Seera Laakkobsaa 24 - Kitaaba Woyyuu

1Bala'aamillee akka Rabbi Israa'eliin eebbisuu barbaadu haga arge mita duraan hojjatu san soqu'uuf hin deemne; garuu gara lafa gammoojji'ii deebi'e.

2Bala'aam ol jedhee yoo laalu worri Israa'elii akka gosa gosaan taa'eeru arge; Hafuurri Rabbiillee waan isatti dhufeef,

3akkana jedhee Bala'aam Baalaaqitti mammaake,

«Ilmi Bi'oorii Bala'aam,

ka ijji isaa banamteef akkana jedha.

4Ka dubbii Rabbii dhagawu,

ka mudhata Rabbii waan maraa danda'uu argu

ka Rabbiin afo'otti kufee ijji isaa banamteef akkana jedha.

5Yaaqoobii kiyya! daaseewwan kee,

Israa'elii kiyya bakkeewwan bulti'ii kee

akkam bareedan?

6Isaan akka dhooqa diriiranii

akka biqiltuu daangaa lagaa,

akka muka qumbi'ii

akka birbirsa afaan lagaatitti babadhateera.

7Waabaawwan isaanii keessaa bisaan jiga;

sanyiin isaanii hennaa maraa rooba hin dhabu;

mootiin isaaniillee Agaagiin caala;

mootummaan isaaniillee kabajjama'a.

8Rabbi biyya Misiriitii isa baase;

Rabbi akka gafarsaatitti isaanii lola;

banii isaaniin lolullee dhayee

lafee isaanii caccabsa;

woraana ufiitiin isaan woraana.

9Baniin kun akka leenca korma'aatii fi

akka leenca dhala'aa ripheera;

eentu uggee isa kaasa?

ka si eebbisu maruu haa eebbifamu;

ka si abaaru maruu ka abaarame haa ta'u»

10Baalaaq Bala'aamitti guddisee aaree harka itti dhadhayatee akka ati diina kiyya abaartuuf si waame ati garuu hennaa sadihii isaan eebbifte;

11Kanaafuu gara hulee dhuftee deebi'i; ani si kabajjuu fedhee ture; Rabbi ammo ulfinna si dhooggate» jedheen.

12-13Bala'aam Baalaaqiin «Uduu Baalaaq birri'ii fi worqii mana isaa guute naa kennelle'ee waan badaa yookaan waan mishaa godhu'uuf jecha Rabbii diiguu hin danda'u; ‹waan Rabbi dubbate san dubbadha› jedhee worra natti ergitetti hin himnee?» jedheen.

Dubbii Raagaa Ka Bala'aam Hennaa Arfeesso'oo Dubbate

14Dhuma irratti Bala'aam Baalaaqiin, «Ani ammo gara banii kiyyaa deema; koottu waan duranaa baniin kun banii kee irratti godhu sitti himaa» jedheen.

15Akkana jedhee mammaaka itti mammaake;

«Ilmi Bi'oorii Bala'aam,

ka ijji isaa banamteef akkana jedhe.

16Ka dubbii Rabbii dhagawu

ka Rabbii beekumsaan waa maraa ol ta'e beeku

ka mudhata Rabbii waa maraa danda'uu argu ka Rabbiin afo'otti kufee ijji isaa banamteef akkana jedha.

17Arga'aara garuu ammaa miti;

laala'aara garuu dhiyo'oo miti;

Yaaqoobiin keessaan bakkalchatu baya;

Israa'eliin keessaa ulee mootumma'aatitu baya;

daangaa worra Moo'aabii,

hortee worra Seeti'ii maraa hin balleessa.

18Edomiyaasiin mooyatee ka ufii godhata;

diinni isaa Seeyirillee ka isaa ta'a;

Israa'elillee akkuma mooyatetti jiraata.

19Ka Yaaqoobiin keessaa bawu bulchaa isaanii ta'a;

worra qachaa isaanii irraa hafan garuu hin balleessa.

20Kanaan maayessa Bala'aam worra Amaaleqii argee akkana jedhee itti raage;

«Worri Amaaleqii bulchaa worra ormaa ture;

garuu dhumti isaanii hin bada.

21Worra Qeenaawotaallee argee akkana jedhee isaanitti raage

«Huleen bultii'ii kee ka jabaatee eeggamu;

manni keellee hulee ol fagaatu irratti ijaarameera.

22Garuu isin worri Qeenotaa hennaa Asoor isin mooyate hin diiggamtan.

23Dhuma irratti Bala'aam akkana jedhee raage;

‹Hennaa Rabbi waan kana godhu hayi! eentu lubbu'uun jiraata?›

«Markaboonni daangaa kitimiitii dhufanii worra Asoorii dhiphisan.

24Worra Eebooriillee hin dhiphisan;

innillee akkasuma gara badi'ii dhufa.

25Bala'aam ka'ee gara hulee dhufeetitti deeme; Baalaaqillee hin lixe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help