1Daariyoos ilmi Arxekisisii gosa Meedoonii Baabilooniin irratti mooye.
2Inni mooyee woggaa jalqabaatitti ani Daani'eel kitaabbilee woyyuu laala'aa akkaataa Rabbi Ermiyaasii raattichatti dubbateen Yerusaalem diiggamtee tuulaa waan diiggamee taatee hennaan jiraattu woggaa torbaatamaa akka ta'e beeke.
3Ani uffata gaddaa uffadhee daaraa irra taa'ee kadhatu'uuf fuula kiyya gara Rabbii Gooftaa kiyyaa deebise.
4Ani Rabbii Waaqa kiyyatti cubbamaa ta'uu himata'aa «Ati worra si jaalatanii fi worra ajaja kee eeganii waadaa keetii fi jaalala kee ka baraa haga bara baraa isaanii eeddu; guddaanii fi ka sodaatamuu barbaachisu si'i; Rabbii Gooftaa keenna,
5nu'u ammo hammeeyyi'ii fi worra dhibu taanee cubbuu hojjannee si yakkineerra; seeraa fi ajaja kee raawwachuu dhiifnee lash jenneerra.
6Nu'u mootota, bulchoota, abboota teenna ta duriitii fi raattota tee ta maqaa keetiin banii lafa irra jiran maratti dubbatan hin dhageenne.
7Yaa Gooftaa'a! ati Waaqa dhuga'aati; nu'u ammo siif amanamtoota ta'uu dhiifnaan nu baniin Yihuuda'aa worri fago'oo fi dhiyoo jirru ka ati biyya maraa keessa bittinneessite, nu'u worri Yerusaalemiitii fi baniin Israa'elii maruu amma salphinni nu irra gayeera.
8Gooftaa kiyya! nu maruu waan si yakkineef mootonni teenna, bulchoota teenna, nu'uu fi abboota teenna irra salphinni gayeera.
9Gooftaa Waaqa keenna! nu'u yoo hagamillee si dhibne ati Waaqa araaraatii fi Waaqa namaa dhiiftu.
10Rabbii Waaqa keenna! nu'u seera kee eennee worra sii ajajamu hin taane; ajaja karaa raattota tajaajiltoota teetiitiin nu ajajje hin eenne.
11Worri Israa'elii maruu seera kee diigan; waan ati dubbatte maraa dhagawuu didan; nu'u waan si yakkineef seera abaarsaa ka ati karaa garbicha kee Muuse'etti kaku'uun himte maraa nutti fidde.
12Rakkinni guddaan nu'uu fi bulchoota teenna irra akka gawu dubbatte maruu akka nu irratti raawwatu goote, kanaafuu biyyoota lafa irra jiran maraa keessaa Yerusaalemiin caalaa ta adabamte sirima hin jirtu.
13Ati akkaataa seera Muuse'ee irratti barreeffameen rakkoo kana maraa nutti fidde; Rabbi Waaqa keenna! wonti kun maruu ta'ee nu'u cubbuu keenna irraa deebinee dhugaa duukaa bu'a'aa araara si irraa argachu'uuf si hin kadhanne.
14Rabbi Waaqa keenna! hujiin kee maruu dhuga'a; nu'u ammo waan sii hin ajajamneef ati rakkoo kana maraa nutti fidde.
15Rabbi Waaqa keenna! ati armaan dura banii kee hunna kee jaba'aan biyya Misiriitii baaftee haga adhaa akka maqaan kee beekkamu gooteerta; nu'u ammo cubbamtootaa fi yakkamtoota taane.
16Gooftaa kiyya! ati waan hujii balchaa hojjatte maraaf jettee gaara Yerusaalemii woyyicha kee irraa lolaa fi balaa kee akka kaaftu si kadhanna; nu'u sababaa cubbuu keennaatii fi yakka abboota teennaatiif Yerusaalemii fi baniin kee olloota keenna maraa jiddu'utti salphataniiran.
17Waandhana! ati faate'ee fi kadhaa kiyya naa dhagayi; maqaa keetiif jedhii mana woyyuu keetii garaa laafi;
18Waandhana! yabo'oo naa dhagayi; rakkoo keennaa fi badii qachaa maqaa keetiin waamamtuu laali; nu'u wonti si kadhannuuf araara kee hedanneeti malee hujii keenna misha'aan dhaadata'aatii miti.
19Yaa Rabbi! nuu dhagayi! Yaa Rabbi! nuu dhiisi! yabo'oo nuu dhagayi! hujii kee mudhisi! Waandhana! hin turin; qachaan tunii fi baniin kun maqaa keetiin waamamanii» jedhee Rabbiin kadhadhe.
Maleekkichi Gabri'eel Hiikkaa Raagaa Ibse20Ani cubbuu kiyyaa fi cubbuu Israa'elii worra kiyyaa himata'aa waan gaara isaa woyyichaatiif Rabbii Waaqa kiyya afo'otti kadhaa kiyya uduu wol irraa hin kunne kadhadhe.
21Uduma kadhata'aaru maleekkichi Gabri'eel ka ani jalqaba mudhataan arge gara hulee ani jiruu ariifatee barara'aa dhufe; hennaan sun hennaa ciincaa galgalaa itti dhiyeessan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.