Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 6 - Kitaaba Woyyuu

Fiixaa Maatii Bulchaa Gadootaa

1Ijoolleen Leewwi'ii Geedsoon, Qaatii fi Meeraariin fa'a.

2Ijoolleen Qaatii Amraam, Yisi'aar, Keebroonii fi Uzi'eeliin fa'a.

3Ijoolleen Amraamii Aaroon, Muuse'ee fi Maariyaam;

Ijoolleen Aaroonii Naadaabi, Abiyuudi, Alaazarii fi Itaamiriin fa'a.

4Alaazar Finihaasiin uumate; Finihaas Abiisuu uumate; Abiisu Buuqiin uumate.

5Buuqi Ooziin uumate;

6Oozi Zaraa'iyaa uumate; Zaraa'iyaan Marayootiin uumate.

7Marayooti Amaariyaa uumate; Amaariyaan Akixoobiin uumate;

8Akixoobi Saadooqiin uumate; Saadooqi Akimaasiin uumate;

9Akimaas Azaariyaasiin uumate; Azaariyaas Yohaanaa uumate.

10Yohaanaan Azaariyaasiin uumate; Inni gadicha mana woyyuu Solomoon mootichi Yerusaalemiin keessatti ijaaretti gadicha ta'ee hojjata ture.

11Azaariyaas Amaariyaa uumate; Amaariyaan Akixoobiin uumate;

12Akixoobi Saadooqiin uumate; Saadooqi Shaaluumiin uumate;

13Shaaluum Kelqiyaasiin uumate; Kelqiyaas Azaariyaasiin uumate;

14Azaariyaas Sarayaa uumate; Sarayaan Iyyoseedeeqiin uumate;

15Rabbi hennaa biyya Yihuuda'aatii fi Yerusaalemiin mootii Naabukadanatsooriin mooyachiise, Iyyooseedeeqillee booji'amee isaan woliin deeme.

Fiixaa Leewwi'ii

16Ijoolleen Leewwi'ii Geedsoon, Qaatii fi Meeraariin fa'a;

17Ijoolleen Geedsoonii Luubeenii fi Saame'i;

18Ijoolleen Qaatii Amraam, Yisaar, Keebroonii fi Uuzi'eeliin fa'a.

19Ijoolleen Meeraarii Mohoolii fi Muusi'i; fiixaan maatii leewwotaa akkaataa gosa abboota isaaniitiin kanniin fa'a.

20Geedsoon Luubeeniin uumate; Luubeen I'eetiin uumate; I'eeti Zaamaatiin uumate;

21Zaamaati Yoo'aakiin uumate; Yoo'aaki Adoo uumate; Ado Zaaraa uumate; Zaaraan Yaatiraayiin uumate;

22Qaati Aminaadaabiin uumate; Aminaadaab Qoree uumate; Qoreen Aseeriin uumate;

23Aseer Hilqaanaa uumate; Hilqaanaan Abisaafiin uumate; Abisaafi Aseeriin uumate.

24Aseer Ii'itiin uumate; Ii'iti Uraa'eliin uumate; Uraa'eli Ooziyaa uumate; Ooziyaan Saawuliin uumate;

25Ijoolleen Hilqaana'aa Amaasii fi Akimooti;

26Akimooti Hilqaanaa uumate; Hilqaanaan Suufiin uumate; Suufi Naatiin uumate;

27Naati Eeliyaabiin uumate; Eeliyaab Yiruhaamiin uumate; Yiruhaam Hilqaanaa uumate;

28Saamu'eel ilma hangafaa Iyyu'eelii fi maandhicha Abiyaa uumate;

29Meeraari Mohooliin uumate; Mohooli Loobeeniin uumate; Loobeeni Saamii uumate; Saami Oozaa uumate;

30Oozaan Saamaa uumate; Saamaan Hagiyaa uumate; Hagiyaan Asaayaa uumate.

Faarfattoota Mana Woyyuu keessatti Faarfatan

31Haga saanduundhi waadaa Rabbii gara Yerusaalemii dhufeen maayessa Daawiti mootichi faarfattoota mana woyyuu keessatti hojjataniif bulchoota muude.

32Haga Solomoon mootichi mana woyyuu Rabbii Yerusaalemiin keessatti hojjatutti isaan balbala daasee wol gayi'ii afo'otti kore kore'een faarfata'aa turan.

33Fiixaan namoota hulee kanatti ramadamanii hojjatanii kanniin.

Ijoollee Qaatii keessaa faarfataa Eemaan ture; Fiixaan hortee Eemaanii akkaataa kanaan hortee Yaaqoobii bira gaya; isaan Eemaan, Iyyu'eel, Saamu'eel,

34Hilqaanaa, Yirohaam, Eli'eel, Towaa,

35Suuf, Hilqaanaa, Mahaati, Amaasi,

36Hilqaanaa, Iyyu'eel, Azaariyaas, Sofoniyaas, Tahaati, Aseer, Abiyaasaaf, Qoree,

37Tahaati, Aseer, Abiyaasaaf, Qoree,

38Yisaar, Qaati, Leewwii, Israa'el.

39Namni faarfattoota garee cinaa mirgaatiin faarfatan masakku Asaafi; fiixaan maatii isaa akka armaan gad jiru kanaan hortee Leewwi'ii bira gaya; isaan Asaafi, Barakiyaa, Saamaa,

40Mikaa'el, Ba'aaseyaa, Malkiyaa,

41Eetinii, Zaaraa, Aadayaa,

42Eetaan, Zaamaati, Saamee,

43I'eeti, Geedsoon, Leewwi.

44Namni garee faarfattootaa ka gara cinaa bita'aatiin jiran masakku ka sadeesso'oo ilma Meeraarii Eetaani; fiixaan maatii isaa akkaataa armaan gadiitiin haga Leewwi'ii gaya; isaan Eetaani, Qisaa, Abdii, Maalooki,

45Hashabiyaa, Ameesiyaasi, Keliqiyaasi,

46Amaasi, Baanii, Seemeer,

47Mohool, Muusii, Meraari, Leewwi.

48Worri Leewwotaa ka obboleewwan isaanii mana woyyuu Rabbii keessatti akka hojjataniif kennaman.

Fiixaa Aaroonii

49Ijoolleen Aaroonii garuu akkuma garbichi Rabbii Muuseen isaan ajajetti hujii mana woyyu'uu hulee woyyittii woyyootaa maraa waan worra Israa'eliitiifillee dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa waan cubbu'uutiif ciincawu hulee hixaana irratti ciincessan irratti ciincessa'aa turan.

50Fiixaan Aaroonii Alaazar, Finihaas, Abiisuu,

51Buuqi, Oozi, Zarayaa,

52Marayooti, Amaariyaa, Akixoobi,

53Saadooqii fi Akimaasiin fa'a.

Hulee Jireennaa Ka Leewwotaaf Kenname

54Huleen jireennaa ka Leewwotaaf kenname kanniin; hixaan jalqabaa gosa Qaatiitiif waan bayeef

55isaaniif Keebroonii biyya Yihuuda'aa keessa jirtuu fi hulee horii itti bobbaafatan ka naannaya isi'ii jiru kennaniif.

56lafa qonnaa ka Keebrooniitii fi ganda isaanii garuu Kaaleebii ilma Yufooniitii kennan.

57Ijoollee Aarooniitiif qachoota dhaqanii keessatti dhokatan Keebroonii fi hulee horii itti bobbaafatan kennaniif

58Akkasuma Yitiriin, Eshtimo'oo fi hulee horii itti bobbaafatan, Hoolo'oo fi hulee horii itti bobbaafatan, Daabeerii fi hulee horii itti bobbaafatan,

59Aasaanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beetisaamisii fi hulee horii itti bobbaafatan;

60Gosa Biiniyaamii keessaallee Geeba'aa fi hulee horii itti bobbaafatan, Gaaleemaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Anaatoonii fi hulee horii itti bobbaafatanillee hin kennaniif; Qachoonni isaanii akkaataa hortee isaaniitiin qachoota kudha sadihi turan.

61Ijoollee Qaatii worra hafan akkaataa gosa isaaniitiin qachoota kudhanii wodhakkaa gosa Minaase'eetii kennan.

62Ijoollee Geedsooniitiifillee akkaataa gosa isaaniitiin gosa Yisaakoorii keessaa, gosa Aseerii keessaa, gosa Niftaalemii keessaa, gosa Minaase'ee ka biyya Baasaanii keessa jiru keessaa, qachoonni kudha sadihii isaanii kenname.

63Ijoollee Meeraariitii akkaatama gosa isaaniitiin gosa Roobeelii keessaa, gosa Gaadii keessaa, gosa Zaabiloonii keessaa qachoonni kudhanii hixa'aan isaanii kenname.

64Worri Israa'elii worra Leewwotaatiif qachoota hulee horii itti bobbaafatan woliin kennaniif.

65Gosa ijoollee Yihuuda'aa keessaallee gosa ijoollee Simoonii keessaallee, gosa ijoollee Biiniyaamii keessaallee qachoota maqaan dhayame kanniin kennaniif.

66Gosa ijoollee Qaatii keessaallee gari gariin qachoota gosa ijoollee Efreemii keessaa gayee qaban.

67Qachoota itti dheessan ka gaara irra jiran ka Efreemii Seemii fi hulee horii itti bobbaafatan, Geeziriinii fi hulee horii itti bobbaafatan,

68Yooqi'aamii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beetihooroonii fi hulee horii itti bobbaafatan,

69Eeloonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Gaatirimoonii fi hulee horii itti bobbaafatan isaanii kennan.

70Gosa Minaase'ee keessaa wodhakkaa Aneerii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beeli'aamii fi hulee horii itti bobbaafatan gosa ijoollee Qaatii keessaa ka hafe isaanii kennan.

71Ijoollee Geedsooniitii Goola'aa fi hulee horii itti bobbaafatan.

Astirootii fi hulee horii itti bobbaafatan, qachoota wodhakkaa gosa Minaase'ee kennaniif.

72Gosa Yisaakoorii keessaallee Qaadeesii fi hulee horii itti bobbaafatan, Daabraatii fi hulee horii itti bobbaafatan,

73Raamootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Aaneemii fi hulee horii itti bobbaafatan.

74Gosa Aseerii keessaallee Maasaalii fi hulee horii itti bobbaafatan; Abdoonii fi hulee horii itti bobbaafatan,

75Huuqooqii fi hulee horii itti bobbaafatan, Ra'aabii fi hulee horii itti bobbaafatan.

76Gosa Niftaalemii keessaallee qachaa Qaadeesii ta Galiilaa jirtuu fi hulee horii itti bobbaafatan, Hamoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Qiriyaataamii fi hulee horii itti bobbaafatan kennaniif.

77Ijoollee Meeraarii ta gosa Leewwotaa keessaa haftee, gosa Zaabiloonii keessaa Reemoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Taaboorii fi hulee horii itti bobbaafatan,

78Gosa Roobeelii keessaa karaa kolba Yerusaalemiitiin laga Yoordaanosii gama Iyyaarikoo irraa gara baya biiftu'uutiin jirtu, qachaa Baasoorii ta lafa gammoojji'ii jirtuu fi hulee horii itti bobbaafatan,

79Qideemootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mefaatii fi hulee horii itti bobbaafatan,

80Reemaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mahaanaayimii fi hulee horii itti bobbaafatan.

81Haseboonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Iyyaazeeriifillee hulee horii itti bobbaafatantu kennameef.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help