1Rabbi Muusee galaana Yoordaanosiin bira raasaa Moo'aabii keessatti kolba Iyyaariko'ootitti akkana jedhee itti dubbate,
2«Qachaa worrii Leewwotaa keessa jiraatan lafa isaanii irraa akka kennan ijoollee Israa'elii ajaji; hulee horii itti bobbaafatan ka naannaya qachaa sanii worra Leewwotaatii kennaa'a.
3Isaanillee qachaa keessa haa jiraatanii; waan qaban, loowwanii fi horii ufii maraa itti haa bobbaafatanii.
4Huleen isin worra Leewwotaatiif kennitan naannaya qacha'aatiin ala ciqilee kudha tokkoo haa ta'uu.
5Qacha'aan ala gara baya biiftu'uutiin ciqilee kuma lamaa, gara cinaa bita'aatiin ciqilee kuma lamaa, gara cinaa dhiyaatiin ciqilee kuma lamaa kennitaniif; qachaan isaanii kennitan sun hulee isaan horii itti bobbaafatan taati.
6Qachoonni worra Leewwotaatii kennitan jahanuu hulee itti baqatan; isaan hulee worri lubbuu ajjeesan akka itti dhokataniif kennitaniif; kanniiniin alatti qachoota afurtamii lamaa edaatanii kennitaniif.
7Qachoonni isin worra Leewwotaatii kennitan qachoota afurtamii saddeetii ta'an; hulee itti bobbaafatan woliin isaanii kennitan.
8Qachoonni lafa ijoollee Israa'elii irraa fuutanii worra Leewwotaatii kennitan worra hedduu irraa heddu fuudhaa'a; worra hagoo irraa hagoma isaan irraa fuudha'aatii isaanii kennaa'a; namni maruu haguma lafa ufiititti qachoota ufii worra Leewwotaatii kennaa'a» Qachoota Itti Baqatan(Kes. Deb. 19:1-13; Iyya. 20:1-9)
9Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
10«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; laga Yoordaanosii ceetanii hennaa biyya Kana'aanii galtan,
11isin keessaa namni tokko yoo dunnuu nama ajjeese hulee itti dhokatu akka isaanii ta'u ufiif qachoota fooyadhaa'a.
12Firri namni sun jalaa du'e akka haluu isa hin baane inni achitti dhokata; namni yakka ajjecha'aatiin himatame uduu gara murti'ii hin dhufne hin du'u.
13Qachaan itti baqattan qachoota jahaa isinii haa ta'uu;
14Yoordaanosiin gamatti qachoota sadihii filtan; biyya Kana'aaniititti qachoota sadihii kennitan; qachoota isin itti baqattan isinii ta'a.
15Qachoonni jahan kunniin ijoollee Israa'eliitiif keessummaanii fi worri isaanitti galee jiraatu keessummaan isaanii yoo dunnuu nama ajjeesan qachoota baqatanii itti galan.
Nama Nama Ajjeese Haluu Bayuu'u16«Namni yoo sibiilaan dhayee nama ajjeese lubbuu saniif hin gaafatama; ka lubbuu ajjeesellee sirima haa ajjeefamuu.
17Namni yoo dhaga'aan nama dhaye ka dhaga'aan dhayame sun yoo du'e namni dhagaan dhaye sun yakka ufiitiif hin adabama; ka nama ajjeese sun haa ajjeefamuu.
18Namni yoo mukaan nama dhayee namni dhayan sun yoo du'e ka nama san dhayee ajjeesellee haa ajjeefamuu.
19Firri namni sun jalaa du'e nama mukaan dhayee ajjeese san haa ajjeesuu.
20«Namni tokko nama biraa waan jibbeef darbee yoo isa kuffise yookaan yoo waan biraatiin darbate yookaan yoo tontoommo'oon dhayee isa ajjeese,
21waan yakka ajjeecha'aa raawwateef innillee haa ajjeefamuu; firri isaa bakkuma isa argetti isa haa ajjeesuu.
22«Garuu namni tokko uduu nama tokko hin jibbine dunnuu yoo isa kuffise, uduu waa isatti hin darbanne yoo inni waa irratti kufe,
23Yookaan uduu isa hin argine dhaga'aan dhayee yoo ajjeese diina isatti ta'uu yoo hin feene,
24baniin nama dhayee ajjeese saniif fira namni sun jalaa du'e jidduu seenee murtii dhuga'aa kennee,
25nama nama ajjeese san du'a oolcha; baniin maruu gara qachaa inni itti baqatee sanitti deebisanii gadichi muudame sun haga du'utti achuma taa'a.
26Namni nama ajjeese sun ammo qachaa itti dheesse san daangaa isi'iitii yoo baye firri nama du'ee sun daangaa,
27qacha'aatiin alatti yoo isa argee nama nama isa jalaa ajjeese san yoo ajjeese gumaa isatti hin ta'u.
28Gadichi guddaan haga du'uuf qachaa itti baqatan san keessaa bawuu hin barbaachisu, gadichi guddaan haga du'een maayessa garuu namni dhiigaa sun gara lafa ufii deebi'a.
29Worri kunniin maruu daasee wol gayi'ii keessan keessatti seeraan murtii ilmaan ilmaan teessanii isinii haa ta'uu.
30Namni dhiigaa maruu raga'aan ajjeefama; ragaa nama tokkootiin hin du'u.Kes. Deb. 17:6; 19:15; Kes. Deb. 34:2; Ser. Lak. 27:7
31Namni dhiigaa maruu du'aan adabama; nama dhiigaa san oolchu'uuf horii irraa hin fudhatinaa'a; namni nama ajjeese sirima haa du'uu.
32Gadichi guddaan uduu hin du'in gara lafa ufii deebi'u'uuf gara qachaa itti dhokatee sanillee yoo dheesse gatii dhiigaa irraa hin fuudhinaa'a.
33Dhiigaan waan lafa balleessuuf lafa teessan hin batteessinaa'a; dhiiga nama nama ajjeesee yoo jissan malee lafti hin qulqullooftu.
34Ani Rabbi ijoollee Israa'elii jidduu waan jiruuf lafa ani isaan woliin irra jiraadhu hin batteessinaa'a»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.