Gara Worra Qorontoosii 1ffaa 14 - Kitaaba Woyyuu

Kennaa Ayyaana Woyyu'uutii Fi Bu'aa Isaa

1 12:1,8-10,31 Jaalala faanaa deemaa'a; kennaa Ayyaanaa keessattuu raaga dubbachuu jabaadha'aa barbaadaa'a.

2Ka afaan haarawa dubbatu Rabbiif malee namaaf hin dubbatu; ka hubatu hin jiru, Ayyaanaan ammo dhossaa dubbata.

3Ka raaga dubbatu ammo ijaaru'uuf, gorsu'uuf, jajjabeessu'uuf namatti dubbata.

4Ka afaan haarawa dubbatu uf ijaara. Ka raaga dubbatu ammo woldaa Kiristaanaa ijaara.

512:10; 13:2; Ser. Lak. 11:29 Isin maruu akka afaan haarawaan dubbattan fedha; Kana caalaa uduu raaga dubbattanii fedha; akka woldaan Kiristaanaa ijaaramutti yoo dubbii hin hiinne afaan haarawaan ka dubbate irra ka raaga dubbatutu caala.

612:8 Amma ammo obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufee uduu afaan haarawa dubbadhee, mudhata, yookaan beekkumsa, yookaan raaga, yookaan barumsa yoo isinitti hin himne maal isin fayyada.

7Wontoonni akka booba'aa, kiraari'ii ka lubbuu hin qabne laagaa dhageessisee garaagarummaa sagalee isaanii attamiin beekuu danda'ama?

8Akkasuma xurumbaan laagaan isaa addaan bayee yoo hin beekkamne eentu lolaaf qophaaya ree?

9Akkasuma isin ammo dubbii hubatamaa afaaniin yoo hin dubbanne namoonni waan isin dubbata'aartan attam godhanii hubatan? Nama qilleensatti dubbate waan taataniif.

10Adunyaa irra maal laataa afaan laakkobsaa oliititu jira. Afaan hiikkaa hin qabne hin jiru.

11Eeganaa yoo ani hiikkaa afaan sanii hin beenne, namicha itti dubbata'aarutti keessummaa ta'a. Anaa dubbadhuullee keessumma'a.

12Akkasuma ammo isin worra kennaa Ayyaana woyyu'uu jabeessitanii barbaaddan yoo taatan woldaa Kiristaanaa jabeessu'uuf akka isinii badhatu barbaadaa'a.

13Kanaaf ka afaan haarawa dubbatu akka hiiku Rabbiin haa kadhatuu.

14Ani afaan haarawaan yoo Rabbiin kadhadhu Ayyaana kiyyatu kadhata; sammuun kiyya ammo womaa hin qabu.

15Efe. 5:19; Yaq. 5:13 Eeganaa maal godhuu? Ayyaanaan Rabbiin kadhadha; Akkasuma sammu'uunillee Rabbiin kadhadha; Ayyaanaan hin faarfadha; akkasuma sammu'uunillee hin faarfadha.

16Sen. 1ffaa 16:36; Nah. 8:6 Akkana yoo hin taane, yoo ati Ayyaanaan eebbiftu, namni hin baranne taa'ee waan ati jedha'aartu yoo hin beenne, «Attam godhee galata keetii Amiin» jedha?

17Ati akka misha'atti galatoonfatta; ka biraa ammo waan kanniiniin hin jajjabaatu.

18Ani isin maraa caalaa afaan haarawaan waan dubbadhuuf Rabbii kiyya hin galatoonfadha.

19Haa ta'uu ammo kaawwan akkasuma barsiisu'uuf woldaa Kiristaanaa keessatti dubbii hagaa olii afaan haarawaan dubbachu'uu mannaa dubbii shanii sammuu kiyyaan dubbachuu jaaladha.

20 Mat. 10:16; Rom. 16:19; Efe. 4:14 Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'imman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a.

21Isa. 28:11-12 Akkana jedhamee seera keessatti barreeffameera.

«‹Afaan haarawa namoota dubbataniif,

afaan biraatiin banii kanatti hin dubbadha;

akkanallee ta'ee naa hin dhagayan› jedhe Gooftaan.»

22Eeganaa afaan haarawaan dubbachuun worra hin amanneef malkata malee, worra amananiifii miti. Raaga dubbachuun ammo worra amaneef malee worra hin amanneefii miti.

23 Hu. Er. 2:12-13 Eeganaa woldeenni Kiristaanaa maruu wol gayanii yoo afaan haarawaan dubbatan namoonni hin baranne, yookaan hin amanne uduu seenanii, «Maraataniiran» hin jedhanii?

24Yoh. 16:8; Ibr. 4:12 Uduu maruu raaga dubbatanii ammo ka hin amanne, yookaan namni hin baranne uduu seenee maruu cubbuu ufii hubatee gaabba; waan maraa hin qorata.

25Isa. 45:14; 60:14 Waan garaa isaatitti dhokkatellee hin ibsa; akkasuma, «Dhugamaan Rabbi isaan jidduu jira» jedhee dubbata'aa afo'otti kufee Rabbii sagada.

Seera Rabbiin Waaqeffatuu Woldaa Kiristaanaa

26 12:8-10; Efe. 4:12 Eeganaa obboleeyyan tiyya! maali'i? Hennaa wol geettan maraafuu faaruu, barumsa, mudhata, afaan haarawaan dubbatu'uu fi ka hiikullee maruu ijaaru'uuf haa ta'u.

27Ka afaan haarawa dubbatu yoo jiraate, lama yookaan yoo guddate sadihi ta'ee kore koree haa dubbatanii; tokko ammo haa hiikuu.

2814:2-4 Yoo ka hiiku hin jiraanne ammo woldaa Kiristaanaa wodhakka'atti cadhisee ufii Rabbiin woliin haa dubbatuu.

2912:10; Hu. Er. 17:11; Tas. 1ffaa 5:21 Raattonni lama yookaan sadihi ta'anii haa dubbatanii, kuuwwan ammo adda isaanii haa baasanii.

30Worra achi taa'an ka biraatitti wonti tokko yoo isaa ifeef ka duraa haa cadhisuu.

31Maruu akka baratuuf, maruu akka gorfamuuf raaga dubbachuu hin dandeettan.

32Ayyaanni raattotaa raattotaaf ajajama;

33Rabbii Waaqa nagayaati malee Waaqa wocaa waan hin taaneef.

Woldaa Woyyuu Kiristaanaa marattuu akkanuma.

3411:16; Ser. Uma. 3:16; Efe. 5:22; Xim. 1ffaa 2:11-12 Dubartoonni woldaa Kiristaanaa keessatti haa cadhisanii. Seerri akkasuma akka jedhu akka ajajamtaniif malee akka dubbatan waan isaanii hin eeyyamamneef.

35Dubarti'iif woldaa Kiristaanaa wodhakka'atti dubbachuun fokkuu waan ta'eef yoo woma kamuu baratuu fedhan mana ufiititti abbaa manaa ufii haa gaafatanii.

36Maali'i? Dubbiin Rabbii isin biraa dhufee? Yookaan gara keessan callaa gayee?

3710:15; Yoh. 1ffaa 4:6 Eennullee raaga yookaan nama Ayyaanaa waan ta'e yoo itti fakkaate ka isinii barreesse kun ajaja Goofta'aa akka ta'e haa beekuu.

38Eennullee namni kana hin beenne yoo jiraate inninuu hin beekin.

39Kanaaf obboleeyyan tiyya! Raaga dubbachu'uuf jabeessa'aa barbaadaa'a; afaan haarawaan dubbachuu hin dhoogginaa'a.

40Qol. 2:5 Haa ta'uu ammo maruu haalaa fi seeraan haa ta'uu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help