1 Rom. 1:1 Phaawuloos garbicha Rabbiitii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, worra Rabbiin filatamaniif akka amantaa isaanii ta'u, abdii bara baraatii fi akka waaqeffannaa dhuga'aa beekaniif ka ergame;
2waan jireenna kanaatiif Rabbiin hin sobne baroota hedduun duratti abdii kenne.
3Xim. 1ffaa 1:11; 2:6-7; Efe. 1:9-10 Inni hennaa murteessetti ajaja Rabbii fayyisaa keennaatiin lallaba yaboo natti kenname kanaan dubbii ufii addaataa godhe.
4 Qor. 2ffaa 8:23; Gal. 2:3; Xim. 2ffaa 4:10 Tokkummaa amanta'aatiin Tiitoo ilma kiyya ka dhuga'aatiif:
Rabbi Aabbaan, qoricha keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, araaraa fi nageenni sii haa ta'u.
Tiitoon Qarxeesiin Keessatti Hojjate5 Hu. Er. 14:23; Xim. 2ffaa 2:2 Sababaa kanaaf waan hafe akka karaa qabsiiftu, qachoota maraa keessatti akkuma ani si ajaje woldaa Kiristaanaa keessattillee manguddoota akka muuddu Qarxeesitti si dhiise.
6Xim. 1ffaa 3:2-7 Manguddoonni Woldaa Kiristaanaa ka mudaa hin qabne, ka haadha manaa tokkotti'ii fi ka ijoollee amanan qabu, waan adaba dhabu'uutii fi ajajamu didu'uun ka hin himatamne yoo jiraate muudi.
7Qor. 1ffaa 4:1-2; Xim. 2ffaa 2:24; Phex. 1ffaa 5:2 Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi ka waan shinga'aa hin jaalanne,
8Ka keessummaa simatu, ka waan mishaa ta'e jaalatu, ka uf eegu, qajeelaa, woyyu'uu fi ka uf qabu haa ta'uu.
9Xim. 1ffaa 3:2-7 Akkasuma barumsa jireenni keessatti argamuun gorsu'uu fi worra morman dogoggora isaanii itti himee deebisuu akka danda'uuf, akkuma barate dubbii amaname saniin haa jabaatuu.
10 Hu. Er. 15:1 Worra hin ajajamne, ka waan duwwaa qaaqanii fi soban, keessattuu gosa worra gadoomanii keessaa heddu.
11Xim. 2ffaa 3:6; Phex. 1ffaa 5:2 Kunniinillee waan shinga'aatii fi waan ta'uu hin barbaachifne barsiisa'aa, maatii maraa waan dogoggorsaniif afaan isaanii cufuu barbaachisa.
12Isaanuma keessaa raanni tokko, «Namoonni Qarxeesii hennaa maraa kijibdoota, busaayaa hama'a, nyaattotaa fi worra hujii hin qabne» jedheera.
13-14Xim. 2ffaa 4:2 Ragaan kun dhuga'a; sababa kanaaf mammaaka Yihuudotaatii fi ajaja worra dhugaa irraa fagaatanii akka hin caqafne worra amanti'iin fayye akka ta'an jabeessii isaan gorsi.
15Mat. 15:11; Rom. 14:14,20 Worra qulqullu'uuf wonti martuu qulqullu'u; worra battaayanii fi hin amannee ammo wonti qulqulluu ta'e womaa hin jiru. Haa ta'uu ammo qalbi'ii fi yaanni isaanii battaayeera.
16Xim. 2ffaa 3:5,17 Isaan «Rabbiin beenna» jedha'aa ifa dubbatan. Haa ta'uu ammo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif hujii ufiitiin isa ganan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.