Seera Uumamaa 18 - Kitaaba Woyyuu

Keessummoonni Sadihii Abrahaamitti Dhufan

1Abrahaam guyyaa uduu balbala daasee ufii taa'eeru, Rabbi qilxuu Maammire'ee biratti itti mudhate.

2Inni ol jedhee yoo laalu namoonni sadihii isa afoo ka dhaabataniiran argee isaan simachu'uuf balbala daasee ufiitii ka'ee gara isaanii fiigee isaanii sagadee,

15Saaraan waan guddiftee sodaatteef «Ani hin kolfine» jettee waakkatte; inni ammo «Lakki kolfiteertaa» jedheen.

Abrahaam Worra Soodomiitii Rabbiin Kadhate

16Kanaan maayessa namoonni sunniin achii ka'anii gara Soodoomii deeman; Abrahaam isaan geegesse.

17Rabbi, «Ani waan godhu Abrahaamiin dhossaa?

18Abrahaam dhugamaan banii guddaa waan ta'uuf; baniin biyya lafaa maruu isaan eebbifama.

19Inni waan qajeellumma'aatiif murtii qajeelaa godha'aa ijoollee ufiitii fi akaakayyoota ufiillee gorsa'aa isaan qajeelcha; kunillee waadaan Rabbi Abrahaamii gale akka raawwatamuuf» jedheen.

20Rabbi deebi'ee, «Iyyansi Soodoomiitii fi Gomoora'aa guddisee guddateera; cubbuun isaanii guddisee waan ulfaateeruuf.

21Kanaafuu waan isaanii waan dhagaye maraa akka dhugaa ta'e laalu'uuf gara isaanii bu'a; yoo bu'uu baadhellee ani hin beeka» jedhe.

22Kanaan maayessa namoonni lamaan sunniin achii gara Soodoomii deeman; Abrahaam ammo yoo san akkuma Rabbiin afoo dhaabatetti ture.

23itti siiqee «Yabo'oo dhugamaan ati qajeelaa cubbamaa woliin balleessitaa?

24Uduu namni shantamaa qajeelaan qachaa san keessatti argamanii maraa wolumaan balleessitaa? Qachattii san qajeelaa shantamaa sanniiniif jettee hin dhiiftuu?

25kun si irraa haa fagaatu; nama cubbamaa qajeelaa woliin balleessuu'u, qajeelaanillee akka cubbama'aa ta'uu'u wonti akkanaa kun si irraa haa fagaatu; ka biyya lafaa maratti murteessu murtii qajeelaa hin murteessuu?»

26Rabbillee Abrahaamiin, «Qachattii Soodoomii keessatti yoo qajeelaa nama shantamaa arge isaaniif jedhee hin dhiisa» jedhe.

27Abrahaam deebisee, «Ani nama daaraa biyyee womaa keessa hin jirre ta'ee Gooftaa kiyya woliin uggaan dubbachuu kiyyaaf dhiifama naa godhi;

28namni shanii qajeelaan waan irraa dhidhateef sababaa nama shaniitiif qachaa maraa balleessitaa?» jedheen; Rabbi, «Yoo nama afurtamii shanii arge hin balleessu» jedhe.

29Ammallee Abrahaam deebi'ee «Maal laataa uduu qajeeltonni afurtamaa argamanii hoo?» jedheen; innillee deebisee, «Sababaa namoota qajeeltota afurtamaa sanniiniif jedhee hin dhiisa» jedhe.

30Abrahaam, «Yabo'oo Gooftaa'a hin dubbadhaa natti hin aarin maal laataa yoo qajeeltonni soddomaa argaman hoo?» Jedheen. Innillee, «Qajeeltota soddomaa yoo arge hin balleessu» jedheen.

31«Gooftaa kiyya ani amma eega si woliin dubbachuu jalqabe uduu diddamni argamanii hoo?» Jedhe; innillee, «Diddamni yoo argaman, isaaniifuu jedhee hin balleessu.»

32«Gooftaa kiyya ammallee yabo'oo hennama takkattii dubbadhaa naan hin lolin; maal laataa uduu kudhan argamanii hoo?» jedhe; Innillee, «Kudhan sanniiniifuu jedhee hin balleessu» jedhe.

33Rabbi haga Abrahaamiin woliin dubbii fixe hin deeme; Abrahaamillee gara hulee ufii deebi'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help