Raajii Hisqeelii 26 - Kitaaba Woyyuu

Raaga Xiroosiin Irratti Raagame

1Baqannee woggaa kudha tokkeesso'oo jalqaba ji'aa Rabbi akkana jedhee natti dubbate,

2«Ati ilma namaa! wonti baniin qachaa Xiroosii jiran itti gammadan kana ‹Yerusaalem diiggamteerti! daldaluu dadhabdeerti; isiin ammaa achi waan nuun wol morkuu hin dandeenneef nu hin duroomna› jedhan.

3«Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, ‹Xiroos! ani sitti ka'ee akkuma dambaliin galaana irratti ka'u banii kiyya heddu sitti kaasa.

4Dalloofni qachaa keetii hin diiggaman; dallawa dhaga'aa ka worra kee ka balbala eeguu hin caccabsan; biyyee maraa haxaayee balleessee akka dhagaan callaan hafu godha.

5Ani isii galaanuma san biratti hulee worri qurxummii qabu woshaadoo ufii itti miicatu isii taasisa; Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera; baniin Xiroosiin hin saaman;

6banii gandiin san keessa jiraatan maraa lolanii guraadee ufiitiin isaan fixan; hennaa san Xiroos akka ani Rabbiin ta'e beetti.»

7Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ani Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii akka inni Xiroosiin irratti balaa buusu gara kaabaatii isi'itti fida; inni loltoota ufii jajjabaa worra faradoo yaabbatanii fi worra konkolaataa fardaa yaabbatan hedduu woliin dhufa.

8Baniin gandiin qachattii sanniinii keessa jiraatan maruu woraanaan dhuman; inni kushee ittiin uf irraa isin dhoogguun ijaarata; diinni haga qaccee dallawa keetii biyyee ol tuula; wontee hedduun uf irraa isin dhoogga'aa isin miidha.

9Meeshaa kushee diiguun dallawa kee diiga; dallawa dhaga'aa kee ka worra balbala eeguu dhagara'aan diiga.

10Daaraan buudaa fardaatiin ol ka'u akka duumessaatitti si golga; daaraan sun hennaa balbala dallawa keetiitiin ol seenu akka nama faradoo yaabbatee loluu, akka laagaa konkolaataa fardaa yaabbatuutii fi laagaa akka laagaa miila korbo'ootiin qachaa kee diiga.

11Loltoonni buudaa faradoo ufiitiin karaa kee maraa dhidhiitan; banii kee guraade'een ajjeesan; utubaawwan kee jajjabaan lafatti gad kufan.

12Qabeenni kee hin booji'ama; miini kee ka daldalaa hin saamama; dalloofni kee hin diiggama; manniin kee babbareedaan hin diiggama; dhagaan kee, balballinii fi tuulaan waan diiggamee galaanatti gatan.

13Sirbaa fi laagaa meeshaa sirba gara garaatii fi laagaa buuchoo keetii hin cadhisiisa.

19Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ani akka qachoota onaa ta eennullee keessa jiraachuu hin dandeennee si taasisa; bisaan galaana guddaa xiillaa keessaa argamuun si dhossa.

20Ati duutee banii dur du'an woliin wolitti eda'amtee akka jiraattu si taasisa; ati akka worra du'anitti makamtee jiraattu worra biyya lafa jalaa keessa ka baraa haga bara baraa diiggamanii jiraatan woliin akka jiraattu si taasisa; sababaa kanaaf lammata namni si keessa hin jiraatu; ati worra jiraatan woliin jiraachu'uuf hulee hin qabdu.

21Akka dhumti kee nama sodaachisu taasisa; achiin maayessa hennaa ati itti baddu ta'a; hennaa san irraa jalqabee namoonni yoo si soqan sirima si hin argatan» Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help