1Mootiin biyya Xiroosii Kiraam hennaa Daawiti mootii ta'eeru goshoo isaa waan tureef Solomoon bikka abbaa ufii mootii ta'u'uuf akka muudame dhagayee garboota ufii gara Solomoonii erge;
2Solomoon Kiraamitti akkana jedhee dhaamsa erge;
3«Akka abbaan kiyya Daawiti diintota naannoo isaa jiran maraa woliin wol lola'aa ture ati hin beetta; diintota ufii mooyatu'uuf jedhee mana Woyyuu Rabbii Waaqa ufii akka ijaaruu dadhabe ati hin beetta.
4Amma Rabbi Waandhi kiyya biyya naannoo kiyya jiru maraa nagaya kenneera; diintonni amma rakkoo na irra geessan hin jiran.
5Rabbi akkuma abbaa kiyya Daawitiin ‹ilmi kee ka ani bikka kee teessoo mootumma'aa kee irra kaawu maqaa kiyyaaf mana woyyuu naa ijaara› jedhee dubbatetti ani Rabbii Waaqa kiyyaa mana ijaaruu yaada.Sam. 2ffaa 7:12-13; Sen. 1ffaa 17:11-12
6Amma gosa kiyya keessaa namni akka worra gosa Siidooniititti muka muruu hin dandeenne waan beettuuf ati garboota kee birbirsa libaanosii akka naa muran naa ajaji; garboonni tiyyallee garbootuma tee woliin haa hojjatanii, gatii hojjattoota keetiillee akkuma ati jette maratti isaanii kaffala.
7Kiraam waan Solomoon jedheen dhagayee guddisee gammadee «Rabbiin banii guddaa kana keessatti ilma ogeessa Daawitii kenne galanni haa gayu!» jedhe.
8Kanaan maayessa Kiraam Solomooniin «waan ati jettee natti ergite maraa dhagayeera; waan fedha keetiitii fi waan muka birbirsaallee sii godha.
9Garboonni tiyya muka Libaanoosii fuudhanii gara galaanaa sii fidan; anillee muka san yabalatti feesisee galaana irraan hulee ati jette sii geessee achii fudhatta; atillee nyaata mana kiyyaaf barbaachisu naa kennita» jedhee gara Solomoonii dhaamsa erge.
10Akkasuma Kiraam haga Solomoon barbaadu muka birbirsaatii fi hindheessa fida'aafii ture.
11Solomoon Kiraamiif waan nyaata mana isaatiif ta'u qamadii koorii kuma diddamaa, sayitii koorii diddamaa wogga wogga'aan kenna'aafii ture.
12Rabbi akkuma abdachiise Solomoonii ogummaa kenne; Solomoonii fi Kiraamiin jidduu nageenni waan jiruuf isaan lachuu wolii galtee godhatan.
13Solomoon banii Israa'elii maraa keessaa worra hujii hunnaa hojjatan file; laakkobsi worra hujii hunnaa hojjatanii namoota kuma soddoma.
14Isaan irratti nama isaan tooyatu Adooniraamiin muudee inni hojjattoota nama kuma kudhan kudhan godha'aa bakka sadihitti addaan qoodee gareen maruu kore kore'een ji'a tokko Libaanoositti akka hojjatan ji'a lamaa garuu akka mana ufiititti hara baafatan godhee murteesse.Mot. 1ffaa 12:18
15Solomoon worra muka baadhatan kuma torbaatamaa fi worra gaaratti dhagaa bocan namoota kuma saddeettamaa qaba ture.
16Kunniin hojjattoota banii irratti muudame namoota kuma sadihiitii fi dhibba sadihiitiin ala.
17Mootichi akka dhagaa gugurdaa mimmishaa lafaa qotanii baasanii baqassanii bu'uura manaatiif akka qopheessan ajaje.
18Akka kanaan ogeeyyiin mana ijaaran ka Kiraamiitii fi ka Solomoonii worri gosa Geebaalii bu'uura mana woyyu'uu buusu'uuf isaanii gawu qopheessan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.