Kitaaba Lallabaa 2 - Kitaaba Woyyuu

Uf Jaalachuun Gatii Hin Qabu

1Ani garaa kiyya keessatti «Waan misha'aa fi gammachuu maal akka ta'e beeku'uuf qoradha» jedhe. Garuu kunillee akka gatii hin qabne arge.

2Akkasuma «Kolfi gowwumma'a; gammachu'uu fi qananiin maal fayyada?» jedhe.

3Wonti mishaan ilmaan namaa bara jiruu ufii keessatti sami'ii gaditti hujan maal akka ta'e akka arguuf garaan kiyya ogumma'aan na masakka'aa, daadhii woyini'iitiin uf gammachiisu'uuf gowwummaa kiyyaan murteeffadhe.

4Ani hujii guddaa hojjadhe manniin baay'ee ijaaradhe; muka woyini'iillee hin dhaabadhe;

5hulee muka adda addaa ka daraaraa isaa nyaatan itti dhaabanillee qopheessee muka gara garaa itti dhaabe.

6Hulee bisaan itti kuufamu ka biqiltuu huura keessatti dhaabame ittiin obaasullee hin hojjadhe.

7Garboota dhiiraatii fi ta intalaallee hin bite; garboota manatti dhalatanillee hin qaba; worra anaan duratti Yerusaalemiin keessa turan caalaa ani tika hori'ii, tika re'iiniitii fi ka hoolotaallee baay'ee qaba.

10Waan ijji tiyya argitee hawwite maraa hin dhoogganne;

waan garaa kiyyatti dharra'e maraa hin argadhe;

gammachuu nafa kiyyaa ta'u maraa hin argadhe;

waan hojjadhee itti dadhabeef hireen ani argadhe kana.

11Waan harka kiyyaan hojjadhee itti dadhabe maraa yoo yaadu;

kunniin maruu gatii hin qabu;

akka nama qilleensa faanaa deemuu ture;

wonti adu'uu gadii maruu bu'aa hin qabu.

12Wonti mootiin tokko hojjachuu danda'u

waan mootonni isa duraa hojjatan hordofa'aati;

kanaafuu anillee ogummaan,

gowwummaanii fi maraattummaan

maal akka ta'e qoradhee beeku'uuf yaaduu jalqabe;

namni mootichaan maayessa dhufu maal godha?

13Akkuma ifti dukkana caalu,

akkasuma ogummaan gowwummaa akka caaltu arge.

14Namni ogeessi waan isa afoo jiru beeka;

gowwaan garuu dukkana keessa deema;

garuu dhumti isaanii tokko akka ta'e hubadhe.

15Ani garaa kiyya keessatti «Wonti nama gowwaa irra gawu,

na irrallee ima gaya; maaf ani guddisee ogeessa ta'e?» jedhe;

hennaa san ani garaa kiyya keessatti «kunillee gatii hin qabu!» jedhe.

16Ogeessa ta'ee'e nama gowwaa isaan lachuu

hennaa dheera'aaf namni isaan yaadatu hin argamu;

baroota dhufanitti isaan lachuu hin irraanfataman;

adaa ogeessi akkuma gowwa'aa du'uun isaa hin hafu.

17Wonti sami'ii gaditti hojjatamu maruu waan na gaddisiiseef jireenna jibbe; kun maruu gatii hin qabu akka nama qilleensa duukaa deemuuti.

18Qabeenna qabu maraa worra na maayessa dhufuuf dhiisee waan deemuuf ani waan sami'ii gaditti itti dadhabe maraa jibbe.

19Ka naan maayessa dhufu ogeessa ta'ee'e, gowwaa, ka addaan baasu hin jiru; garuu waan ani sami'ii gaditti itti dadhabee fi ka ani ogummaa kiyyaan bu'aa buuse fudhatee abbaa itti ta'a; kunillee gatii hin qabu.

20Waan ani sami'ii gaditti itti dadhabe deebi'ee yoo yaadadhu abdii na kutachiise.

21Haga namni biraa ogumma'aa fi beekkumsaan, malaanillee itti dadhabeen maayessaa waan namni biraa ka itti hin dadhabne dhaaluuf kunillee waan gatii hin qabnee fi rakkoo gudda'a.

22Faayidaan nama waan sami'ii gadiititti itti dadhabee fi yaanni garaa isaa maali'i?

23Wonti inni bara ufii keessatti hojjatu maruu ka gaddaatii fi ka miidhamaati malee wonti inni fayyadamu hin jiru; halkan hin rafu; kunillee gatii hin qabu.

24Namni waan nyaatuu fi waan dhugu gammachuu waan itti dadhabe san irraa argatu malee faayidaa biraa hin qabu; kunillee kennaa Rabbi isaa kenne akka ta'e arge.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help