1Waan araara keetiitii fi waan haqa keetii faarfadha;
Yaa Rabbi! weeddu'uun galata sii dhiyeessa.
2Karaa mudaa hin qabne jabeessee qabadha;
ati yoom gara kiyya dhufta?
mana kiyya keessa
garaa qulqullu'uun jiraadha.
3Ani waan hamaa ija tiyya dura hin kaayu;
hujii worra gantootaa hin jibba;
isaaniin wolii hin galu.
4Yaanni micciiramaan na irraa haa fagaatu;
hammeennaa hulee hin kennu.
5Ani nama dhossa'atti nama hamatu akka cadhisu godha;
nama akka waan gudda'aatitti uf laalu;
ka garaa keessa boonu
isaa hin obsu.
6Akka na woliin jiraataniif;
ijji tiyya amanamtoota ardii irra jiraatan irra jirti;
ka karaa qulqullu'uun deemu;
inni na tajaajila.
7Eennullee namni sobaan;
mana kiyya keessa hin jiraatu
ka soba dubbatu;
na afo'otti ol jedhee hin dhaabatu.
8Hammeeyyii ardii irra jiraatan maraa;
ganama maraa isaan balleessa;
worra hamaa hojjatan maraa;
qachaa Rabbii keessaa
isaan barbadeessa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.