1Achiin maayessa Daawiti worra Filisxeemii injifatee uf jala galche; qachaa «Meeteeg aamaa» jedhamtu isaan jalaa fudhate.
2Ammallee mootichi Daawiti worra Moo'aabii injifate; worra hidhaman akka lafa irra ciciisan godhee namoota sadihii keessaa namoonni lamaa akka du'an taasise.
3Kanaafuu worri Moo'aabii garboota isaa ta'anii gabbara'aa turan; Achiin maayessa Daawiti biyya laga Eefraaxisi ladda jiru qabachu'uuf hennaa deeme ilma Ra'aabii mootii Suuba'aa Adir'aazaariin dhayee ajjeese.
4Daawiti isa irraa worra farado'oo kuma tokkoo fi dhibba torbaatii fi worra miilaan deeman namoota kuma diddamaa booji'ee moorgaya faradoo isaanii kukkutee konkolaataa fardaa dhibbaa callaa hambise.
5Worra Sooriya'aa ka Damaasqoo keessa jiraatan Adir'aazariin gargaaru'uuf loltoota erginaan Daawiti lolee loltoota kuma lamaa ajjeese.
6Achiin maayessa Daawiti Damaasqoo keessatti hulee lolaa qopheesse worri Sooriya'aallee isaa garboota ta'anii gabbaraniin; Rabbi Daawitiin hulee inni dhaqe marattuu akka injifatu taasise.
7Daawiti ajajoonni Adir'aazarii hidhatan wontee worqii irraa hojjatame booji'ee gara Yerusaalemii fide.
8Mootichi Daawiti qachoota Adir'aazarii Beexahina'aa fi Biruutaayiin keessaa sibiila diimaa baay'ee fudhate.
9Mootiin Hamaatii Too'u akka Daawiti loltoota Adir'aazarii maraa injifate dhagaye.
10Too'u waan Adi'aazariin wol lola'aa tureef sababaa kanaaf mootichi Adir'aazar waan injifatameef isaa gammadee ilma ufii Uraamiin gara Daawitii erge; innillee meeshaa worqi'ii, birri'ii fi Sibiila diimaa qabatee dhaqe.
11-12Mootichi Daawiti orma injifate keessaa Eedoom, Moo'aab, Amoon, Filisxeemiif birri'ii fi worqii worra Amaaleqii irraa fudhate akkasuma boojuu Adir'aazar booji'e woliin kanniin Rabbiif adda baase.
13Daawiti hulee dhooqa sooqiddaa jedhamtee waamamtutti worra Eedoomii kuma kudha saddeetii ajjeesee hennaa deebi'e nama gurraa ta'e. turan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.