1Worri Israa'elii worra Filisxeemii woliin wol lolu'uuf bayanii hulee Abeni'eezar jedhamutti quphatan; worri Filisxeemii ammo hulee Afeeq jedhamutti quphatan.
2Worri Filisxeemii lola jalqabe, worri Israa'elii worra Filisxeemiitiin mooyataman. Hennaa san worra Israa'elii keessaa namoota haga kuma afuriititu du'e.
3Worri hafan hennaa gara qe'ee ufii deebi'an manguddoonni Israa'elii «Adha Rabbi maaf worra Filisxeemii jalatti nu kuffise? Saanduuqa waada'aa akka nu jidduu deemu diina keenna jalaa akka nu baasu, Seelo'oo haa finnuu» jedhan.
4Kanaafuu namoota gara Seelo'oo erganii saanduuqa waadaa Rabbii Gooftaa banii maraa ka kiruubeeliin irra taa'u achii fidan; ijoolleen Eeli'ii lamaan Afiniinii fi Finihaasillee saanduuqa waada'aa woliin achi turan.
5Hennaa saanduundhi waadaa Rabbii gara qe'e'ee gale, baniin Israa'elii maruu haga lafti sochootutti guddisanii ililfatan.
6Worri Filisxeemii hennaa laagaa lililfataa dhagayan; «Laagaan ililfataa guddaan ka ganda Ibrootaatii dhagayama'aaru kun maali'i?» jedhanii akka saanduundhi waadaa Rabbii gara qe'e'ee gale hubatan.
7Worri Filisxeemii sodaatanii, «waaqolee tolfamaa keessaa tokkotu gara ganda isaanii dhufeera» jedhan; hayi nu hobbaasi! Asiin dura wonti akkanaa ta'ee hin beekuu; jedhan.
8Nu hobbaasi! waaqolee akkanaa jajjabaa kanniin jalaa eentu nu baasa? Waaqoleen kunniin ka dur worra biyya Misirii balaa gara garaatiin dhayan,
9Isin worra Filisxeemii! Jabaadhaa'a! akka isin isaan irratti gootan san hojjattoonni worra Ibrootaallee akka isin irratti hin goone jabaadha'aa lolaa'a!» jedhan.
10Worri Filisxeemii lolanii worra Israa'elii mooyatan, worra Israa'elii keessaa namoota baay'etu dhume; guyyaa san worri lukaan deemanii lolan namoota haga kuma soddomaatitu dhume.
11Saanduundhi waadaa Rabbii hin booji'ame ijoolleen Eeli'ii lamaan Afiniinii fi Finihaasillee hin du'an.
Eeliin Du'e12Guyyaa san namichi gosa Biiniyaamii tokko hulee lolaatii fiiga'aa dhufee uffata ufii bibbiinxee, daaraa ufitti firfirsee gara Seelo'oo dhaqe.
13Hennaa inni gara Seelo'oo dhufu Eeliin waan saanduuqa waadaa Rabbiitiif onneen isaa raafamee tureef teessuma baafatee karaa irra taa'ee eega'aa ture; hennaa inni gara qachatti'ii seenee isaanitti odeesse qachaan maruu hin iyyite.
14Eeliin hennaa iyya kana dhagaye, iyyansi kun maali'i? jedhe; namichillee ariifatee fiigee gara isaa dhaqee isatti hime.
15Bara san Eeliin jaarsa woggaa sagaltamii saddeetii ture; ijji isaa waan dadhabdeef dimimmiftee arguu dadhabe.
16Namichi odu'uun dhufe sun Eeli'iin, «Namni hulee duulaatii dheessee dhufe ana» jedhe; innillee namicha saniin «Ilma kiyya! wonti sun atta ta'e?» jedheen.
17Innillee deebisee «Worri Israa'elii worra Filisxeemii jalaa dheesse baniin baay'een dhumate, ijoolleen tee lamaanuu Afiniinii fi Finihaasillee hin ajjeefaman, saanduundhi waadaa Rabbiillee hin booji'ame» jedheen.
18Hennaa namichi dhaamsa fide sun waan saanduuqa waadaa Rabbii dubbate, Eeliin teessuma balbala laddatti irra taa'eeru irraa kufee waan jaaree ijji isaa dimimmifteertuuf lum'atti citee du'e; inni worra Israa'elii woggaa afurtama bulche.
Haati manaa Ta Finihaasii Duute19Hennaa san intalti ilma isaa ta Finihaasii ulfooftee dawuu geetteerti; haga akka saanduundhi waadaa Rabbii booji'ame, soddaan isi'iitii fi abbaan worraa isi'iillee akka du'an haga dhageette, naatee ciniinsifattee jilbiiffattee deette.
20Isiin uduu cicha'aartu worri isii deessisu, «Ilma dhiiraa deetteertaa jabaadhu!» jedhaniin; isiin garuu dhageettee deebii isaanii hin deebifne.
21Isiin waan saanduundhi waadaa Rabbii booji'ameef, soddaan isi'iitii fi abbaan worraa isi'iillee waan du'aniif ulfinni Israa'eliin irraa ka'e jettee maqaa daa'imaa Ikaabood jetteen.
22Isiin, «Waan saanduundhi waadaa Rabbii booji'ameef ulfinni Israa'eliin irraa ka'e» jette.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.