1Ilmi Iyyoo'akaazii Yoo'aas Israa'eliin irratti mooyee woggaa lammeesso'ootitti Ameesiyaas ilmi Iyyoo'aasii Yihuudaa irratti mooye;
2Inni hennaa moowu nama woggaa diddamii shanii ture; Yerusaalemiin irratti woggaa diddamii sagal bulche; haati isaa ta Yoo'aadaa jedhamtu dubartii Yerusaalemiiti.
3Inni waan qajeelaa Rabbiin afo'otti hojjate; garuu waan abbaan isaa hojjate hojjate malee akka abbaa isaa akka Daawitii hin hojjanne.
4Garuu hulee sagadaa ka tulluu irraa ka worri ormaa itti waaqeffatan hin diinne; sababaa kanaaf baniin tulloota irratti ciincaa dhiyeessu'uu fi hixaana aarsuu hin dhiifne.
5Haga mootummaan isaa jabaateef worra baallii qaban ka abbaa isaa ajjeesan maraa hin ajjeese.
6Akkuma kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame Rabbi, «Namni maruu cubbuu ufiitiif haa du'uu malee cubbuu ijoollee ufiitiif hin du'in; Cubbuu abboonni hojjataniif ijoolleenillee hin du'in; namni kamuu yakkuma ufii hojjateef du'aan haa adabamuu» jedhee kenne raawwateera.
7Ameesiyaas, hulee «Dhooqa sooqiddaa» jedhamee waamamutti loltoota Edoomiyaasii kuma kudhanii fixe; qachaa Seelaa jedhamtu qabatee «Yooqixi'eel» jedhee maqaa itti baase; haga adhaa maqama kanaan waamamti.
8Kanaan maayessa Ameesiyaas, «Koottu qaamaan wol arginaa!» jedhee gara Yoo'aasii ilma Akaaziyaasii ilma Iyyu'uu erge.
9Mootichi Iyyoo'aas akkana jedhee isaa deebise, «Hennaa woyii qummuudduun gaara libaanosii irra jiraattu takka munni libaanosii mucaa kiyya ka dhiiraatii mucattii tee ta intalaa naa kenni› jettee dhaamsa itti ergite; garuu bineensi Libaanosii karaa san uduu lufu qummuuddattii irra ijjatee ajjeese;
10Emeesiyaas! ati waan worra Edoomotaa mooyatteef boontaa? mootee argattetti gammaddee mana kee taa'uu sii woyya maaf waan sii fi banii kee irrattillee balaa fidu ufitti kaasuu barbaadda?» jedhee gara mootii Ameesiyaasii dhaamsa erge.
11Ameesiyaas garuu dhagawuu didee lolaaf baye; inninii fi mootiin Yihuuda'aa Ameesiyaas raasaa Beetasamiisii ta Yihuudaa biraatitti wol lolan.
12Mootiin Yihuuda'aa mooyatamee loltoonni isaallee dheessanii gara qachaa ufii galan.
13Mootiin Israa'elii Yoo'aasi mootii Yihuuda'aa Iyyoo'aasii ilma Akaazii Ameesiyaas Beetasaamisitti booji'ee gara Yerusaalemii deemee kaloo Yerusaalemii balbala Efreemii irraa jalqabee haga balbalaa ciqilee dhibba afurii diige.
14Worqii'i, birrii'i, mana Rabbiitii meeshaa woyyuu'u, galmee mana mootichaa maraa, namoota akka qabdi'iititti booji'amanillee fuudhee gara Samaariya'aa deebi'e.
15Wonti Yoo'aas hojjate, gara jabeenni isaa, akki inni mootii Yihuuda'aatiin wol lole galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
16Yoo'aas du'ee qachaa Samaariya'aa awwaala mootonni Israa'elii itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoorbi'aamitu mooye.
Ameesiyaas Mootiin Biyya Yihuuda'aa Du'e(Sen. 2ffaa 25:25-28)17Iyyoo'aas mootiin Yihuuda'aa ilmi Ameesiyaasii haga mootiin Israa'elii Yoo'aas ilmi Akaaziyaasii du'een maayessa woggaa kudha shan jiraate.
18Wonti Ameesiyaas hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
19Achiin maayessa Yerusaalemitti Ameesiyaasiin ajjeesu'uuf itti malanii turan; sababaa kanaaf Ameesiyaas dheessee gara qachaa laakkisoo dhaqe; diintonni isaa garuu laakisotti nama itti erganii ajjeesisiisan.
20Reeffa isaa fardatti fe'anii fidanii Yerusaalemiin qachaa Daawitiititti awwaala abboota isaa biratti awwaalan.
21Baniin Yihuuda'aa maruu mucaa Azaariyaasii Ooziyaa ka woggaa kudha jahaa fuudhanii bikka Ameesiyaasii mootii taasisan.
22Ooziyaan haga abbaan du'een maayessa lolee mooyatee qachattii Eelaatii uf jala taasisee deebisee ijaare.
Iyyoorbi'aam Mootii Israa'elii Ka Lammeesso'oo23Iyyoo'aas Ilmi Ameesiyaasii Yihuudaa irratti mooyee woggaa kudha shaneesso'ootitti Iyyoorbi'aam ilmi Yoo'aasii Israa'eliin irratti mooye; inni teessoo ufii Samaariyaa keessa godhatee woggaa afurtamii tokko bulche.
24Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii ka Israa'eliin dogoggorse maraa irraa hin deebine.
25Lafa armaan dura ta Israa'elii ture karaa Haamaatii gara kaabaatiin jiruu jalqabee gara kibbaatiin haga galaana Arabaa maraa mooyatee deebise; kun maruu ka raawwatame sababaa garbicha Rabbii ilma Amitaayii Yoonaasii raattichaa dhalataa biyya Gaatifeeriitiin abdii Rabbi Waandhi Israa'elii kenneetiin.Yon. 1:1
26Rabbi rakkoo hamaa Israa'elii arge; Israa'eliin keessa garbichallee yoo ta'e wolabtichi nama isaan gargaaru hin qaban.
27Rabbi akka banii Israa'elii lafa irraa balleessu hin dubbanne; kanaafuu karaa ilma Yoo'aasii Iyyoorbi'aamiitiin Rabbi isaan hambise.
28Wonti Iyyoorbi'aam hojjate, gara jabeenni isaa, lolee Damaasqo'oo fi Hamaatiin duraan ka Yihuudotaa Israa'elootaa akka deebise galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
29Iyyoorbi'aam du'ee awwaala abboota Israa'elii biratti awwaalame; ilmi isaa Zakkaariyaas bikka isaa mooye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.