Seera Bayu'uu 29 - Kitaaba Woyyuu

Seera Baallii Gadumma'aa Ka Aaroonii Fi Ijoollee Isaatii Kenname(Ser. Lew. 8:1-36)

1«Gadumma'aan akka na tajaajilan wonti ati isaan woyyoomsu'uuf gootu kana; jibicha mudaa hin qabnee fi korbeeyyii hoola'aa lama ta mudaa hin qabne qopheessi;

2xoroshoo, buddeena, bixilee dhadha'aan sukkuumamee fi xoroshoo haphii dhadha'aan dibame daakuu qamadi'ii irraa qopheessi;

3Waan kana maraa masoobii tokkocha irra kaayii jibichaa fi korbeeyyii lamaan woliin dhiyeessi.

4Aaroonii fi ijoollee isaa gara daasee wol gayi'ii fidiitii bisaaniin nafa isaanii dhiqi.

5Kanaan maayessa Aarooniin uffata gadumma'aa, shamisii, Efuudii, shinshinii efuudii irraan uffatan ka qomaa itti uwwifta; sabbata seeraan akka misha'atti dhayame hidhachiifta.

6Maratallee mata'atti mariif; badhaasa woyyoome marata san irra goota.

7Dhadhaa fuutee mataa isaa irratti buufta; hin muuddalle'e.

8Ijoollee isaallee fuutee shamisoota itti uwwifta;

9mudhii Aarooniitii fi mudhii ijoollee isaa sabbataan hidhi; qoobiillee itti gootee gadoota isaan goota; seerri gadumma'aa kun baraa haga bara baraa isaaniif ta'a.

10Mirgoo gara daasee wol gayi'ii fidiitii Aaroonii fi ijoolleen isaa harka isaanii mataa mirgo'oo irra haa kaayanii.

11Mirgoo balbala daasee wol gayanitti Rabbiin afoo fidii goorra'i.

12Dhiiga mirgo'oo san irraa qubaan fuudhii gaaffan hulee ciinca'aa dibi; dhiiga hafe maraa hulee ciinca'aa jalatti jissita.

13Moora madhumaan gara'aa maraa, cooma tiru'uutii fi kalee lamaan irra jiru fuudhiitii hulee ciinca'aa irratti ciinceessi.

14Foon mirgo'oo, gogaa isaa, mi'a gara'aa ka hafe maraa ammo qe'e'ee baaftee ibiddaan gubda; kun ciincaa cubbu'uuti.

15Korbeeyyii lamaan keessaa korbeessa hoola'aa tokkocha fuutee Aaroonii fi ijoolleen isaa harka isaanii kallacha korbeessa hoola'aa irra haa kaayanii;

16korbeessa hoola'aa san qaltee dhiiga isaa fuutee naannaya ciinca'aatitti facaafta;

17korbeessa hoola'aa san fuutee foon roga roga isaatiin mummurtee mi'a gara'aatii fi kottee arfanuu miiccee ka roga rogaan kukkutte san woliin keetta.

18Achiin maayessa foon korbeessa hoola'aa san marumaa hulee ciinca'aatitti ciincessita; kun ciincaa Rabbiif ciincawuu fi ciincaa urgaawu; kun ciincaa Rabbiin gammachiisu ka ibidda irratti gubamu.

19Hoolaa lammeesso'oollee fuutee Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii harka isaanii kallacha isaa irra kaayan.

20Hoolaa san qaltee dhiiga isaa fuutee qaccee gurra Aaroonii ka mirgaatii fi qaccee gurra ijoollee Aaroonii ka mirgaa, quba luka mirgaa abbuuddichaa fi quba harkaa isaanii abbuuddichaan tuxxa; dhiiga hafe hulee naannaya ciinca'aatitti facaafta.

21Dhiiga hulee ciinca'aa jiruu fi dhadhaa irraallee diqqoo fuudhii uffata Aarooniitii fi uffata ijoollee isaa maraa irraati facaasi; inni, uffanni isaa, ijoolleen isaa, uffanni ijoollee isaallee isuma woliin woyyooman.

22Akkasuma ka ittiin gadaa ta'an korbeessa hoola'aa waan ta'eef cooma hoola'aa, duma isaa, cooma mi'a gara'aa dhossu, moora tiruu irratti maramu, cooma kalee lamaan irra jiruu fi irree mirgaallee hin fuutu.

23Buddeena tokkoo fi buddeena dhadha'aa tokko, xoroshoo haphii, xoroshoo masoobi'ii ka Rabbiin afoo jiru fuutee

24harka Aarooniitii fi harka ijoollee Aaroonii keessa keetta; kennaa Rabbiin afo'otti sosocho'u gootee dhiyeessita.

25Harka isaaniitii fuutee ciincaa ciincawu woliin Rabbiin afo'otti urgaa mishaa akka ta'u gubda; kun kennaa ibiddaan Rabbiif dhiyaatu.

26Handaraafa hoolaa gadummaa Aarooniitiif qalame fuutee ciincaa Rabbii gootee afoo Rabbiititti sochoofta; kun seera kee ta'a.

27Korbeessa hoola'aa ka ittiin gadaa ta'u'uuf fuudhan waan Aarooniitii fi ijoollee isaatiif seera ta'u handaraafa ciinca'aaf sochoofamuu fi irree achi keessaa fuudhame hin foota.

28Baniin kiyya hennaa kennaa tokkumma'aa dhiyeessan handaraafa horii qalameetii fi luka duubaa Aaroonii fi ijoollee isaatiif gayee akka ta'u murteesseera; murtiinillee seera baraa haga bara baraa ta'a; kun kennaa baniin ana Rabbiif dhiyeessu.

29«Uffanni woyyuun Aaroonii ka inni ittiin gadaa ta'e isaan maayessallee ijoollee isaatiif haa ta'uu.

30Ijoollee keessaa ka gadaa ta'ee mana Woyyuu keessatti tajaajilu daasee wol gayi'ii keessa hennaa seenu guyyaa torbaaf haa uffatuu.

31Korbeessa hoola'aa ka ittiin gadaa ta'u fuutee foon isaa hulee woyyu'utti affeelta.

32Ijoolleen Aaroonii foon korbeessa hoola'aa san, buddeena masoobii keessa jirullee balbala daasee wol gayi'iititti haa nyaatanii.

33Buddeena yookaan foon ittiin gadaa ta'anii fi waan araaraatiif ka isaanii ta'e kana irraa haa nyaatanii; namni biraa ammo akka hin nyaanne waan woyyoomeeruuf.

34Buddeena yookaan foon ittiin gadaa ta'an yoo hafee bule waan hafe san waan woyyuu ta'eef hin nyaattamu.

35Akkuma ani si ajaje Aaroonii fi ijoollee isaatiillee kana godhi; guyyaa torbaaf gadaa isa taasifta.

36Guyya guyya'aan waan araara cubbu'uutiif jibicha ciincaa dhiyeessita; haga waan araaraa gooteen maayessa hulee ciinca'aa hin midhaassita; akka woyyuu ta'uufillee dhadhaa ejersaa dibda.

37Guyyaa torbaa hulee ciinca'aatitti waan araaraatiif qaltee woyyoomsita; huleen ciinca'aallee Woyyuu Woyyoota keessaa ta'a; ka hulee ciinca'aa tuqe maruu hin woyyooma.

Ciincaa Ganamaa Fi Galgala Dhiyeessan(Ser. Lak. 28:1-8)

38Hulee ciinca'aa sanitti ka ati dhiyeessitu kana; guyya guyya'aan hennaa maraa korbeeyyii lamaa wogga'aaf dhiyeessita.

39Korbeessa tokko ganama dhiyeessita; korbeessa lammeesso'oo galgala dhiyeessita.

40Korbeessa duraa woliin daakuu qamadi'ii kiiloo tokko, sayitii ejersaa ka dhimbiibamee sukkuumameen kennaa dhugan liitirii tokko dhiyeessi.

41Korbeessa lammeesso'oo ammo galgala qalta; akkuma ka ganamaa kennaa nyaataatii fi dhuddo'oo gootee dhiyeessita; Rabbiif kennaa urgaawu ta'a.

42Yoo ani si woliin qaaqu'uuf balbala daasee wol gayi'ii dhufe kun Rabbiin afo'otti ciincaa hennaa maraa ciincawu ta'a.

43Ijoollee Israa'elii woliin achitti argama; daaseenillee ulfinna kiyyaan woyyooma.

44Daasee balbala wol gayi'iitii fi hulee ciinca'aallee hin woyyoomsita; Aaroonii fi ijoollee Aaroonii akka isaan gadumma'aan na tajaajilan isaan woyyoomsa.

45Ijoollee Israa'elii jidduu jiraadha; Waaqa isaanii ta'a.

46Akka ani Rabbii Waaqa isaanii ta'ee isaan jidduu jiraadhee biyya Misiriitii isaan baase hin beekan; ani Rabbi Waaqa isaaniiti.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help