Raajii Isaayyaasii 54 - Kitaaba Woyyuu

Jaalala Rabbi Israa'eliin Jaalatu

1Rabbi akkana jedha,

«Ati Yerusaalemii dhabduu deettee hin beenne faarfadhu;

ta ciniinsifattee hin beenne gammadii ililfadhu!

dubartii abbaa worraa qabdu caalaa si'ii abbaa manaa hin qabnee

ijoolleen baay'atteertii!

2Hulee daasee dhaabdee keessa jiraattu badhifadhu;

golga kee maraa hin dhiphisinii badhisi;

haada kee maraa dheerefadhu;

xiribbaa kee maraa jabeeffadhu.

3Bita'aa fi mirgaanillee hin badhatta;

fiixaan keellee mootota dhaalan;

qachaa diiggamte keessa jiraatan.

4Hin saalfattuu hin sodaatin;

saalfachuu bara ijoollumma'aa hin irraanfatta;

arraba maqaa haadha hiyyeessaatiin si arrabsan hin irraanfatta.

5Wonti kun ta'uuf Rabbi Waandhi banii maraa

akka abbaa manaa waan sii ta'uu fi woyyichi Israa'elii

ka ‹Waaqa ardii maraa› jedhamee waamamu

waan fayyisaa kee ta'eef.

6Ati akka dubartii ijoollumma'atti heerumtee gatamtee abbaa manaa jalaa baatee

gadditeeti;

Rabbi Waandhi kee garuu deebi'ee dhufee ufitti si waamee akkana siin jedha.

7Ani hennaa hago'oof si dhiisee ture;

garuu garalaafummaa gudda'aan si deebifadha.

8Ani waan guddisee aareef hennaa diqqo'oof si dhiisee ture;

ani garuu jaalala kiyya ka dhuma hin qabneen garaa sii laafa

jedha Rabbiin si oolchu.

9Akkuma bara Noohii ardii bisaaniin

hin balleessu jedhee waadaa gale;

akkasuma ani amma ‹siinillee hin lolu› jedhee

waadaa sii gala;

ammaa achi si hin adabu.

10Gaarranii fi tulloonni raafamanii jiguu danda'an;

jaalalli ani sii qabu garuu baraa haga bara baraa jabaatee jiraata;

jecha kiyya ka nagayaatii fi ka abdi'ii baraa haga bara baraa sii eega;

jedha Rabbiin garaa sii laafu.

Yerusaalemii Haarawa

11Rabbi akkana jedha,

«Ati qachaan Yerusaalemii ta rakkatte,

ta bubbe'een raafamtee fi

ta jajjabaachuu dadhabde!

Ani dhagaa gatii gudda'aa ka sanpeer jedhamuun si ijaara;

bu'uura kee dhagaa bareeda cuquliisaan jalqaba.

12Fiixxee dallawwan keetii dhagaa diimaa maraagid jedhamuun,

balballan dallawa keetii mi'a calanqisaa gatii gudda'aatiin

dallawa naannaya kee jiru maraa dhagaa gatii gudda'aatiin ijaara.

13Ijoolleen tee maruu Rabbiin irraa baratan;

nageenni ijoollee teetii guutuu ta'a.

14Ati haqaa fi dhugaa irratti hundoofta;

miidhamuunii fi hucuucamuun si irraa fagaata;

wonti si sodaachisu hin jiru;

ati hin raafamtu hin shibbirooftu.

15Worri balaa si irra geessu'uuf ka'an yoo jiraatan,

waan ani isaan hin ergineef hin kufan.

16Nama sibiila tumu ka buufa'aan ibidda bobeessee

sibiila bassuu ka uume ana;

inni wonti meeshaa san hojjatuuf akka meeshaan sun

waan hojjatameefiif ooluuf;

akka balleessuuf ka balleessu san ka uume anuma.

17Meeshaan siin balleessu'uuf hojjatame si hin balleessu;

worra si himatu maraafuu deebii gayaa deebifta;

gayeen tajaajiltoota tiyyaatii fi murtiin ani

isaanii murteessu kana» jedha Rabbi.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help