Pheexroosii Ka 2ffaa 1 - Kitaaba Woyyuu

Waamsa Rabbiitii Fi Filannoo Rabbii

1Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoositti amananiif;

2Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin beeku'uun badhaaninii fi nageenni isiniif haa ta'u.

Filannoo Waamsa Rabbii

3Waan jireennaatii fi Ayyaantummaa dhuga'aa nu barbaachisu maraa hunna Waaqummaa ufiitiin nuu kenneera.

4Waan hawwii badumma'aa badii adunyaa tanaa jalaa baatanii worra amala Rabbii qoodamu dubbii abdi'ii keessa akka taatan, abdii gudda'aa fi kabajjamaa kanniin nuu kenne.

5Gal. 5:6,22 Sababaa kanaaf jajjabeenna mara mudhisa'aa amantii keessan irratti mishummaa eda'aa'a.

6Mishummaa irratti beekkumsa, beekkumsa irratti uf qabuu, uf qabuu irratti gad dhaabachuu, gad dhaabachuu irratti nama Rabbii fakkaachuu.

7Gal. 6:10; Tas. 1ffaa 3:12 Nama Rabbii fakkaachuu irratti obboleewwanii yaaduu, obboleewwanii yaaduu irrattillee jaalala eda'aa'a.

8Yoh. 15:16 Yoo wonti kunniin isinii guddisee baay'ate beekkumsa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin worra hujii hin qabnee fi worra daraaraa jireennaa hin qabne akka hin taane isin taasisa.

9Yoh. 1ffaa 2:9,11 Worri waan kanniin hin qabne jaamoota; worra waan dhiyoo jiru callaa argu. Cubbuu dura irraa qulqullaaye san irraanfateera.

10Kanaafuu obboleeyyan tiyya! waamamuu keessanii fi filamuu keessan akka jabeessitan ka duraa caalaa jabaadhaa'a. Waan kanniin yoo gootan horomaa hin gufattan.

11Akkasuma gara jireenna bara baraa, gara Gooftaa keennaa fi gara jeennata fayyisaa keennaa Yesuus Kiristoosii galu'uuf mirga guutu'utu isinii kennama.

12Kanaafuu waan kanniin hagamillee yoo beettan, dhugaa isin bira jirtuun hagamillee yoo dhaabattan waan kanniinii hennaa maraa isin qaabsisuu hin dhiisu.

13Qor. 2ffaa 5:1,4 Ani haga jiruu keessummumma'aa kana keessa jiru yaada keessan kakkaasuun waan ta'u natti fakkaata.

14Xim. 2ffaa 4:6; Yoh. 21:18-19 Akka Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos natti mudhisetti jiruu lafa kanaa irraa dafee akka deemu hin beeka.

15Ani deemullee waan kana maraa akka isin hennaa maraa qaabattan godhu'uuf tattaafadha.

Ulfinna Kiristoosii Ija Ufiitiin Arguu

16 Mat. 17:1-2; Luq. 9:43 Hunnaa fi dhufa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ka isinitti beessifne, gaachena isaa argineeti malee oduu ogummaa namaatiin uumameetiinii miti.

17Far. 2:7; Isa. 42:1; Mat. 3:17; 17:1-5; Mar. 9:2-7; Luq. 9:28-35 Hennaa laagaan ulfinnaa teessoo isaa irraa, «Ilmi ani jaaladhu, ka itti gammadu kana» jechi jedhu dhufe, Rabbii Abbaa irraa ulfinnaa fi galata argateera.

18Mat. 17:1-5; Mar. 9:2-7; Luq. 9:28-35 Nullee hennaa gaara qulqulluu irratti isa woliin turre, laagaan kun hennaa sami'ii dhufu dhageenneerra.

19Kanaafuu dubbii raattotaan dubbatame caalaa nuu mirkanaayeera. Isinillee haga lafti bariite bakkalchi bariisa'aa garaa keessan keessatti haga bayutti akka namni ibsaa hulee dukkanaatitti ibsu uf eegutti dubbii kanaa uf eegaa'a.

20Waan mishaa gootan, dura kana beekaa'a. Dubbii raagaa ka kitaaba keessatti barreeffame maraa eennullee akka ufii fedhetti hiikuun isaa hin kennamne. Raanni sirima fedha namaatiin waan hin dhufneef.

21Xim. 2ffaa 3:16-17; Phex. 1ffaa 1:10-12 Sababaanillee waan namoonni Rabbii Woyyuun Ayyaana Rabbii Woyyu'uun gargaaramanii dubbataniif.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help