Kitaaba Faaru'uu 73 - Kitaaba Woyyuu

Kitaaba sadeesso'oo(Faaruu 73-89)Murtii Haqaa Ka RabbiiFaaruu Asaafii

1Rabbi worra garaan isaanii qulqulluu ta'e;

Israa'elii attam arja'a!

2Sakaalladhee,

mucucaadhee kufu'uuf ammo

diqqomatu na hafe.

3Hammeeyyiin yoo milkaayan argee;

worra dhibutti hinaafee ture.

4Ifaajee tokkollee hin qaban;

nafti isaaniillee fayya'aa fi qanani'a'a.

5Rakkoon namoota irra gayu

isaan irra hin gayu;

akka namoota kaawwanii hin rakkatan.

6Kanaafuu uf jajuun faaya morma isaaniiti;

dhibuu akka uffataatitti uffataniiran.

7Ija ufii ka coome babaasan;

garaa isaanii keessa yaanni duwwaan guutee irra jiga;

8Balda'aa hammeenna dubbatan;

mala miidhaniin dhayatan.

9Waaqatti dubbachuu uggan;

arrabni isaanii ardii woliin gaya.

10Kanaaf baniin gara isaanii hurrisa;

bisaan isaaniillee hagaa ol dhugan.

11«Sirima Rabbi attamitti beeka?

Inni maraa olii beekkumsa qabaa?» jedhan.

12Eeganaa hammeeyyiin kana fakkaatan;

hennaa maraa worra hajaa hin qabnee fi

dureeyyi'i.

13Adaa ani akkanumaan garaa kiyya qulqulleeffadhe;

adaa ani duwwamaaf gara laafumma'aan harka kiyya dhiqadhe.

14Guyya guutuu balaan natti bu'e;

ganama ganama hin adabame.

15Uduu ani «akkana dubbadha» jedhee jiraadhee;

silaa fiixaa ijoollee teetii hin gana ture.

16Hennaa waan kana hubachu'uuf yaale;

hujii dadhabsiisaa natti fakkaate.

17Kun haga ani gara mana woyyuu Waaqaa seenutti;

haga dhuma isaa arguuf ture.

18Dhugamaan hulee mucucaa isaan keette;

gara badi'iillee isaan buufte.

19Attamitti dafanii yoosuu badan!

sirima naasu'uun diiggaman.

20Akkuma namni yoo eebju'uu dammaqu ta'u;

Gooftaa'a! atillee hennaa kaatu;

akkuma suursa'aa duwwaa isaan goota.

21Hennaa lubbuun tiyya mararamte;

hennaa garaan na cite;

22wollaala'aa fi ka si'a hin qabne ta'e;

si afo'otti akka hori'ii ta'e.

23Kunillee ta'ee ani hennaa maraa sima woliin jira;

atillee harka kiyya ka mirgaa na qabdeerta.

24Gorsa keetiin na masakkite;

dhuma irratti gara ulfinnaa na seensifta.

25Ani sami'itti simalee eennuun qaba?

lafa irrattillee si malee waan hawwu hin qabu.

26Foonii fi garaan kiyya dadhabuu danda'an;

Rabbi garuu jajjabeenna garaa kiyyaa;

hiree kiyya ka bara baraati.

27Kunoo worri si irraa fagaatan waan badaniif;

Ati worra siif amanamtoota hin taane maraa

hin balleessita.

28Anaaf garuu Rabbitti dhiyaachuu naa woyya;

Rabbi Gooftaa irkoo kiyya godhadha;

waan hujii keetii mara dubbachu'uuf.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help