1 , worra namoota bitee gurguru, worra kijibdootaa fi worra dharaan kakatu, worra faallaa barumsa dhuga'aa godhan maraaf; barumsi dhuga'aa ammo ka argamu, Dubbii Nagayaa kabajjamaa ka waan Rabbii eebbaa ibsuuti. Dubbii Nagayaa kanatu yaboo natti kenname.
Phaawuloos Rabbiin Galatoonfate12 Hu. Er. 9:15; Qor. 1ffaa 15:9-10; Gal. 1:15-16 Tajaajila ufiitiif na muudee amanamaa godhee waan na laakkayeef, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hunna naa kenne hin galatoonfadha.
13Hu. Er. 8:3; 9:4-5; Gal. 1:13-14 Ani duraan ka nama ari'u, ka abaaruu fi rakkisaa yoo ta'ellee inni kana naa godhe. Haa ta'uu ammo uduu hin beekin waan uduu hin beenne godheef araara argadhe.
14Qor. 1ffaa 15:10 Badhaani worra Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessa jiraniin amanti'ii fi jaalalli guddisee isaanii guddate.
15Mat. 1:21; 9:13; Luq. 19:10 Dubbiin, «Yesuus Kiristoos cubbamtoota fayyisu'uuf gara biyya lafaa dhufe» jedhu amanama'aa fi ka martinuu fudhatuu barbaachisu. Cubbamtoota keessaa ijoon ana.
16Waan kanaaf ammo jireenna bara baraa argachu'uuf worra isatti amanuuf jireennaaf fakkeenna akka ta'u Yesuus Kiristoos ana ijoo ta'e irratti obsa ufii mara mudhisu'uuf ani araara argadhe.
17Rom. 16:27; Yihu. 25 Ka ufumatti Waaqa ta'e, ka hin bannee fi hin mudhanne, mootii bara baraatiif galanninii fi ulfinni baraa haga baraa haa ta'u! Amiin.
18 6:12; Yihu. 3 Mucaa kiyya Ximootewoos! Duraan dursee waan kee akkuma raagaan himame Kiristoosiin keessaan lola mishaa akka loltuuf ajaja kana yaboo sitti kenna.
19Hu. Er. 24:16 Amanti'ii fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni gari gariin qalbii ufii gatanii akka markabni ka oofu malee baduu, waan amanti'iitiin waan badaniiraniif.
20Xim. 2ffaa 2:17-18; 4:14; Qor. 1ffaa 5:5 Isaan keessaallee akka Rabbiin hin arrabsine akka baratan, seexanatti dabarsee ka isaan kenne, Hemenewoosii fi Iskindiroos fa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.