1 Xim. 1ffaa 6:13; Hu. Er. 10:42; Rom. 14:9-10; Phex. 1ffaa 4:5 Rabbiin afo'otti Yesuus Kiristoosiin worra jiranii fi worra du'an maratti murteessu'uuf deebi'ee dhufuuf jeennata isaa yaada'aa jabeesse si gorsa.
2Dubbii Rabbii lallabi; hennaa sii tolee fi hennaa sii hin tollellee; jabaadhu; obsa gudda'aan barsiisa'aa sirreessi, gorsille'e.
3Xim. 1ffaa 4:1 Hennaan namoonni, barumsaa sirrii ta'e dhagayuu jibban waan dhufuuf, worra gurrii isaanii dhugaa dhagayuu dhiisee dhara dhagayu'uuf isa hoossisu, akka fedha ufiititti barsiisota ufii qopheeffatan.
4Tit. 1:14; Xim. 1ffaa 4:7 Gurrii isaanii dhugaa dhagayuu dhiisee, gara oduu faayidaa hin qabnee siiqan.
5Ati ammo waa maraa uf eega'aa raawwadhu; rakkinna obsi, hujii kee lallaba Dubbii Nagayaa godhadhu. Hujii kee raawwadhu.
6 Filph. 2:17 Lubbuun tiyya amma akka dhibaayyu'uutitti jigu'uuf taati; hennaan deemullee gayeera.
7Xim. 1ffaa 6:12; Hu. Er. 20:24 Wondhaansoo mishaa bayeera; fiigicha kiyya fixeera. Amantii kiyya eeggadheera; uf afo'otti badhaasaa fi qajeellummaan naaf qophaayeera.
82:5; Qor. 1ffaa 9:25; Yaq. 1:12; Phex. 1ffaa 5:4; Mudh. Yoh. 2:10 Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.
Yaada Phaawuloos Kenne9Akka daddaftee gara kiyya dhuftu jabaadhu. Deemaas biyya lafaa tana waan jaalateef na dhiisee,
10Qol. 4:14; Film. 24; Qor. 2ffaa 8:23; Gal. 2:3; Tit. 1:4 Gara Tasoloonqe'ee deemeera. Qerqiisi gara Galaatiya'aa, Tiitoonillee gara Dilmaaxiya'aa deemaniiran.
11Qol. 4:14; Film. 24; Hu. Er. 12:12,25; 13:13; 15:37-39; Qol. 4:10 Luqaasiin calla'atu na woliin jira. Maarqoos tajaajilaaf waan na gargaaruuf qabadhuu naa koottuun.
12Hu. Er. 20:4; Efe. 6:21-22; Qol. 4:7-8 Tiikiqoosiin ammo gara Efesoonii erge.
13Hu. Er. 20:6 Hennaa dhuftu waarro'oo fi kitaaba barreeffamaa, keessattuu ka gogaa irratti barreeffame ka Akiriphaa biratti dhiise fuudhii naa koottuun.
14 Xim. 1ffaa 1:20; Far. 62:12; Rom. 2:6 Tumtuun sibiilaa Iskindiroos guddisee na miidhe; Gooftaan akka hujii isaatitti isaa deebisa.
15Waan nu dubbannu guddisee waan mormuuf atillee isa irraa uf eegi.
16 1:15; Mar. 14:50 Hennaa ani waan ittiin himatame san dhiyeeffadhe, martinuu na irraa dheessan malee eennullee na hin gargaarre. Rabbi kana isaanitti hin laakkayin.
17Hu. Er. 9:15; 23:11; 27:23 Haa ta'uu ammo hujiin lallaba Dubbii Nagayaa ka anaan raawwatamuuf, akka worri Yihuudota hin taane martinuu dhagayaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jabeesse. Afaan leencaa jalaallee na hambise.
18Gooftaan hamaa maraa jalaa na hambisa. Jeennata sami'iititti nagayaan na galcha; isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.
Nagaya Dhumaa19 1:16-17; Hu. Er. 18:2; Rom. 16:3 Maatii Phirsqilla'aa, Aqila'aatii fi Henesfooruutitti nagaya naa himi.
20Hu. Er. 19:22; 20:4,15; 21:29; Rom. 16:23 Erisxoos Qorontoositti hafe; Xiirofimoosi ammo dhibamnaan Milixiinitti dhiise.
21Uduu ganni hin seenin akka dhuftu jabaadhu. Ewugiloosi, Pheedees, Liinos, Qilawuudiyaanii fi obboleeyyan maruu nagaya sii dhaamaniiran.
22 Gal. 6:18 Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura kee woliin haa jiraatu.
Badhaani isin woliin haa ta'u. Amiin!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.