1Mootichi Solomoon mana woyyu'uu fi mana mootummaa ufii ijaaru'uuf woggaa diddama itti fudhate;
2Akkasuma qachoota mootichi Kiraam isaa kenne deebi'ee haarawoomsee worri Israa'elii akka irra jiraatan godhe.
3Solomoon bulchiinsa Hamaatiitii fi Tsoobaatitti duulee isaan mooyatee qabate.
4Qachaa Taatsimoorii ta lafa gammoojji'ii keessa jirtuu fi qachoota hidhatanii keessa jiraatan ta Haamaatiin keessa jiran maraa ijaaree jajjabeesse.
5Akkasuma qachaa Beetihoorii ta jalaatii fi ta gubba'aa ta dallawa cufana'aa fi ta loosa'aan ijaaramte deebi'ee ijaare.
6Qachaa Ba'aalaatii qachoota meeshaa woraanaa keessa kaayatan, qachoota gaariin fardaatii fi faradoon keessa jiraatan maraa Solomoon akkaataa kanaan hujii ijaarsaa ka Yerusaalem, biyya Libaanosiitii fi qachoota biyya ufii bulchu maraa irratti ijaaru'uuf karoorfate ijaaree fixe.
7Garboonni Solomoon akka hujii hunnaa hojjataniif bobbaase fiixaa banii Kana'aanii ka hennaa worri Israa'elii lafa isaanii fudhatan isaan hin ajjeefne.
8Fiixaan banii Kana'aanii kunniin haga adhaallee garboota ta'anii hojjatan; isaan worra Keexotaa, worra Amoorotaa, worra Feerzotaa, worra Eewwotaatii fi worra Iyyaabusootaa fa'a;
9Solomoon ijoollee Israa'elii keessaa nama tokkollee hin garboomsine; isaan worra duultota, bulchoota worra nama ajajuu fi worra faradoo yaabbatanii lolan turan.
10Worri banii irratti mooyan, worri bulchootaa ka Solomoonii namoota dhibba lamaa fi shantama.
11Solomoon, «Huleen Saanduundhi waadaa Rabbii seene woyyuu waan ta'eef haati manaa tiyya mana Daawitii mootii Israa'elii keessa hin teettu» jedhee mucattii Fari'oonii qachaa Daawitii keessaa gara mana isi'ii ijaareetitti galche.
12Hennaa san Solomoon hulee ciinca'aa ka mana woyyuu afo'otti Rabbii hojjate irratti ciincaa ciincawu Rabbii dhiyeesse.
13Akkuma seera isaanii ka Muuseen isaanii kenneetitti guyyaa maraa, sambata maraa, guyyaa jalqabaa ji'aa, ayyaana gara garaa maraa irratti woggaa keessa hennaa sadihii, ayyaana xorosho'oo maraa fi ayyana subaa'ee, ayyana daasee keessatti ayyaanteeffatan maraa irratti Rabbiif ciincaa dhiyeessa'aa turan.
14Mootichi Solomoon seera abbaan isaa Daawiti kenne hordofee worra gadootaatii fi worra Leewwotaa ka huji'ii fi faaruu faarfachu'uun isaan gargaaran hujii guyya guyya'aan isaan hojjatan qopheesseef; akkuma Rabbi Daawitii seera baasetti worri mana woyyuu eegan balbala dallawan maraa akka eeganii hujiillee hojjataniif hojii isaanii qoodee kenneef.
15Isaan waan mootichi ajajee fi seera inni worra gadootaatii fi worra leewwotaatiif baase maraa hin diinne.
16Ijaarsi mana woyyu'uu jalqaba irraa haga dhumatutti wonti manni sun ijaaramuun maruu qophaayee waan tureef ijaarsi mana woyyu'uu akka misha'atti hojjatamee raawwatame.
17Kanaan maayessa Solomoon gara Etsiyoon-Gaabiriitii fi gara Eelootii lafa galaana Edoomiyaasiitiin gama jiranii dhaqe.
18Mootichi Kiraam markaba hedduu fi worra waan galaanaa beekan, worra markaba oofan hojjattoota ufiititti kennee isaa erge; isaanillee hojjattoota Solomoonii woliin gara oofirii dhaqanii worqii saqilii dhibba afurii fi shantama caalu achii fuudhanii Solomoonii fidan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.