee akkanumaan yoo saamee jiraadhe,

waan kanniin maraa yoo godhee jiraadhe,

5diinni ari'ee na haa qabu!

haga du'utti na haa dhiitu;

daaraa irratti kuffisee na haa salphisu!

6Yaa Rabbi! Balaa keetiin ka'i;

diintota lolaan natti ka'anitti ka'i;

Waaqa kiyya dammaqi;

ajaja dabarsi!

7Baniin si haa marsu;

ati isaan gubbaa ta'ii isaan irratti mooyi.

8Rabbi banii irratti hin murteessa;

Yaa Rabbi! akka balchummaa kiyyaatitti naa murteessi;

Gooftaa'a akka amanamumma'aa kiyyaatitti naa deebisi.

9Waaqa balchaa'a! ka yaada sammu'uutii fi garaa qortu,

hammeenna worra hammeeyyi'ii balleessi;

balchaa garuu jabeessi.

10Wonteen kiyya Waaqa gudda'a;

inni worra garaa qajeela'aa hin oolcha;

11Rabbi abbaa murti'ii ka dhuga'aati,

guyyaa maraa lola ufii mudhisa.

12Worri hammeeyyiin hammeenna ufii irraa yoo ka hin deebinee;

Rabbi guraadee ufii qarata;

eboo ufiillee isaanitti qajeelcha.

13Inni meeshaa nama ajjeesu isaanitti qopheeffata;

buundheewwan akka ibiddaa mallisu isaanitti midhaaffata.

14Namni hammeenna ciniinsifata'aaru

badii ulfaayee soba daya.

15Ka boolla qotee biyyee baasu;

boolla qopheessetti ufumaa gala.

16Dharti isaa isumatti deebiti;

dhibuun isaallee matama isaatitti bu'a.

17Rabbii waan balchummaa isaatiif galata dhiyeessa;

maqaa Rabbii maraa olii faaru'uun jaja.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help