Kitaaba Faaru'uu 37 - Kitaaba Woyyuu

Hiree Worra Hammeeyyi'iitii Fi Hiree Worra Misha'aaFaaruu Daawitii

1Waan hammeeyyiin godhan argitee hin biibbayin;

worra hamaa hojjatanittillee hin hinaafin.

2Isaan akka margaa daddafanii gogan;

akka baalaa quuran.

3Rabbiin abdadhu; waan mishaa godhi;

lafa irra jiraadhu; amanamumma'aan bobba'i.

4Rabbitti gammadi;

Inni fedha garaa keetii maraa sii kennaa.

5Karaa kee Rabbitti yaboo kennadhu;

isa hedadhu; hin milkooftaa.

6Balchummaa kee akka ifaa;

haqa kee akka aduu guyya'aatitti ibsa.

7Rabbiin afo'otti cadhii obsaan eeggadhu;

isa abdadhu;

nama waan hamaa hojjatee milkaayetti hin hinaafin.

8Aariin gara waan hama'aa waan si geessuuf hin aarin;

aarii irraa uf eegi.

9Worri waan hamaa hojjatan hin badan;

worri Rabbiin abdatan garuu biyya dhaalan.

10Worri waan hamaa hojjatan dafanii badan;

yoma soxxellee isaan hin argitu.

11Gara laafeyyiin garuu lafa dhaalan;

nagaya guddaa argatanii usheexxan.

12Namni hamaan nama mishaa balleessu'uuf karoora hamaa baafata;

jibbee hidhii ufii itti ciniinnata.

13Rabbi garuu isaanitti kolfa;

guyyaa isaan itti badan waan beekuuf.

14Hiyyeeyyi'ii fi rakkataa kuffisu'uuf,

worra jireenni isaanii qajeelaa ta'e ajjeesu'uuf,

hammeeyyiin guraadee ufii luqqifatan;

eboo ufiillee hin mirmirfatan.

15Guraadeen isaanii garuu garaa isaanii woraana;

eboon isaaniillee hin cabdi.

16Wonti diqqaan balchaan qabu;

qabeenna guddaa worri cubbamtootaa qaban caala.

17Hunni worra hammeeyyi'ii hin caba;

worra balchaa garuu Rabbi hin gargaara;

18Rabbi bara jireenna qulqullootaa hin beeka;

lafti isaaniillee baraa haga bara baraa jiraata.

19Bara hammeennaallee mataa gad hin qabatan;

bara beelaallee quufanii jiraatan.

20Cubbamtoonni garuu hin badan;

diintonni Rabbii akka daraaraa lafa gammoojji'iititti harca'an;

akka aaraa bittinnaayan.

21Cubbamaan hin liqeeffata; garuu hin deebisu;

balchaan garuu hin kenna.

22Worri Rabbi eebbise lafa dhaalan;

worri Rabbi abaare garuu hin badan.

23Jireenna namaa Rabbitu jabeessa;

deemsa isaatittillee Inni hin gammada.

24Yoo gufatellee hin kufu;

Waan Rabbi harka ufiitiin isa irkisuuf.

25Ani ka'ima ture; amma jiraadheera;

garuu hennaa namni balchaan gatamu;

fiixaan isaa yoo nyaata kadhatan

sirima hin argine.

26Hennaa maraa hin kenna; hin liqeessa;

ijoolleen isaallee ta eebbaati.

27Waan hamaa irraa fagaadhu;

waan mishaa godhi;

lafa tee irra bara baraan jiraattaa.

28Rabbi waan murtii haqaa jaalatuuf;

amanamtoota hin gatu;

haga bara baraa isaan eega;

fiixaa cubbama'aa garuu hin balleessa.

29Worri balchaan lafa dhaalan;

baraa haga bara baraa isii keessa jiraatan.

30Afaan nama balcha'aa ogummaa barsiisa;

arrabni isaa haqa dubbata.

31Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa;

lutti isaallee hin gufattu.

32Hamaan balchoota ajjeessu'uuf

riphee eega.

33Rabbi garuu dabarsee harka diina isaatitti isa hin kennu;

murtii afoo yoo dhiyaatullee akka mooyatamu hin taasisu.

34Abdii kee Rabbiin irra godhi;

ajaja isaa eegi;

lafa si dhaalchisu'uun si kabajjaa;

hennaa worri hammeeyyiin badan hin argita.

35Namni hamaanii fi garjabeessi

akka birbirsa libaanosii ka laliseeru arge.

36Hennaa deebi'u garuu

barbaadee hule'ee isa dhabe.

37Nama qulqulluu xiinxalli laali;

nama qajeelaa hubadhu;

namni nagayaa waan abdii qabuuf.

38Cubbamtoonni garuu sirima badan;

fiixaan isaaniillee hin cita.

39Fayyinni worra balcha'aa Rabbiin biraa dhufa;

hennaa rakko'oollee irkoon isaanii Isa.

40Rabbi isaan gargaara;

isaan oolcha;

hammeeyyii harkaa butee isaan baasa;

waan Isa irkoo godhataniif isaan oolcha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help