Kitaaba Faaru'uu 1 - Kitaaba Woyyuu

Jireenna Nama Hama'aatii Fi Jireenna Nama Misha'aa

1Namni gorsa worra hammeeyyi'iitiin hin deemne,

ka karaa worra cubbamtootaa irra hin dhaabanne,

ka worra baldan woliin hin teenne eebbifama'a.

2Namni akkanaa kun seera Rabbiititti gammada;

halkanii fi guyyaallee seeruma isaa dhudhuma.

3Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee

ka hennaa isaatitti daraaraa kennuu,

akka muka baalli isaa hin harcaaneeti;

wonti inni hojjatu maruu hin ta'aaf.

4Worri hammeeyyiin garuu akkanaa miti;

akka buraa qilleensi fuudhee deemuuti.

5Kanaafuu hammeeyyiin murtii afoo,

cubbamtoonnillee tokkummaa qajeellotaa keessatti

argamuu hin danda'an.

6Rabbi karaa qajeellotaa eega;

karaan hammeeyyi'ii garuu hin bada.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help