Gara Worra Qorontoosii 1ffaa 8 - Kitaaba Woyyuu

Horii Waaqa Tolfama'aaf Qalame

1 Hu. Er. 15:29; Rom. 14:19; 15:1-3 Waan foon waaqa tolfama'aa kennamee nu martinuu akka beekkumsa qabnu hin beenna. Beekkumsi akka uf maman taasisa. Jaalalti ammo keessa namaatii nagaya keenna.

2Gal. 6:3 Eennullee waan waa beeku yoo isatti fakkaate, haga beekuu isa barbaachisu hin beenne.

313:12; Gal. 4:9 Eennullee ammoo Rabbiin yoo jaalate, inni isa biratti ka beekkame.

410:19; Kes. Deb. 6:4 Eeganaa foon waaqa tolfama'aa kenname nyaachuun, waandhi tolfamaan maruu adunyaa kana irratti duwwaa akka ta'ee fi Waaqa tokkicha malee Waandhi biraa akka hin jirre hin beenna.

5Far. 136:2-3 Yoomillee waaqeffatamtoonni hedduu fi gooftonni heddutu jira. Haa ta'uu ammo samii irra ta'ee'e lafa irratti hagamillee worri waaqeffamtoota jedhaman yoo jiraatan,

6Mil. 2:10; Rom. 11:36; Efe. 4:5-6; Qol. 1:16 Nuuf wonti martinuu isa irraa nuu ta'e; nullee ka isaa ka taane Waaqa Waaqeffamaa Aabbaa tokkocha qabna. Wonti maruu karaa isaatiin ta'e, nullee worri ka isaa taane Gooftaa tokkocha Yesuus Kiristoosiin qabna.

710:27-28; Rom. 14:23 Haa ta'uu ammo, beekkumsi kun namoota maraa biratti hin argamu, gariin ammo haga ammaa waan waaqa tolfamaa barataniif ka waaqa tolfama'aaf woreegame jedhan waan nyaataniif sammuun isaanii dadhabaa waan ta'eef hin xuraaya.

8Rom. 14:17 Nyaanni ammo gara Rabbii nu hin dhiyeessu. Yoo hin nyaannellee womaa nu hin miidhu; yoo nyaannellee womaa bu'aa nuuf hin qabu.

9Rom. 14:13; Gal. 5:13 Haa ta'uu ammo, bilisa ta'uun keessan dadhabdootatti akka gufuu hin taane uf eegaa'a.

10Ati ka beekkumsa qabdu, nyaata mana waaqa tolfama'aa bira uduu teettu uduu namni tokko si argee, namni sun uduu dadhabaa ta'ee, ka waaqa tolfama'aaf dhiyaatu san nyaatu'uuf hin kajeeluu?

11Rom. 14:15 Ka beekkumsa keetiin dadhaba'aan bada'a jettu; inni kun obboleessa Kiristoos du'eef.

12Eegasuu obboleeyyan yakka'aa; sammuu isaanii dadhabaa madeessa'aa, Kiristoosiin yakkitan.

13Rom. 14:21 Kanaafuu yoo nyaanni ka obbooleessa kiyya gufachiisu ta'e, obboleessa kiyya akka hin gufachiifne sirimaa baraa haga bara baraatitti foon hin nyaadhu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help