Raajii Isaayyaasii 63 - Kitaaba Woyyuu

Mooyicha Rabbiitii Fi Hunna Fayyummaa Isaa

1Ka Bootsiraa biyya Edomiyaasiitii

uffata diimaa uffatee dhufa'aaru

kun eennu?

ka hunna ufii gudda'aan

uffata maalale'ee uffatee deemu

kun eennu?

«Ka murtii kennu,

ka hunna fayyumma'aa qabu ana Rabbi.»

2Akka nama daraaraa daadhii woyini'ii cuunfee baasuutitti

uffanni kee maaf diimate?

3Rabbi akkana jedhee deebisa,

«Ani hojjuma kiyya orma maraa

akka woyini'iititti irra ejjadhe;

hennaa ani waan kana godhu

banii keessaa ka na woliin ture hin jiru;

ani aaree isaan irra ejjadhe;

lola kiyyaan isaan butuche;

dhiinni isaanii uffatatti na faca'e.

4Ani haluu bayu'uuf murteeffadheera;

hennaan banii kiyya oolchullee gayeera.

5Hennaa naannaya kiyya laalu ka gargaaru eennullee hin jiru;

ka gargaaru waan hin jirreef

guddisee maalalfadhe;

kanaaf ani lola kiyya gudda'aan mootee fide.

6Ani lola kiyyaan isaan kuffisee lafatti isaan eda'e;

lolli kiyya guddaan akka isaanitti dhagayamu godhee

dhiiga isaaniillee lafatti jisse»

Arjummaa Rabbi Yerusaalemitti Mudhise

7Ani waan inni nuu godhe maraafuu,

yaada mishaa araara ufiitiin inni banii Israa'eliitii godhee fi

waan jaalala isaa ka baraa haga bara baraatii fi

waan hujii isaa ka eebbaa arjummaa Rabbii

ka haga hin qabnee ibsee dubbadha.

8Rabbi,

«Dhugamaan isaan worra kiyyaa fi

ijoollee tiyya ta hin sobne» jedhe.

Inni fayyisaa isaanii ta'e.

9Inni ka hennaa rakkinna isaanii maraa isaan oolche;

ergamaa yookaan maleekkaa ergee uduu hin taane

ufumaa jidduu isaaniititti argamee jaalalaa fi

gara laafummaa ufiitiin isaan oolche;

inni duruma irraa jalqabee isaan baadhate.

10Isaan garuu Hafuura isaa woyyuu gaddisiisan;

kanaaf inni isaanitti ka'ee isaan adabe.

11Kanaan maayessa bara Muusee tajaajilaa Rabbii

yaadachuu jalqaban;

Rabbiin tissee hori'ii woliin galaana keessaa baase meeti?

Rabbiin Hafuura woyyuu isaan keessa kaaye meeti?

12Akka maqaan isaa ka bara baraa waamamuuf

isaan afo'oo bisaan gar gar kute,

ka ulfinna qabu,

ka hunni isaa akka harka Muuse'eetiin deemu godhe

eessa jira?

13Hennaa galaana xiillaa keessa deeman

akka womaa hin gufanne

akka farda lafa diriiraa irra deemuu isaan taasise.

14Akkuma gobbuu hori'ii ka dhooqa keessa yaa'uu

Hafuurri Rabbii hara isaan baafachiise;

akka maqaan kee kabajjamuuf

akkaataa kanaan banii kee masakkite.

Faatee Araaraa Fi Gargaarsa Argachu'uuf Faateffatan

15Yaa Rabbi! Waandhana!

hunninii fi hinaaffaan kee meeti?

fedhiin kee mishaanii fi gara laafummaan kee meeti?

isaan nu irraa fagaataniiran;

hulee woyyu'uu fi mana kee kabajjamaa sami'ii irraa gad nu laali.

16Yoo Abrahaam nu hin beenne,

Israa'elillee yoo nu hin hubanne ati abbaa keenna;

Waaqa keenna! maqaan kee duruma irraa fayyisaa keenna.

17Waaqa keenna!

maaf akka karaa kee irraa bannu nu goote?

akka nu si hin sodaanne maaf garaa nu jabeessite?

yabo'oo hojjattoota teetii fi

worra gosa kee ta'aniif jedhii nuu deebi'i.

18Manni kee woyyuun hennaa hago'oof

qabeenna banii woyyuu keetii ture;

amma garuu diintota teennatu keessa deema.

19Nu akka worra si jalatti hin bullee fi

akka worra maqaa keetiin hin waamamnee

haga taane turreerra.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help