1Urgoo mishaa irra maqaa mishaa,
guyyaa dhalatan irra guyyaa du'aa woyya.
2Mana waa itti nama affeeran dhaquu irra
mana booyaa dhaquu woyya;
inni dhuma nama maraa waan ta'eef
duuti ta nama maraa irra geettu
akka taate waan nama hubachiiftuuf.
3Kolfuu irra gadduu woyya;
fuulli gadde gara'aaf waan misha'a.
4Garaan nama ogeessaa gara mana gaddaati;
garaan gowwa'aa garuu gara mana gammachu'uuti.
5Faaruu worra gowwa'aa dhagayuu irra;
dheekkamsa worra ogeeyyi'ii dhagayuu woyya.
6Kolfi nama gowwa'aa akka qoree ibiddaan
keree jalatti gubatuu waan ta'eef
kunillee waan gatii hin qabne.
7Miidhaa raawwachuun nama beekaa
akka nama gowwa'aa godha;
gabbarsuu nama irraa fudhachuunillee
amala mishaa nama jalaa balleessa.
8Jalqaba waan tokkoo irra dhumaa woyya;
nama uf jaju'uun dubbatu irra nama obsu woyya.
9Lolli bobaa worra gowwa'aa jala waan jiruuf
ati lolaaf hin ariifatin.
10«Bara kana irra barri durii maaf woyyaa ta'e?» jettee hin gaafatin;
gaafiin akkanaa kun gaafii nama ogeessaa waan hin taaneef.
11Ogummaan waan mishaa akka lafa qabaachu'uuti;
namoota sami'ii gad jiraatan maraa hin fayyada.
12Akkuma horiin gaaddisa ta'u
ogummaanillee gaaddisa taati;
caaluun beekkumsaa garuu ogummaa jireenna abbaa ufii eegu'uuti.
13Mee hujii Rabbii laali;
ka inni dabse eentu qajeelcha?
14Yoo hennaan mishaa ta'e gammadi;
yoo hennaan badaa ta'ellee hubadhu;
kanaa fi sanillee ka uume isuma;
kanaafuu namni waan isaa ka uf afo'oo beekuu hin danda'u.
15Bara kiyya ka gatii hin qabne kanatti waan lamaan argeera;
namni hamaan waan hamaa hojjatee woggaa dheeraa yoo jiraatu,
namni mishaan garuu mishummaa ufiitiin hennaa badu argeera.
16Kanaafuu ati akka hin banne guddiftee nama ogeessa hin ta'in;
guddifteellee nama qajeelaa hin ta'in.
17Uduu hennaan kee hin geenne akka hin duune
guddiftee nama hamaa'a,
guddifteellee nama qajeelaa hin ta'in.
18Waan tokko qabatanii ka biraa gad dhiisuu diduun waan misha'a;
Rabbiin sodaachuu keessa kun maruu argama.
19Bulchoota kudhanii ka qachaa tokko keessa jiraatan irra
ogummaan nama ogeessa hin jabeessiti.
20Namni waan sirrii ta'e hojjatu;
ka sirima cubbuu hin hojjanne
qajeelaan lafa irra hin jiru.
21Waan dubbatamu maraa dhagayu'uuf hin badadin;
yoo ta'uu baate hennaa hojjataan kee si abaaru dhageetta.
22Hennaa baay'ee atinuu akka nama baay'ee abaarte
garaa keetittuu hin beeta.
23Waan kanniin maraa ogumma'aan
qoradhee ani ogeessa ta'a jedhe;
ogummaan garuu na irraa fagaatte.
24Wonti ogumma'aa woma fedhellee yoo ta'e
guddisee keessa gad qile'ee fi fago'o;
eentu bira gayuu danda'a?
25Kanaafuu ani ogumma'aa fi
dhuma waa maraa qoradhee beeku'uuf,
cubbuun gowwummaa;
gowwummaanillee maraattummaa akka ta'e beekee
yaada kiyya biraa deebise.
26Ani waan du'a caalaa hadhaaya'aa qoradhee arge;
isiinillee dubartii akka siibo'ootitti nama gaaditu
dubartiin jaalala isi'ii ka akka woshaado'ootiin dhiira gaaditi;
harka isi'ii ka akka sibiilaatiin namatti maramtee nama qabuu barbaaddi
nama Rabbiin sodaatu calla'atu dheessee isii jalaa bayuu danda'a;
nama cubbamaa garuu ariitee qabdi.
27Ogeessichi akkana jedha «Wonti ani wol duraa duubaan qoradhee arge
ka biraa kana;
28kunillee deebii biraa barbaadee dhabuu kiyya;
dhiira kumaa keessaa ka qajeela'aati
jedhamuun isa barbaachisu nama tokko callaa arge;
dubartoota keessaa garuu qajeeltuu takkallee hin argine.
29Wonti biraa ka ani qoradhee bira gaye,
Rabbi namoota garaa isaanii qajeelaa godhee isaan uume;
isaan garuu dhara xaxamaa uuman.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.