1Akkuma Yesuus mana woyyuu keessaa bayeen darasoota isaa keessaa tokko isaan, «Barsiisaa'a! dhagoota gugurdaa kanniinii fi ijaarsa gugurdaa kana mee laali!» jedheen.
2
15Luq. 17:31 Ka mana gubbaa jiru mana irraa gad bu'ee manaa waan tokko fudhachu'uuf hin seenin.
16Ka qonna keessa jiru uffata ufii fudhatu'uuf gara duubaa hin deebi'iin.
17Luq. 23:29 Guyyoota san dubartoota ulfa ta'anii fi worra harma hoosisaniif aanne'e.
18Haa ta'uu ammo dheessuun keessan ganna akka hin taane Waaqa kadhadhaa'a!
19Dan. 12:1; Mudh. Yoh. 7:14 Guyyoonni sun guyyoota rakkinni hamaan itti ta'u. Rakkinni akkasii hennaa Rabbi biyya lafaa uume irraa jalqabee haga ammaatitti hin taane; deebi'eellee hin ta'u.
20Uduu Gooftaan guyyoota san gabaabsuu dhabaatee namni tokkollee hin hafu. Haa ta'uu ammo Inni banii ufii filateef jedhee guyyaa san gabaabse.
21Hennaa san eennullee isiniin, ‹Ila laalaa'a! Kiristoos as jira!› yookaan, ‹Ila laalaa'a! achi jiraa!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a.
22Kes. Deb. 13:1-3; Mudh. Yoh. 13:13 Sababaanillee Kiristoosonni sobaatii fi raattonni sobaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan.
23Isin ammo uf eeggadhaa'a! Ani waan maraa dursee isinitti himeera.
Yesuus Waan Dhufuu Ilma Namaa Dubbate(Mat. 24:29-31; Luq. 21:25-28)24 Mudh. Yoh. 6:12 «Guyyootuma san keessa rakkinna saniin maayessa aduun hin dukkanoofti; jiinillee hin ifu.
25Isa. 34:14; Iyyu. 2:10; Mudh. Yoh. 6:13 Urjiinillee samii irraa hin harcaati; hunniti Sami'iillee hin raafaman.
26Dan. 7:13-14; Mar. 8:38; Tas. 1ffaa 4:15-16; Mudh. Yoh. 1:7 Achiin maayessa hennaa Ilmi Namaa hunna gudda'aa fi ulfinnaan duumessa keessaan dhufu hin argan.
27Zakk. 2:6 Innillee hennaa san maleekkota ufii hin erga; kallattii arfanii fi qaccee lafa irraatii haga qaccee sami'ii worra filataman wolitti qaba.»
Muka Hurbuu Irraa Barachuu(Mat. 24:32-35; Luq. 21:29-33)28Yesuus amma ammo, «Muka hurbu'uu fakkeenna godhadha'aatii irraa baradhaa'a! Dameen isaa quqquuqee hennaa baala biqilchu, bonni akka dhiyaate hin beettan.
29Akkasuma isinillee kun martinuu hennaa ta'u yoo argitan akka inni dhiyaatee balbala irra jiru beekaa'a.
30Ani dhuga'aan isiniin jedha; haga wonti kun maruu ta'uuf, dhaloonni amma jiru kun hin jiraata.
31Isa. 51:6; Mat. 5:18; Luq. 16:17 Ardii fi samiin hin lufti; Dubbiin kiyya ammo hin lufu.
Guyya'aa fi Hennaa San Ka Beeku Hin Jiru(Mat. 24:36-44)32 Hu. Er. 1:7 «Guyyaa san yookaan hennaa san eennullee hin beeku. Abbaa malee maleekkonni sami'iillee hin beekan; Ilmillee hin beeku.
33Mat. 25:13; Luq. 21:36 Hennaan yoom akka ta'e isin waan hin beenneef uf eeggadhaa'a! Dammaqaa'a!
34Mat. 25:14; Luq. 12:36-38; 19:12 Kun akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee isaan maraafuu hujii kennee ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata.
35Maarre! abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufa'aa fi halkan wodhakkaa dhufaa, iyya lukku'uu dhufaa fi ganama dhufaa hin beettan.
36Hennaa isin hin qabaannetti yoo dhufe, ka rafa'aartan akka isin hin argine,
37Waanuma isiniin jedhu, nama maraanuu jedhaa; dammaqaa'a!»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.