1«Ati Israa'el! dhagayi; orma si caalaa jabaatanii qachoota gugurdoo haga Sami'ii ijaaramte dhaalu'uuf adha Yoordaanosiin ceeta.
2Waan ati beettu ‹ijoollee Eenaaqii afoo eentu dhaabatuu danda'a?› ka jedhamu dhageettee ijoolleen Eenaaqii banii gugurdoo dhedheeratan sanniin.
3Rabbi Waandhi kee akka ibidda bobawuu ta'ee si afoo lufee akka isaan balleessu adha beeki; Rabbi si afo'otti isaan salphisa; akkuma Rabbi sitti hime daddaftee isaan balleessita.
4«Rabbi Waandhi kee afoo keetii haga isaan baaseen maayessa waan qajeellummaa kiyyaatiif lafa tana na dhaalchisu'uuf Rabbi Waandhi na seensise› jettee onnee keetiin hin yaadin; Rabbi orma kanniin waan cubbuu isaaniitiif afoo keetii isaan baasa.
5Wonti ati lafa isaanii dhaalu'uuf seentuuf waan qulqullummaa keetiitii fi waan wolabummaa keetiitiifii miti; garuu Rabbi Waandhi kee sababaa orma cubbamtoota afoo keetii balleessuuf waan waadaa abboota keetii Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii gale akka raawwatamuuf.
6Eeganaa ati banii garaa jabaatu waan taateef wonti Rabbi Waandhi kee lafa michuu tana sii kenneef waan qajeellummaa keetiitiif akka hin taane beeki.
7«Rabbii Waaqa kee lafa gammoojji'ii keessatti akka aarsitee guyyaa biyya Misiriitii baate irraa jalqabee haga hulee tana dhuftanitti worra Waaqa dhibu akka taatan yaadadhu; hin irraanfatin;
8gaara Kooreebii irratti akkasuma Rabbiin aarsitan; Rabbillee isin balleessu'uuf isinitti dheekkame.
9Barreeffama dhagaa baxxee lamaan ka Rabbi isin woliin waadaa gale fuudhu'uuf hennaa gara gaaraa baye gaara irratti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa achi taa'e; buddeena hin nyaanne, bisaanillee hin dhunne. bassitanii fakii waatiyyo'oo hojjattanii Rabbiin irratti worra hamaa ta'uu keessan argeera.
17Kanaafuu dhagaa baxxee barreeffamaa lamaan harkaa qabu sanniin isin afo'otti caccabse;
18cubbuu hojjattan maraaf Rabbiin aarsu'uuf waan hamaa Rabbiin afo'otti waan gootaniif Rabbi isin balleessu'uuf lola inni loleef waan hamaa isin irra gawuuf waan sodaadheef;
19akkuma asiin duraa Rabbiin afo'otti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa sagade buddeena hin nyaanne; bisaanillee hin dhunne; hennaa san Rabbi naa dhagaye.Ibr. 12:21
20Rabbi Aarooniin balleessu'uuf guddisee lollaan akkasuma Rabbiin kadhadhe.
21fakii waatiyyo'oo ka bassitanii hojjattan san fakii badaa cubbu'uun guuttame fuudhee ibidda keessa buusee caccabse; daaraa san bisaan gaara irraa gad yaa'utti jisse.
22«Isin deebitanii lafa taabeera'aa, Maasa'aa fi Qibroot Hataawa'atti Rabbiin aarsitan.Ser. Lak. 11:3; 34; Ser. Ba'u. 17:7
23Hennaa Rabbi, ‹Baya'aatii lafa isinii kenne dhaalaa› jedhee Qaadeesii Barene'ee erge jecha Rabbii Waaqa keessaniitii hin ajajamne, isatti hin amanne; laagaa isaallee hin dhageenne.Ser. Lak. 13:25—14:38; Kes. Deb. 1:21; Ibr. 3:16
24Guyyaa ani isin beeke irraa jalqabee isin namoota Rabbiin dhibu turtan.
25«Waan Rabbi isin balleessa jedhee dubbateef guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa,
26«Waandhana! banii hunna kee gudda'aan furte, ka irree kee jaba'aan biyya Misiriitii baafte banii keetii fi ristii kee hin balleessin;
27garboota tee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin yaadadhu; mata jabeenna banii keetii, hammeenna isaaniitii fi cubbuu isaanii hin laalin›
28yoo kana ta'uu baate garuu akka Waandhi jecha abdi'ii isaanii kennetti Waandhi banii ufii gara lafattii sanii galchuu dadhabe› jedhanii worri biyya Misirii uf jajuu jalqaban; akkasuma ‹Rabbi banii ufii waan jibbeef isaan fixuu muratee gara lafa gammoojji'ii isaan baase› akka hin jenne;
29baniin kun banii hunna kee gudda'aa fi irree kee jaba'aan biyya san keessaa isaan baafte isaan garuu ristii keeti» jedhee Waaqa kadhadhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.