Dubbii Nagayaa Ka Maatewoosii 15 - Kitaaba Woyyuu

Seera Rabbiitii Fi Aadaa Manguddootaa(Mar. 7:1-13)

1Achiin maayessa Fariisotaa fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhiyaatanii,

2Luq. 11:38 «Darasoonni kee maaf aadaa manguddootaa hin kabajjine? isaan hennaa xoroshoo nyaatan harka ufii hin dhiqatan!» jedhaniin.

3Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin aadaa keessaniif jettanii maaf seera Rabbii kabajjuu diddan?

4Ser. Ba'u. 20:12; Kes. Deb. 5:16 Rabbi, ‹Abbaa keetii fi haadha tee kabajji!› akkasuma, ‹Namni abbaa ufii yookaan haadha ufii arrabsu horomaa du'uu barbaachisa!› jedhee seere.

5Isin ammo, ‹Namni tokko abba'aan yookaan haadhaan, gargaarsi isin na biraa argata'aa turtan Rabbiif kenneera yoo jedheen,

6inni abbaa fi kabajjuu hin barbaachisu› jettan; aadaa teessaniif jettanii seera Rabbii diiddan.

7Isa. 29:13 Isin fakkeessitoota! Isaayyaas waan keessan raagee,

8‹Baniin kun afaaniin na kabajja,

garaan isaanii ammo na irraa guddaa fago'o;

9Baniin kun ajaja namaa akka seera Rabbiititti barsiisa'aa, ufii ammo,

duwwama na waaqeffatan› ka jedhe dhuga'a» jedhe.

Waan Nama Batteessu(Mar. 7:14-23)

10Achiin maayessa Yesuus gumii gara ufii waamee, «Dhagayaa'a, hubadhalle'e:

1112:34; Hu. Er. 10:14-15; Xim. 1ffaa 4:4 Wonti nama batteessu waan afaan namaa keessaa bayu malee waan gara afaan namaa seenuu miti» isaaniin jedhe.

12Achiin maayessa barattoonni gara isaa dhufanii, «Worri Fariisotaa waan ati jette haga dhagayan akka gufatan beettaa?» jedhaniin.

13Yoh. 15:2; Hu. Er. 5:38 Yesuus ammo deebisee, «Biqiltuun Abbaan kiyya ka sami'ii hin dhaabne maruu hin buqqa'a.

1423:16; Luq. 6:39; Rom. 2:19 Waan isaanii dhiisaa'a; isaan worra ijaan hin argine ka worra ijaan hin argine masakku. Namni ijaan hin argina nama ijaan arguu hin dandeenne yoo masakke lamaanuu wol qabatanii boollatti badan» jedhe.

15Pheexroos ammo deebisee, «Mammaaka kana nuu hiiki» jedheen.

16Achiin maayessa Yesuus akkana jedhe, «Isinillee haga ammaa worra qaabii hin qabnee?

17Wonti gara afaanii seenu maruu gara gara'aa gad lufee nafa namaa keessaa akka bayu hin argitanii?

1812:34 Wonti afaan keessaa bayu ammo garaa keessaa waan bayuuf ka nama batteessu isa.

19Ser. Uma. 6:5; 8:21; Gal. 5:19-21; Qor. 1ffaa 6:9-10 Sababaanillee garaa keessaa yaanni hamaan, ajjeesuun, seebaruun, hatuun, sobaan ragaa bayu'uu fi arrabsuu, kanniin fa'atuu baya.

20Wonti nama batteessu waan kana malee, uduu harka hin dhiqanne nyaatuun nama hin batteessu» jedheen.

Amantii Dubartii Biyya Kana'aanii(Mar. 7:24-30)

21Yesuus achii bayee gara biyya Xiroosii fi Siidoonii deeme.

22Achiin maayessa dubartiin biyya Kana'aanii takka hulee sanii dhuftee, «Ilma Daawitii! Gooftaa'a! Mucattii tiyya jinniin dhayee waan rakkata'aartuuf naa fayyisi» jedha'aa iyyite.

23Inni ammo womaa isi'ii hin deebifne. Darasoonni isaallee dhufanii, «Isiin waan iyya'aa nu duukaa deema'aartuuf isii uf irraa geegessi!» jedha'aa isa kadhatan.

24 10:6 Yesuus deebisee, «Ani banii Israa'eelii ta akka hoolotaa baddeef malee ta biraatiif hin ergamne» jedhe.

25Isiin ammo dhuftee isa afo'otti jilbiiffattee, «Gooftaa'a! na gargaar» jettee sagaddeef.

26Yesuus deebisee, «Hurbaata ijoolle'ee fuudhanii sariinii darbuun hin ta'u» jedhe.

27Isiin deebitee, «Ee; Gooftaa kiyya! sareenillee woma qorii Gooftaa isaanii irraa harca'u nyaatti» jette.

28 8:10,13 Achiin maayessa Yesuus deebisee, «Dubartii nana, amantiin kee gudda'a! Akkuma hawwii keetii sii haa ta'u» jedheen. Mucattiinillee yoma san fayyite.

295:1; Mar. 7:31 Yesuus galaana Galiila'aa bira lufee gaara irra bayee achi taa'e.

30Gumiin hedduu naaftota, worra ijaan hin argine, worra duudotaa fi worra biraallee heddu qabatanii gara isaa fidanii luka Yesuusii jala kaayan. Innillee isaan fayyise.

31Mar. 7:37 Kanaafuu worri duudaan hennaa dubbatan, dundumoonni hennaa fayyan, worri hokkolan hennaa deeman, worri ijaan hin argine hennaa argan maalalfatanii Waaqa Israa'elii galatoonfatan.

329:36; 14:14 Achiin maayii Yesuus darasoota gara ufii waamee, «Gumiin kun guyyaa sadihii waan na woliin tureef, waan nyaatan hin qaban. Kanaafuu isaan garaa na nyaatan; Karaa irratti akka hin dadhabne qooqa isaan gad dhiisuu hin barbaadu» isaaniin jedhe.

33Darasoonni, «Lafa udume'ee kana keessatti xoroshoo banii haganaa kana quubsu eessaa fuuna?» jedhaniin.

34Yesuus, «Xoroshoo meeqa qabdan?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Xoroshoo torbaa fi qurxummii didiqqoo qabna» jedhaniin.

35Yesuus gumii marga irra akka taa'an ajaje.

36Achiin maayii xoroshoo torbaa fi qurxummii fuudhee galatoonfatee cabsee darasootatti kenne. Darasoonni gumi'ii kennan.

37Isaan maruu nyaatanii quufanii hambaa hafe gindoo torba guutuu kaasan.

38Laakkobsi worra nyaatanii dubartootaa fi ijoolleen uduu hin laakkayamne dhiirti callaan kuma afur.

39Yesuus haga gumii geegesseen maayessa yabala keessa seenee gara biyya Magedoolii dhufe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help