1Mootichi Solomoon banii Israa'elii mara irrattuu mooye.
2Bulchoonni inni muude kanniin;
Azaariyaasii gadicha ilma Saadooqii,
3worri barreessan ilmaan Seeba'aa Eeliyaafii fi Akiya'a,
Iyyoosaafixii ilma Ahiluudii ka seenaa barreessu,
4Banayaas ilmi Yoodaahe'ee ajajaa loltootaati,
Saadooqii fi Abiyaataar gadoota turan.
5Azaariyaas ilmi Naataanii bulchaa worra baallii qabaniiti;
ilmi Naataanii Zaabuud ka mootichaa gorsa kennuu fi goshoo mootichaati.
6Ahiisaar ajajaa mana mootichaati;
Adooniiraam ilmi Abidaamii ka gibira gabbarsiisu.
7Mootichi Solomoon guutuu Israa'elii irratti namoota kudha lamaa namoota godina bulchan muude; hujiin isaanii godina bulchan maraa irraa nyaata mootichaa fi maatii isaatii waan ta'u maraa dhiyeessaniif ture; marti isaaniituu woggaa keessa nyaata ji'a tokkoof ta'u hin dhiyeessan.
8Maqaan namoota kudha lamaa ka godina kanniin bulchanii akka armaan gadiiti;
ilma Huurii ka biyya gaara Efreemii,
9ilma Deeqarii Maqaatsina'aa fi Basha'aalbiim, Beetisaamisii fi Eloon Beetihaaniin bulcha.
10Ilmi Heeseedii Arubooti, Sokootii fi biyya Oofeerii maraa bulcha.
11Biyya daangaa lafa Dooriin maraa ilma Aminaadaabiititu bulcha; inni mucattii Solomoonii ta Xaafaa jedhamtu fuudhee ture.
12Beetisaaniin irraa jalqabee haga Abelimhoola'aa fi daangaa Yooqimi'a'aa, Taa'inaakii fi Maagidoo Tsartaamiin birattillee Ba'aanaa ilma Alihuudii haga daangaa Iyiziraa'elii maraa bulcha.
13Reemaatii Zagala'aadii ijoollee Minaase'eellee ilma Geebaariititu bulcha; inni qachoota dallawa dhaga'aatiin ijaaramte ta daangaa Baasaanii Argoobba'aa ta sibiila diima'aan ijaaramte gugurdoo jahaatama qaba.
14Ilmi Ido'oo Ahinaadaab bulchaa godina Maannaayimiiti.
15Akimaas ka mucattii Solomoonii Baasimaatiin fuudhe bulchaa godina Niftaalemiiti.
16Ba'aanaan ilmi Kuusii biyya Aseeriitii fi biyya Ba'aalootii bulcha.
17Iyyoosaafixi ilmi Faruwa'aa bulchaa godina Yisaakooriiti.
18Saamiin ilmi Eela'aa bulchaa godina Biiniyaamiiti.
19Geebaar ilmi Uurii biyya Gala'aadii, biyya Aagii, mootummaa gosa worra Amoorotaa ka mootiin Seewoonii fi Baasaan bulchan.
Bulchaa namoota biyya bulchan kanniin namni tooyatu biyya maraa keessatti bulchaa ol'aanaa kanniin maraa tooyatu.
Mootummaa Solomoonii Ta Durumma'aa20Worri Yihuuda'aatii fi worri Israa'elii akka cirracha galaanaa baay'ataniiran; isaan maruu nyaata'aa dhuga'aa gammadan.
21Mootummaan Solomoonii laga Efraaxisii bulchiinsa Filisxeemii irraa jalqabee achi lufee haga daangaa biyya Misirii jiru maraa bulcha; biyyi kun maruu isa gabbaran; bara jiraatan maraa Solomooniin jalatti bulan. soddomaa, daakuu bullaaye haga koorii kuma kudhanii,
23sangoota dadaloo manaa keessatti soorame kudhan, sangoota marga raasa'aa keessa dheedanii furdatan diddamaa, hoolota dhibba tokkoo fi kanaan alatti gadamsa bosonaa, siinqillee, Kuruphe'ee fi allaattii nyaattaman fidaniif.
24Solomoon mootota laga Efraaxisiitiin gamana jiranii fi biyya laga gama jiran maraa Tifisa'aa haga Gaaza'aa maraa bulcha'aa ture; naannoon inni bulchu maruu nagaya.
25Bara Solomoon bulche Daanii haga Beersaabeehiititti baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii maruu sodaa malee jiraatan; maatiin isaanii maruu gaaddisa muka woyini'iitii fi muka hurbu'uu ka ufii dhaaban jala taa'an.
26Solomoon farda sanga'aa dare'ee kuma afurtamaa sooraman ka gaarii fardaa harkisanii fi farda lolaa kuma kudha lama qaba.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.