1Hennaa balchoonni du'an
isaan maaf akka du'an namni hubatu hin jiru;
namoonni mimmishaan hennaa du'an
akka Waandhi waan hamaa jalaa isaan oolchu'uuf fudhate
namni hubatu hin jiru.
2Worri jireenna balchumma'aa jiraatan nagaya qaban;
duuti isaaniillee du'a nagayaati.
3Isin worri worra asmaa hojjatu,
worra seebaruu fi
worra sagaagalu hin geenne garuu
as dhiyaadhaa'a!
4Isin worri balditan eennutti afaan bana'aa arraba baaftan?
isin ijoollee dharaatii fi hammeennaatii mii?
5Isin worra qilxuu jiddu'uu fi mukkiin lalise jalatti
fedha fooniitiin gubattan akkasuma dhooqa keessaa fi
dhagaa gugurdaa jiddu'utti ijoollee teessan qalmaaf dhiyeessitan.
6Dhooqa keessaa dhagaa mimmishaa filattanii
kunniin waaqa tolfamaa keenna jedha'aa
kennaa nyaataatii fi ka dhuddo'oo isaanii dhiyeessitan;
ani waan kanaaf hin aaruu?
7Fiixxee gaara dheera'aa gubba'atti seebaru'uu fi
ciincaa dhiyeessu'uuf ol baatan.
8Balbala keessanii fi qasatoo duubaan
fakii waaqa tolfamaa keessanii dhaabdaniirtan;
na dhiiftanii seebaru'uuf siree keessan irra baataniirtan;
seebaraaf gatii wolii galtanii fedha foon keessanii raawwattan.
9Waan urgaawu dibattanii ergamtoota keessan
gara biyya fago'oo waaqa tolfamaa Mooleek jedhamu haa soqani'iif
gara worra du'anii ergitaniirtan.
10Guddiftanii waan raantoftaniif hin dadhabdan;
ta'ullee isin waan fedha keessaniin guddiftanii kakkaataniif
«waan barbaachisuu miti» jettanii hin dhiifne.
11«Ana yaaduu dhiiftanii wonti soba dubbattaniif eennuun sodaattaniiti?
wonti na sodaachuu diddaniif
waan hennaa heddu isinitti cadhisee
akka waan hin arginee ta'eefii?
12Ani hujii keessan ka isin sirri'i jettanii
yaaddan maraa ifa baasa;
waaqoleen tolfamaan keessan isin gargaaruu hin danda'an.
13Mee hennaa isin gargaarsa argachu'uuf iyyitan
waaqoleen tolfamaan keessan
ka isin wolitti qabdan isin haa oolchanii
isaan qilleensatu balleessa;
bubbeen isaan fudhata;
nama na abdatu garuu lafti tiyya ta isaa taati;
gaara kiyya woyyuullee ka ufii taasifata.»
Abdii Rabbi Banii Ufii Fayyisu'uu fi Gargaaru'uuf Kenne14Rabbi akkana jedha,
«karaa baniin kiyya irra deemu maraa
haxaaya'aa sirreessaa'a!»
15Woyyichi baraa haga bara baraa jiraatu,
ka maraa caalu,
«Ani hulee woyyu'uu fi hulee ol aanu akkasuma
worra gara laafeyyi'ii fi worra kasoo woliin jiraadha;
wonti isaan woliin jiraadhuuf garaan isaanii
ka gadde haarawoomsu'uu fi
akka isaan kasoo ta'an godhu'uuf.
16Ani hennaa maraa nama hin ujulu,
hennaa maraa hin aaru,
uduu ka akkana godhuutii silaa namoonni ani uume hin dadhaban.
17Sababaa hammeenna luquna isaaniitiif isaaniin lolee ture;
akkasuma ani isaan adabee isaan irraa fooyamee ture;
isaan garuu garuma karaa ufii deebi'an.
18Ani hujii isaanii maraa argeera;
garuu isaanii araaramee isaan fayyisa;
ani worra isaanii fi
waan isaaniitiif booyan maraa hin jajjabeessa.
19Worra fago'oo fi dhiyoo jiran maraaf nageenni haa ta'u!
Ani banii kiyya hin fayyisa.
20Namoonni hammeeyyiin garuu akka galaana raafamuuti;
bisaan xuri'ii fi huura bulbulee baasa malee hin dhiisu.
21Waandhi kiyya «Hammeeyyiin nagaya hin qaban» jedha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.