Kitaaba Iyyoobii 4 - Kitaaba Woyyuu

Marii Jalqabaa(4:1—14:22)

1Eelfaaziin biyya Teemaanii deebisee akkana jedhe.

2«Iyyoob! namni tokko uduu uggee si woliin qaaqee

obsaan caqaftaafii?

ta'ullee eentu sitti dubbachuu dhiisa ree?

3Ati dur namoota baay'ee akka barsiisa'aa turte qaabadhu;

harka dadhabe qabdee jabeessa'aa turte.

4Dubbiin kee worra gufatanii gatantaran ol qaba'aa ture

worra jilbi isaanii hollatellee jabeessa'aa turte.

5Amma garuu rakkoon waan sitti dhufeef

obsa dhabdeerta,

waan rakkoon sitti jabaateef

abdii kutatteerta.

6Waaqa kee sodaatu'uun jajjabaachuun,

karaan qajeellumma'aa

abdii keetii mii?

7Yabo'ootii mee yaadi;

namni qulqulluu ta'ee bade eennu?

namni garaan isaa qajeelaa ta'ee bade eennu?

8Ani akka argetti

worri cubbuu qotan,

worri rakkoo facaasan,

woma kana haamatan.

9Isaan Hafuura Rabbiitiin badan

Aarii lola isaatiin badan.

10Leenci hin aada,

leenci sodaachisaan hin gururi'a,

ta'ullee ilkaan leenca darmi'ii caccabeera.

11Leenci jabaan waan dhadhoolee nyaatu yoo dhabe hin du'a;

Ilmooleen isi'iillee hin bittinnaayan.

12Ani dhossa'aan dhaamsa dhagaye;

Gurri kiyyallee hasaassii isaa dhagaye.

13Eebjuu halkaniitiin hennaa yaanni namatti dhufu;

Hirribni ulfaataanillee hennaa namatti bu'u;

14Soda'aa fi naasuun na qabee;

lafee tiyya maraa akka hollatan godhe.

15Hafuurri na afoo lufe;

sababaa naasu'uutiif rifeensi nafa kiyyaa kakka'e.

16Inni ammumaa dhaabata'aara, bifa isaa garuu adda baasuu dadhabe;

wonti woyii ija kiyya afoo ture;

hulee laagaan hin dhagayamnee laagaa akkana jedhu dhagaye,

17‹Dhugama ilmi namaa Rabbiin afo'otti qajeelaa ta'u'uuf

yookaan namni uumaa ufii afo'otti qulqullaayuu danda'aa?

18Rabbi garboota ufii yoo ka hin abdanne ta'e;

maleekkonnillee dogoggora ufiitiin yoo ka masifataman ta'e

19Eeganaa worri mana dhoqqe'ee keessa jiraatan;

worri hundeen isaanii biyyee irra ta'e,

worri uduu xiinxanaan hin nyaanne shaman maal haa ta'an?

20Jidduu ganamaa fi galgalaatitti hin bututan;

Uduu eennullee hin qaabanne baraa haga bara baraa badan.

21Akka daasee haanni isaa buqqa'eetitti,

ogummaa malee du'an.›

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help