Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 12 - Kitaaba Woyyuu

Maariyaam Yesuusiin Urgoo Dibde(Mat. 26:6-13; Mar. 14:3-9)

1 ka maqaa Goofta'aatiin dhufu Mootiin Israa'eelii ka eebbifame!» jedha'aa wocan.

14-15«Ati intala Tsiyoonii, hin sodaatin!

kunoo mootiin kee ilmoo harre'ee irra taa'ee dhufa» jedhamee akkuma barreeffame,

Yesuus ilmoo harre'ee argatee isii irra taa'e.

16 12:23; 2:22 Darasoonni waan kana dura hin hubanne, haa ta'uu ammo haga Yesuus kabajjameen maayii hennaa san kun waan isaatiif akka barreeffame kana akka isaa godhan qaabatan.

17 11:43-44 Alaazaariin awwaala keessaa waamee worra du'an keessaa hennaa isa kaase, worri isa woliin turee hin rageef.

18Kanaafuu akkasuma baniin maalalee kana akka godhe waan dhagayaniif isa simachu'uuf bayan.

193:26; 11:48 Fariisonni, «Waan tokkollee godhuu akka hin danda'amne argitanii? Kunoo adunyaan isa faanaa ka'anii deema'aaran!» woliin jedhan.

Giriikonni Gariin Yesuusiin Soqan

20 7:35; 11:55 Worra gaafa ayyaanaa sagadu'uuf bayan keessaa gariin namoota Giriikiiti.

211:44; Luq. 19:3; 23:8; Mat. 13:16-17 Isaan gara Beetasaayidaa Galiilaa keessa jirtuu gara nama Filiphoos jedhamuu dhaqanii, «Gooftaa'a! Yesuusiin arguu feena» jedhanii kadhataniin.

22Filiphoos dhufee Indiriyaasitti hime; Indiriyaasii fi Filiphoos dhufanii Yesuusitti himan.

2313:31-32; 17:1 Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Ilmi Namaa kabajjamu'uuf sa'aatiin gayeera.

24Qor. 1ffaa 15:36 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, gumaan qamadi'ii lafa buutee lafa keessatti yoo hin duune hojjatti hafti. Yoo duute ammo daraaraa hedduu godhatti.

25Mat. 10:39; 16:25; Mar. 8:35; Luq. 9:24; 14:26; 17:33 Ka lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, ka adunyaa tana irratti lubbuu ufii jibbu jireenna bara baraatiif kaayata.

2614:3; 17:24; Luq. 9:23 Ka naa hojjatu yoo jiraate, na faanaa haa deemuu; hulee ani jirullee hin jiraata. Ka naa hojjatu yoo jiraate Aabba hin kabajjaan.»

Yesuus Waan Du'a Ufii Dubbate

27 Far. 42:5-6; Mat. 26:38-39 «Amma lubbuun tiyya raafamte maal jedhalle'e? ‹Abbaa kiyya hennaa tana jalaa na oolchi jedha moo?› kana akka hin jenne ammo, ani wonti dhufeef rakkoo tanaaf.

2813:31; Mat. 3:17; 17:5 Abbaa kiyya! Maqaa kee kabajji!» jedhe.

Kanaaf, «Kabajjeera, akkasuma hin kabajjaanille'e» laagaan jedhu sami'ii dhufe.

29 Luq. 22:43; Hu. Er. 23:9 Baniin achi dhaabatanii turan, hennaa dhagayan gigissa'a jedhan, kuuwwan maleekka'atu dubbate jedhan.

30 11:42 Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Laagaan kun isiniif jedhee dhufeera malee, naafii miti.

319:39; 14:30; 16:11; Luq. 10:18 Murtiin adunyaa tanaa amma gayeera; amma bulchaan adunyaa tanaa gara alaa gatama.

323:14; 8:28; 17:24 Ani hennaa lafa irraa ol ka'e nama maraa gara kiyya harkisa.»

33Du'a attamii akka du'u'uuf ta'u isaanitti mudhisu'uuf kana dubbate.

34 Far. 110:4; Isa. 9:7; His. 37:25; Dan. 7:13-14 Eeganaa baniin, «Nu'u Kiristoos akka bara baraan jiraatu seera irraa dhageenneerra. Ati ammo attamitti Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba jetta? Ilmi Namaa kunillee eennu?» jedhanii deebisaniif.

35 7:33; 8:12; 9:4-5; 11:9-10; 12:46; Yoh. 1ffaa 2:11 Yesuusillee, «Ifni amma hennaa diqqo'oof isin woliin uduu jiru, akka dukkanti isin hin liqimsine uduu ifni jiru ifa keessa jiraadhaa'a; ka dukkana keessa jiraatu garam akka deemu hin beeku.

368:59; Efe. 5:8 Akka ijoollee ifaa taataniif, uduu ifa qabdan ifatti amanaa'a» isaaniin jedhe. Yesuus kana dubbatee lixee isaan jalaa miliqe.

Amantii Dhabuu Bani'ii

37 20:30-31; Hu. Er. 2:22 Haa ta'uu ammo inni maalalee haganaa kana afoo isaaniititti yoo godhellee,

38raattichi Isaayyaas, «Gooftaa kiyya! Eentu ragaa keenna amane? Irreen Rabbiillee eennutti mudhate?» jedhee dubbiin dubbatame akka raawwatamuuf isatti hin amanen.

39-40Isa. 6:9-10; Mat. 13:14-15; Hu. Er. 28:26-27 Isaayyaas ammo, «Ija isaaniitiin akka hin argine qalbii isaaniitiin akka hin hubanne akka hin fayyineef ija isaanii jaamse; garaa isaaniillee hin jabeesse waan jedheeruuf amanuu dadhaban»

41Isa. 6:1 Isaayyaas waan ulfinna isaa argeef kana jedhe; waan isaallee dubbate.

42Kana woliin bulchoonni hedduu akkasuma isatti amanan; akka Fariisonni mana sagada Yihuudotaa keessaa isaan hin baafneef isaa ragaa hin baane.

435:44 Wonti kana godhaniif ulfinna Rabbii caalaa, ulfinna namaa waan jaalataniif.

44 5:24; 7:16; Mat. 10:40 Yesuus laagaa ol qabatee akkana jedhe, «Ka natti amanu kana ergetti amane malee anattii miti.

4514:9 Namni ka na argu ka na ergellee hin arga.

4612:35; 1:4-10; 8:12; Phex. 1ffaa 2:9 Ka natti amanu maruu dukkana keessa akka hin jiraanne ani ifa ta'ee gara adunya'aa dhufeera.

473:17; 8:15 Adunyaa fayyisu'uuf malee adunya'atti murteessu'uuf waan hin dhufneef; ka dubbii kiyya dhagayee hin eenne yoo jiraate ka itti murteessu anaa miti.

483:18; Ibr. 4:12 Ka na jibbu, ka dubbii kiyyallee hin fudhanne, inni ka isatti murteessu hin jira. Dubbiin ani dubbadhe gaafa dhumaa itti murteessa.

497:17; 8:18,26 Ani ufii waan hin dubbanneef; haa ta'uu ammo Abbaan na erge inni, waan jedhuuf ajaja dubbadhullee naa kenneera.

503:34; 6:40,68; 17:2 Ajanyillee jireenna bara baraa akka taate hin beeka. Kanaaf ani ka dubbadhu akka Abbaan natti himetti dubbadha» jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help